Gadaa Journal/Barruulee Gadaa: Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii Hawaasa Oromoo Booranaa

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 24

Gadaa Journal/Barruulee Gadaa

Vol. 4 No. 1 January 2021 e-ISSN: 2616-3985


p-ISSN: 2616-3977
https:journals.ju.edu.et
A Bilingual Journal of the Institute of Oromo Studies
(IOS) Jimma University

---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------

Full Length Research Paper


Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii Hawaasa Oromoo Booranaa
1
Abdulshakuur Ahimad-fi, 2Alamuu Disaasaa (PhD)*
1
Yuunivarsiitii Arsii, 2Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa,
Email: alemu.disasa@astu.edu.et
Submission Date:
Acceptance Date: January 20, 2021

Axareera

Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyee faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa


qaaccessuudha.Kaayyoo kana fiixa baasuuf, qorataan mala qorannoo akkamtaatti dhimma
bahuudhaan ragaalee qorannichaaf barbaachisan afgaaffii, daawwannaafi marii garee
xiyyeeffannoo fayyadamuun walitti qabuun mala akkamtaan qaacceffaman.Argannoowwan
qorannichaa akka muldhisanitti, faaruun loonii Oromoo Booranaa sirna mataa isaa kan
qabuufi dhiiraafi dubartoonni gamtaan yookiin dhuunfaadhaan kanfaarfatan. Oromoon
Booranaa faaruu loonii ittiin boohaaruuf, jaalala loon isaatiif qabu ittiin ibsachuudhaan
alatti, dhimmoota siyaasaafi ilaalcha hawaasaa, diinagdee, aadaafi seenaa isaaatiin
walqabatan irratti dhaloota haaraa barsiisuuf yookiin qaruuf itti fayyadamu. Haata‟uu
malee, sababoota akka babaldhina amantiilee biyya alaa dhufanii, itti fayyadama
meeshaalee teeknoloojii, akkasumas, jijjiirama haala jireenyaa dhaloota haaraa irraa kan
ka‟e, loon faarfachuunOromoota Booranaa, keessattuu dhaloota haaraa, biratti akka aadaa
boodatti hafaatti fudhatamaa dhufeera. Kanaaf, qorataan faaruu loonii kana walitti qabanii
barreeffamaan akka kaa‟an, qabiyyee sirna barnootaa naannichaa keessatti akka
galchaniifi qorannoo dabalataa dhimmicharratti baldhinnaan adeemsisuu akka yabootti
kaa‟eera.

Jechoota Ijoo: Afwalaloo, Faaruu loonii, Oromoo Booranaa, Ogafaan,

------------------------------------------------------------------------------------------------------

40
------------------------------------------------------------------------
* Corresponding author.
Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Abstract
This study focuses on the analysis of the content of folk songs of the Borana Oromoo. To this
end, relevant qualitative data were collected through interview, observation and focus
group discussion and analysed qualitatively. Results of the study reveal that the folk song of
Borana Oromoo has its own rules and procedures and sung by both sexes individually or in
chorus. The Borana Oromoo use folk songs not only to express the love and emotional
attachments that they have with their cattle, but also to refelect their political opinions and
educates younger generation about the economic activity, cultural norms and history of the
society. Nevertheless, due to the incursion of foreign induced religions, the introduction of
electronic equipments and the change in the life style of the younger generation, nowadays,
the Borana Oromoo folk songs are considered obsolete and less practiced especially among
the younger generation. Hence, documentation of these cultural songs and blending them
into the educational curriculum of the region and conducting further study have been
recommended.

Key Terms: Borana Oromoo, Folklore, Folk songs, Oral Poetry

------------------------------------------------------------------------------------------------------

1. Seen-duubee Qorannichaa
Dhalli namaa tooftaalee ittiin eenyummaa, aadaa, seenaa, akkasumas, falaasama jiruufi
jireenya isaa ittiin ibsatu keessaa ogafaan isa tokkoodha.Ogafaan haala faayidaafi akkaataa
inni ittiin calaqqisurratti hundaa‘een hayyoota garagaraatiin hiikni itti
kennameera.Melakneh (2006, f.1) hiikkaa ogafaanii ―Oral literature refers to the verbal
heritage of man kind transmitted from generation to generation by word of mouth‖
jechuudhaan kaa‘a. Haaluma walfakkaatuun, qorattuun Sone (2018, f.4) hiikkaa ogafaanii
―Oral literature is part of the vast field of knowledge known as ‗oral tradition‘ or ‗orality‘,
that is, a system of communication in which information and messages are transmitted
verbally from one generation to another,‖ jechuun ibsiti. Yaada kana cimsuudhaan hayyuun
Malimo (2009) jedhamu ogafaan uunka aadaa kan qabuufi afaaniin kan darbu ta‘ee, af-
seenaa, faaruuwwan adda addaa, mammaaksota, hibboowwan ofkeessatti kan hammatuudha
jechuun kaa‘a. Yaada hayyoota kanaarraa hubachuun akka danda‘amutti, ogafaan qabeenya
dhalli namaa afaaniin yookiin dubbiidhaan labata tokkorraa kan itti aanutti dabarsu ta‘uu
isaatiifi akaakuu garagaraa kan qabu ta‘uu isaati.

Ogafaan hawaasa tokkoo, yoomiifi eessatti akka jalqabe wanti beekamu jiraachuu baatullee,
erga ilmi namaa gamtaan jiraachuu jalqabee kaasee kan tureefi har‘as kan jiru akka ta‘e ni
beekama.Dhimma kana ilaalchisee, Hayiluun(2016, f.16), ―Ogumni barreeffamaa osoo hin
eegaliin dura ilmi namaa aadaa, duudhaa, barsiifataalee, haala jireenyaa kkf.dhaloota lufuufi
dhufutti dabarsaa kan ture ogafaan fayyadamuun‖ jedha. Yaada kanarraa akka hubatamu,
ogafaan, dhalli namaa aadaa barreeffamatti gargaaramuu otoo hin jalqabin duraa eegalee
kan jiruudha.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 41


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Akkuma ummata addunyaa biroo, ummata Oromoo birattis, ogafaan baay‘inaan kan
argamuufi bakka guddaa kan qabuudha. Oromoon ummata bal‘aa hortee kuush ta‘ee, bara
duriirraa eegalee gaanfa Afrikaa keessa baldhinaan kan jiraatuudha. Ummanni kun adeemsa
waliin jireenyaa keessatti, akkuma saboota Afrikaa kanbiroo, ogafaan gargaaramuudhaan
eenyummaa, aadaa, seenaa, akkasumas, falaasama jiruufi jireenya isaa ibsachaa kan tureefi
ibsachaa kan jiruudha (Dirribi, 2011; Keller 1995).
Ogafaan Oromoo kunis, gosoota garagaraa qaba (Fedhasaa, 2013).Gosoota kanneen
keessaa, afwalaloon isa tokkoodha. Afwalaloon meeshaa dhalli namaa, muuxannoo jiruufi
jireenyaa, aadaa, seenaa, duudhaa, safuu, gootummaa, misooma, jaalalaafi eenyummaa isaa
kan darbee, kan ammaafi kan fuuladuraas kuulee bifa walalootiin ittiin waliif dabarsudha
(Finnegan, 2012; Dorson, 1972). Afwalaloon ummata Oromoo biratti heddu beekamaadha
(Ashenafi, 2014).Gosoota afwalaloo Oromoo keessaa faaruun loonii immoo isa
tokko.Faaruun loonii afwalaloo hawaasni horsiisee bulaan kallattiidhaan waa‘ee loon isaa
ittiin ibsatuudha. Haata‘uutti, ummanni kun yemmuu loon isaa faarfatu, haala kallatti
yookiin alkallatti ta‘een qabiyyeewwan seenaa, aadaa, akkasuma hawaas-diinagdee isaatiin
walqabatan kaasudhaan ergaawwan garaa garaatis nidabarfata. Kana waan ta‘eef, faaruu
loonii ummata tokkoo qaaccessuun yookiin xiinxaluuu, haala jiruufi jireenya ummatichaa
beekudhaaf nigargaara.
Ummanni Oromoo looniif bakka guddaa qaba.Kanaaf, jaalalaafi kabajaa loon isaatiif qabu
faaruudhaan ibsata (Filee, 2016; Bayyanaa, 2008).Faaruun loonii kunis, Oromoota hedduu,
keessattuu kanneen horsiisee bulaa ta‘an, biratti bifa garagaraatiifi yeroo garagaaraatti
faarfatama.Akkuma ummattoota horsiisee bultoota kanneen biroo, ummanni Oromootis
faaruun loonii kanatti fayyadamuudhaan, kallattiidhaan waa‘ee loonii yookiin hojii gaarii
dhimma looniitiin wal qabatanfi alkallattidhan immoo qabiyyeewwan siyaas-diinagdee,
aadaafi seenaa isaatiin walqabate ittiin ibsata.Akkuma gosoota Oromoota kanneen biroo,
Oromoon Booranaa faaruu looniitti fayyadamuudhaan ergaawwan garagaraa dabarfata.
Kanaafuu, qorannoon kunis, sirna Oromoon Booranaa faaruu loonii itti faarfatuufi faaruu
kanatti fayyadamee ergaawwan qabiyyee garaagaraa irratti inni dabarfatu adda baasuu irratti
kan xiyyeeffateedha.

Mataduree faaruu loonii irratti kanaan dura qorannoowwan garagaraa adeemsifamanii


jiru.Fakkenyaaf qorannoo mata duree ―Qaaccessa Yoomessaafi Qabiyyee Faruu Loonii
Ummata Oromoo Godina Baalee‖ jedhu Bayyanaa (2008) Godina Baalee Aanaa Laga
Hidhaarratti adeemsisee isa tokkodha.Akkamu mata duree isaatirra hubannu, qorannoon
Bayyanaa Oromoota gosa Arsii kan Godina Baalee keessa jiraatan irratti kanfuulleffatedha.
Karaa biraatiin xiyyeeffannaa mataduree isaa yoo ilaallu ammoo, qorannoon Bayyanaa
faaruu loonii yeroo midhaan ayiiddaa, yeroo qonnaa, yeroo aannan raasanii fa‘a. Kanaafuu,
qorannoo Bayyanaafi qorannoo kana gidduu garaagarummaan iddoo qorannoofi kan kallattii
xiyyeeffannoo ni jira. Fakkeenyaaf, qorannoon kun Oromoo Booranaa, Godina Gujii, Aanaa
Liiban keessa jiraatan irratti kan adeemsifamu yoo ta‘u, kan irratti xiyyeeffatu ammoo
faaruu loonii yeroo jilaa (gubbisaa yookiin fuudhaafi heerumaa), yeroo obaa, yeroo
galchumaa, yeroo gaaddisa jalatti boqotaniifi kan yeroo bobbaa fa‘aa.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 42


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Gabaabumatti, faaruun loonii ummata horsiisee bulaa Oromoo Booranaa biratti aadaa
baratamaafi baldhinnaan muldhatu ta‘ullee, sakattaa ragaalee qorataan kun taasise akka
muldhisutti, mata duree kanarratti qorannoon gaggeeffame hin jiru. Kana waan ta‘eef,
qorataan kun qaawwa ragaa yookiin beekumsaa gama kanaan jiru duuchuuf akkasumas,
aadaa kana dhaloota dhufuuf barreeffamaan dabarsuuf mataduree kana filatee qorannoo
gaggeesseera. Oromoon Booranaa bineelladoota garaa garaa kanneen akka gaalaa, re‘eefi
haarrees kan horsiisu yoo ta‘es, irra caalaan kan heddumminaan horsiisu garuu looni
yookiin horii gurguddaa gaanfaati. Ummatichi bineelladoota kanneeniif faaruu garaagaraa
qaba. Haa ta‘uutii, qorannoon kuni kan irratti xiyyeeffatu faaruu loonii qofarratti. Kunis kan
ta‘eef, ragaan faaruu loonii kuni heddumminaan kan argamuufi ummatichis qabiyyeewwan
heddu faaruu kannatti fayyadamuun waan kaasufi. Haaluma kanaan, qorannoon kun
gaaffilee bu‘uraa armaan gadii deebisuuf yaalee jira:
1. Sirni faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa ittiin faarfatan maal fakkaata?
2. Qabiyyeen faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa maal fa‘a?
3. Yeroo ammaa faaruun loonii hawaasa Oromoo Booranaa sadarkaa maalirraa jira?

2. Sakattaa Barruulee
Bu‘uurri eenyummaafi aadaa saba tokkoo ogafaan akka ta‘e hayyoonni ni mirkaneessu
(Sone, 2018; Kimani, 2010; Bukenya, Wanjiku, and Okot, 1994, Lusweti, 1992). Biyyoota
Afrikaa keessatti ogafaan yeroo duriirraa kaasee iddoo guddaa akka qabu hayyoonni ragaa
bahu (Sone, 2018; Chesaina, 1997). Yaada kana ilaalchisee hayyuun Chesaina (1997: xi)
jedhamu ―oral literature is one of the most vibrant aspects of African cultural heritage,‖
jechuun addeessa. Haaluma walfakkaatuun hayyuun Sone (2018,f.2) jedhamtu ―Oral
literature in African languages is naturally the oldest and most predominant‖ jechuudhaan
yaada walfakkaatu keessi. Ummanni Afrikaas, ogafaanitti gargaaramuudhhaan dhimmoota
isaan ilaallatu hedduu ittiin ibsatu. Barreessituun Sone (2009, f. 162) jedhamtu gama
isheetiinfaayidaa ogafaanii yemmuu ibsitu, ―Oral literary forms such as stories, songs and
proverbs are metaphors to guide moral choice and self-examination. They are mirrors for
seeing things in a particular way. They serve as pedagogic tool for teaching values that
guide children‘s concrete behavior in society,‖ jechuun baldhinnaan keechi. Akka yaada
hayyuu tanaatti, ogafaan kallatti hawaasni tokko addunyaa ittiin hubatu kan agarsiitufi
meeshaa hawaasni tokko safuufii duudhaa isaa dhaloota haaraa ittiin barsiisu yookiin haala
barbaaduun sammuu dhala isaa ittiin qarudha.

Akkuma armaan olitti ibsame, afwalaloon akaakuwwan ogafaanii keessa isa tokko ta‘ee,
meeshaa dhalli namaa, eenymmaafi haala jiruuf jireenya isaa bifa walalootiin ittiin waliif
dabarsudha (Finnegan, 2012; Dorson, 1972).Finnegan (2012, f. 265) afwalaloon hawaasa
aadaa baarreessuu hin qabnee keessatti faayidaa inni qabu yoo ibsitu, ―… oral poetry takes
the place of news papers among non-literate peoples‖ jetti. Kana jechuun, hawaasa aadaa
hogbarruu barreeffamaa hinqabne keessatti afwalaloon faayidaa gaazexaan odeffannoo
tamsaasuurratti taphatu bakka bu‘uudhaan ergaa barbaachisaa ta‘e ummataaf dabarsuu
danda‘a.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 43


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Afwalaloon amaloota garagaraa qaba. Inni jalqabaa, akkuma maqaa isaarraa hubachuun
danda‘amu, afwalaloon labata irraa labatatti kan darbu afaaniin. Inni biraa, afwalaoon
amaloota akka dhiikkisaa, wal simannaafi irra deddeebii sagaleefi safaraa mataa isaa kan
qabuudha. (Finnegan, 1977; Dorson, 1972).

Dabalataanis, ogafaan gosoota adda addatti qoodama. Uunkaa ittiin dhiyaatuufi amala
isaarratti hundaa‘uun, Fedhasaan (2013, f.18) ogaafaan Afrikaa seeneffamoota ogafaanii
(oral narratives), afwalaloo (oral poetry) fi qareeyyii yookiin raagamtaawwan gaggabaaboo
(witticism) jechuun akaakuuwwan gurguddoo saditti qoqqooda. Haaluma walfakkaatuun,
qorattuun Sone (2009) jedhamtu ogafaan durdurii, afwalaloo fi mammaaksa jechuun
akaakuu saditti adda qooddi.
5 Gosoota afwalaloo keessaa faaruun loonii isa tokko.Faaruun loonii afwalaloo
hawaasni horsiisee bulaan waa‘ee loon isaa ittiin ibsatuudha. Yaada kana ilaalchistee,
Finnegan (2012, f. 245), yaada itti aanu kana dhiheessite: ―Among pastoral peoples, songs
are often composed and sung in praise of individual beasts. Cattle come to mean far more to
their owners than mere economic sustenance…‖.Kana jechuun, ummata horsiisee bulaa
biratti, faaruun loonii baay‘ee beekamaafi meeshaa ummatichi jaalalafi kabajaa loon isaatiif
qabu ittiin ibsatu.

Karaa biraatiin, ogafaan walumaagalatti meeshaa hawaasni tokko beekumsa, seenaa,


ogummaa, duudhaa, barsiifataafi aadaa isaa dhalootaa gara dhalootatti ittiin dabarfatu
keessaa tokko ta‘us akkuma addunyaattuu xiyyeeffannaa gahaa hin arganne. Kanarraa kan
ka‘e, aadaan ogafaan fayyadamuu haphachaa dhufuun ni muldhata (Finnegan, 2012;
Assaffaa, 2009). Akka Assaffaan (2009,f.27) jedhutti, yemmuu jijjiiramni siyaasaa,
diinagdee, hawaasummaa, akkasumas, saayinsiifi teeknoloojiin hawaasa tokko keessatti
uummamu, ―hawaasni aadaa mataa isaa dhiisee kan biroo faana dhahuu jalqaba. Kun
immoo, geeddarumsa ogafaanitiif sababa guddaa ta‘a‖. Mataduree qorannoo kanaa
ilaalchisee, qoratichi muuxannoo isaarraa akka hubachuu danda‘etti, akaakuwwan ogafaan
Oromoo Booranaa keessaa isa beekamoo kan ta‘e, faaruun loonii, sababoota garagaraatiin
haphachaa yookiin laafaa waan dhufe fakkaata. Kanaafuu, sababoota laafiinsa faaruu loonii
Oromoo Booranaa adda baasuunfi ogafaan kuni barreeffamaan taa‘ee dhaloota dufuuf akka
darbu taasisuun xiyyeeffannoowwan qorannoo kanaa akka ta‘an godhameera.

3. Yaaxina Qorannichaa
Yaaxxinaalee adda addaa qorannoo ogafaan adeemsisuuf fayyadan hayyoonni kaa‘anii jiru.
Isaan keessaa bebbeekamoon Yaaxina Seen-Naannoo ―Historical Geographical Theory‖,
Yaaxina Hawaasummaa ―Anthropological Theory‖, Yaaxina Xiinsammuu ―Psychoanalytic
Theory‖ Yaaxina Caasaa Fookiloorii ―Structural Folklore Theory‖ fi Yaaxina Faayidaawaa
―Functional Theory‖ jedhamuun kan beekkamanidha (Dorson, 1963; Harle, 1999; Kha ,
2018). Yaaxinaaleen kunniin akkaataa qorannoon ogafaanii itti adeemsifamuu qabuufi
kallattiiwwan xiyyeeffannoo qorannooogafaanii irratti garaagarummaa qabu.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 44


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Kaayyoon qorannoo kanaas addadureedhaanqabiyyee faaruu loonii qaaccessuurratti waan


xiyyeefatuuf,yaaxinoota jiran keessaa qorataan adda durummaan Yaaxina Faayidaawaa
―Functional Theory‖ tti dhimma bahuudhaan qorannoo isaa adeemsiseera.

Yaaxinni Faayidaawaa ―Functional Theory‖ qorannoon ogafaanii tajaajila ogafaan hawaasa


keessatti qaburratti xiyyeeffachuu akka qabu kaa‘a.Akka Bascom (1954) ibsutti, kaayyoon
hayyoota Yaaxina Faayidaawaa qorannoo ogafaanii gaggeessuuf gargaaramanii immoo,
faayidaa ogafaanichi hawaasaaf kennu adda baasuudha.Yaada kana ilaalchisee Dorson
(1972, f.20) yoo ibsu, ―In the Functional theory, the text itself is meaningless apart from its
living presentation, or performance to a responding audience‖ jedha.Bu‘uuruma kanaan,
Bascom (1954) faayidaa ogafaanii iddoo gurguddaa afuritti qooda. Faayidaan jalqabaa
boohaarsisuu ―Amusement‖ yoo ta‘u, ilmi namaa dhiphinna sammuurraa bilisa ofgochuuf
kan fayyadamuudha. Inni lammataa, fudhatama aadaa saba tokkoo mirkaneessu ―validating
culture‖ ta‘a. Faayidaan inni sadaffaa, ogafaanii barnoota kennuun ergaa hubannoo qabu
dabarsuudha. Afraffaarratti, ogafaan duudhaafi aadaa hawaasa tokko keessatti fudhatama
qabu kunuunsuu ―maintaining conformity to the accepted patterns of behavior‖ (Bascom,
1954,f.345) akka ta‘e kaa‘a. Kunis, namoota aadaafi duudhaa sana cabsan qeequun
dhiibbaarratti taasisee karaatti deebisuudha.
Qoratichi qorannoo kana keessatti adda durummaan Yaaxina Faayidaawaatti dhimma bahus,
kallattiiwwan Yaaxina Hawaasummaa ―Anthropological Theory‖ dabalataan qorannoo
kanaaf bu‘uura godhateera.Sababni isaas, akka hayyoonni yaaxina kana deeggaran
kaa‘anitti, ogafaan tokko karaa kamiinuu xiinxaluuf, aadaafi haala jiruufi jireenya
hawaasichaa hubannoo keessa galchuun dirqama waan ta‘eef (Bascom, 1954).

4. Mala Qorannichaa
4.1. Haala Waliigala Naannoo Qorannichaa
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu gosa Oromoo Booranaa Naannoo Oromiyaa, Godina
Gujii, Aanaan Liiban keessa jiraatanirratidha. Sababaan qorattoonni ummata aanaa kanaa
filataniifis dhiyeenyafi haala mijaawaa ragaa guuruuf qabanidha.Aanaan Liiban, aanaalee
Godina Gujii keessatti argaman keessaa tokko yoo taatu, kallatti kibba bahaan magaala
guddittii biyyattitti Finfinnee irraa km 610 fagaattee argamti. Aanaan kun gandoota
baadiyaa kudha-lama kan qabdu yoo ta‘u, baayinni uummata aanichaas dhiira 41137 fi
Dubra 40487 walumagalatti 81622 ta‘a jedhamee tilmaamama. Haalli qilleensaa aanichaas
gammoojjiinfi ho‘i giddu- galeessa oC 25 yoo ta‘u, rooba waliigala waggaatti yeroo lama
qofa argatti.Aanaa kana keessatti baay‘innaan kan jiraatu Oromoota Booranaa yoo ta‘an
aanaalee isaan kaan keessa hedduminaan Oromoota Gujiitu jiraata (Waajira Misooma
Qonnaa Aanaa Liiban, 2010).
Oromoon Booranaa, horteewwan Oromoo gurguddoo lamaan (Boorana fi Baareentuu)
keessaa isa hangafaa kan ta‘eedha.Ummanni kuni baay‘inaan kibba Itoophiyaa, Naannoo
Oromiyaa keessa akkasumas kaaba biyya Keeniyaa keessa jiraata. Booranni irra caalaan
horsiisee bulaadha.Ummatichi baroota dheera darban keessa heddumminan loon
(saawwaniifi sangoota) qofa horsiisudhaan kan beekame ta‘us, yeroo ammaa rakkoo
haphina soorata loonii akkasumas jijjiirama haala qilleensa naannoo irraa kan ka‘e,

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 45


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

bineelladoota biro kanneen akka gaalaafi re‘ee dabalataan horsiisaa jiraachuu


qorannoowwan nimuldhisu (Bassi, 2010; Tigist Kebede, 2014). Baay‘ina qaabeenya loonii
ilaalchisee, loon 75 dhuunfaan qabaachudhaan ummanni Boorana biyya Itoophiyaa keessaa
sadarkaa tokkoffaarra jira (Teweldemedhn Mekonnen, 2018). Qorannoowwan garaa garaa
akka muldhisanitti, loon Boorana kan sanyii ‗Boran breed‘ jedhamuun beekaman biyyaa
keessafi adunyaa gubbaarattis oomishtummaa isaanitiiin kan beekamoodha. Biyyi keenya
foon gara biyyaa alaa erguun galii maddisiistu keessaa, harki caalaan kan argamaa jiru bu‘aa
sanyii loon Booranati. Haalli qilleensaa naannichaa gammoojii ta‘uu isaatirraan kan ka‘e,
ummata Boorana biratti bishaan yeroo heddu hanqinatu jira. Loon sanyii ‗Boran breed‘
jedhaman kuni ammoo rakkoo kana dandamachuudhaanis nibeekamu (Bassi and Tache
,2011). Walumaagalatti, jiruufi jireenyi ummata Booranaa loonifi bu‘aa loonii irratti
kanhundaa‘edha.

Oromoota birootiin walbira qabamee yemmuuilaalamu, Oromoon Booranaa dhiibbaalee


garaagaraa dandamachuudhaan aadaafii duudhaalee Sirna Gadaa akkasumas sirna Qaalluua
Oromoo qabatee turuudhaan beekkama (Dejene, 2017; Tesema, 2016; Zelalem, 2012; Bassi
and Boku, 2011; Bassi,2010).Sirni Gadaa, sirna bulchiinsaa waggoota saddeet saddeetiin
hoggansaa haala dimokraatawa ta‘een filachuun geggeeffamu ta‘ee, dhimmoota hawaas-
diinagdee, siyaasaa, aadaa, duudhaalee, qabeenya uumamaa, walumaagalatti falaasama
jiruuf jireenyaa ummata Oromoo kan ofkeessatti hammatedha.Gabaabumatti, sirni Gadaa
mallattoo eenyummaa ummata Oromoo akka ta‘e hayyoonni nimirkaneessu(Tesema, 2016;
Asmarom, 1973).Akkuma Sirna Gadaa, Qaallunis, sirna bulchiinsaa Oromoo Booranaa
keessatti iddoo guddaa qaba. Qaallummaan aangoo dhaabbataafi sanyiidhaan darbu yookiin
maatirraa dhaalamuu yoo ta‘u, abbaa gadummaan garuu angoo waggoota saddeetiiffilannoo
ummataatiin qofa argamudha (Dejene, 2017; Bassi, 2010).

Sirna Gadaa Booranaa keessatti, aadaanifi angoon bulchiinsaa walitti hidhiinsaa cimaa waan
qabaniif, namni tokko aangoo biyya bulchuu argachuudhaaf beekkumsa aadaafi duudhaa
ummatichaa beekuun dirqama.Oromoonni Booranaa heddumminaan Waaqeffataabkan turan
yoo ta‘u, yeroo ammaa garuu hedduun isaanii amantii isaanii gara Pirootestaantifi,
Islaamaatti jijjiiraa jiru (Habtamu, 2017).

Akkuma Oromoota isaan biroo, Oromoon Booranaa gosoota garaagaraatti qoodamuun


jiraatu. Gosootni Booranaa gurguddoon lamaan Sabboo fi Goonaa jedhamuun kan
beekaman yoo ta‘u, gosoonni kunneen gosoota garaagaraa ofjalatti hammatu (Zelalem,
2012). Akka aadaa Oromoo Booranaatti, gosti tokko walhinfuudhu (Zelalem, 2012;
Asmarom, 1973).

a
Qaalluu :-qaalluun dhaabbata amantaa Oromoo kan Waaqa tokkotti amanu yookiin sirna amantiii
Waaqeffannaa hordofudha. Karaa biraatiin, qaamni yookiin namni dhaabbata amantaa kana
hooqqanus qaalluu jedhamuun beekama (Dejene, 2017).Qaalluun humna eebbisee fayyisuu
akkasumas abaaree balleessuu qaba jedhamee amanama. Yeroo abbaan gadaa filatamu eebbisee
hojiitti galchu; nmoonni yoo waldhabanis araarsufis humna addaa akka qabu amanama (Kelly,
1992).
b
Waaqeffataa:- ummataa Waaqa tokko, kan waan hunda uumeetti amanu (believers of one Waaqa/God as
creator of the universe ) (Tesema Ta‘a 2016).

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 46


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

4.2. Saxaxa Qorannichaa


Qorannoon kunakaakuuogafaanii keessa isa tokko kan ta‘ee afwalaloo faaruu loonii
qaccessuurratti xiyyeeffata. Akka hayoonni ibsanitti, ogafaan yoo walitti dhufeenyi yookiin
qunnamtiin hawaasaa jiraate qofa jiraachuu danda‘a.Kanaaf, ogafaan hawaasa tokkoo
gadifageenyaan xiinxaluudhaaf haala jiruufi jireenya hawaasichaa gadifageenyaan beekuun
barbaachisaa ta‘a (Gabbert, 2010). Kana gochuuf immoo,saxaxaaadaa hawaasaa
‗ethnographic research method‘ fayyadamuun bu‘a qabeessa akka ta‘e hayyoonni
nimirkaneessu.Sababni isaas, qorataan kallattiin hawaasa bira deemee qorannoo
geggeessuuf waan gargaaruufiidha.Saxaxa qorannoo kana ilaalchisee Dastaa (2013, f. 32)
Spradely (1979) wabeeffachuun yoo ibsu, ―The goal of ethnographic research is to
understand another way of life from the native point of view‖ jedha.Akka yaada armaan olii
kanarraa hubannutti, kaayyoon qorannoo aadaa hawaasaa haala jireenya hawaasa tokkoo
kallattiin bira gahanii gadifageenyaan hubachuun akka danda‘amu addeessa. Kanaafuu,
qorataan kun mala qorannoo akkamtaa keessaa qorannoo aadaa hawaasaa fayyadamuun
qorannoo isaa kana adeemsiseera.

4.3. Madda Odeeffannoo


Qorannoon kun, madda odeeffannoo tokkoffaatti fayyadamuun gaggeeffame. Kanaaf,
qorannoo kana keessatti, jaarroleefi haawwonni beekumsa faaruu loonii Oromoo Booranaa
gadifageenyaan ni beeku jedhaman filatamanii akka madda odeeffannootti fudhatamaniiru.

4.4. Idattoofi MalaIddatteessuu


Qorannoon kun qorannoo aadaa waan ta‘eef, qoratichi odeefkennitoota isaa filachuudhaaf
mala iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu iyyaafannoo ykn darbaa dabarsaa
(snowball sampling) fayyadameera. Sababni isaas, odeefkennitoota mata duree kanarratti
odeeffannoo gahaa kennuu danda‘an kallattiin filachuudhaafi namoota odeeffannoo waa‘ee
faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa sirritti ni beeku yookiin nifaarfatu jedhaman
hawaasa keessaa barbaaduun filachuun barbaachisaa waan ta‘eef. Haaluma kanaan,
qoratichi namoota waa‘ee faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa gadifageenyaan beekan
dhiraa 12(kudhalamaa)fi dubbartoota 8(saddeet) walumaagalatti namoota
20(digdama)gandoota sadi kan carraatiin adda ba‘an keessaa filachuun akka iddattootti
fayyadameera.

4.5. Meeshaalee Odeeffannoo Ittiin Funaanan


Qorannoo kana keessatti, qorataan mala qorannoo akkamtaa keessaa qorannoo aadaa
hawaasaatti dhimma baheera. Meeshaalee odeeffannoo qorannoo akkamtaa ilaalchisee,
Dastaa (2002,f.230) yoo ibsu, ―Qorannoo akkamtaa gaggeessuuf odeeffannoo kan funaannu
daawwannaa, afgaaffii, dookimantii sakatta‘uufi meeshaalee suur-sagalee fa‘atti
deeggaramuudhaan‖ jedha. Bu‘uuruma kanaan, qoratichis meeshaalee odeeffannoon ittiin
funaannaman keessaa afgaaffii, daawwannaafi marii gareettixiyyeeffannoo fayyadamuun
ragaa barbaachisu sassaabateera.
.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 47


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

4.5.1 Afgaaffii
Qorannoo akkamtaa keessatti, afgaaffiin meeshaa funaansa ragaalee murteessaa akka ta‘e
hayyoonni nimirkaneessu (Punch, 1998).Odeefkennitoonni qorannichaa hedduun namoota
barreessuufi dubbisuu hindandeenye waan ta‘aniif, afgaaffii banaa ta‘anitti gargaaramuun
faayida qabeessaadha.Bu‘uuruma kanaan,qorataan kun, afgaaffitti gargaaramuudhaan
manguddootaafi namoota faaruu looniirratti hubannoo gadifageenyaa qabanirraa
odeeffannoo funaannateera.Baay‘inni namoota afgaaffiin dhihaateef namoota kudhan yoo
ta‘an, umriin isaanii waggaa 48 hanga 82 kan jiraniidha. Iddoon afgaaffiin itti adeemsifame
gandoota: Lagaguulaa, Goobichaafi Simmintooyoo ta‘an, xiyyeeffannoon guddaan
afgaaffichaas waa‘ee sirna faaruun loonii ittiin faarfamuufi sadarkaa yeroo ammaa faaruun
kunirra jiru sakatta‘uudha.

4.5.2 Daawwannaa
Daawwannaan qorataan tokko hawaasicha keessatti qaamaan argamee waa‘ee
dhimmichaagadifageenyaan hubachuuf kan gargaaruudha (Pandey&Pandey, 2015).
Bu‘uuruma kannaan, qorataan kun hawaasicha keessatti qaamaan argamuun faaruu loonii
hawaasa Oromoo Booranaa kan yeroo bobbaa, yeroo galchumaa, yeroo obaa faarfaman
daawwateera. Ragaan kunis, qorataan ragaalee afgaaffiin funaannate mirkanneeffachuuf
gargaareera.Odeeffannoo karaa daawwannaatiin argamaniifjirraa-jirree (cheklist)
daawwannaa akkasumas,meeshaaleesuur-sagalee fayyadamuudhaan bara 2010
ALIfunaannateera.

4.5.3 Marii Garee


Mariin garee tooftaa odeefkennitoonni waan dagatan walyaadachiisaa qorataadhaaf ragaalee
gahaa ta‘e akka kennan isaan taasisuudha (Filee, 2016; Dastaa,2002).Kanaaf, qoratichi
namoota waa‘ee faaruu looniirratti beekumsaafi hubannoo gahaa qaban gandoota filataman
keessatti walitti fideegaree lamatti qoodeemariiadeemsisuudhaan odeeffannoo
funaannateera.Baay‘inni hirmaattota garee tokkoo dhiira shaniifikan gareen lammata
immoo dubartoota shaniidha. Dhimmoonni isaan irratti mari‘atanis, sirni faaruu loonii ittiin
faarfamu maal akka fakkaatu, faaruun loonii qabiyyee maal maal of keessaa akka qabuufi
sadarkaa faaruun loonii yeroo ammaa irratti argamu kan jedhuudha. Haaluma kanaan,
qoratichi yaadota marii garee lamaan keessatti ka‘an yadannoo barreeffamaafi meeshaa
waraabbii sagalee fayyadamuun funaannateera.

4.6 Mala Qaaccessa Ragaalee


Qorataan kun odeeffannoo walitti qabate mala akkamtaa qabiyyee xiinxaluu ―qualitative
content analysis‖ fayyadamuun qaaccesse. Akka Dörnyei (2007, f,246) ibsitutti, malli kun
ragaa argame gadifageenyaan qaaccessuuf ―interpretive analysis of the underlying deeper
meaning of the data‖ mijaawaadha. Haaluma kanaan, qorataan kunwalaloowwan
sagaleedhaan waraabbaman erga garabarreeffamaatti jijjiireeirra deddeebi‘ee dubbisee
booda, yaad-rimeewwan gurguddoo ta‘an jalatti ramaduun qaaccesseera. Adeemsa qaacessa
ragaalee kana keessatti, qoratichi yaadota yookiin ergaawwan faaruu loonii keessatti ka‘an
haala hawaas-diinagdee, seenaa, akkasumas aadaa hawaasichaa waliinwalbira qabuudhaan

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 48


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

gadifageenyaan xiinxaleera.Kanaaf, adeemsi xiinxala ragaalee qorannoo kanaa hiika


jechoota walaloo faaruu looniirraa ka‘uudhaan gara aadaafi jiruuf jireenya hawaasichaa
xiinxaluutti deema.Haaluma kanaan, qorannoo kana keessattis odeeffannoon qabiyyeewwan
faaruu loonii funaanaman yaad-rimee isaaniirratti hundaa‘uun qoqqoodamanii bifa ibsaafi
addeessuutiin qaacceffamaniiakka armaangadiitti dhihaataniiru.

5 Qaaccessaafi Hiika Ragaalee

5.1 Sirnoota Faaruu Loonii Oromoo Booranaa

Akka ragaan odeefkennitootarraa argame agarsiisutti, faaruun loonii hawaasa Oromoo


Booranaa sirna garagaraatiin faarfama.Sirni kunis, yoomessaafi namoota faaruu faarfatan
bu‘uura godhatee raawwatama.Faaruu loonii hawaasa kanaa dubartootaafi dhiiraan kan
faarfamu ta‘ee, sirni ittiin faarfatan garuu addaddummaa qaba. Fakkeenyaaf, faaruuma
walfakkaataa tokko yeroo dubartootaafi dhiiraan faarfamu, yeedalloon isaa
garagara.Garaagarummaa yeedaloo kana irratti hundaa‘udhaan faaruundubartootaan
faarfamu faaruu loonii yoo jedhamu, kan dhiiraan faarfamu immoo weedduu loonii
jedhamuun beekama.Haata‘uutii, haala walfakaataa ta‘een dubbistootaaf ifa gochuuf,
qorannoo kana keessattijechi ‗faaruu‘ jedhu filatamee jira.
5.1.1 Sirna Faaruu Loonii Dubartoonni Faarfatan

Hawaasa Oromoo Booranaa biratti, dubartoonni faaruu loonii gamtaan (chorus) yookiin
dhuunfaan ta‘uudhaanakaakuu lamaan akka faarfatan ragaan funaanname niagarsiisa. Sirna
faaruu loonii dubartoonni gamtaan faarfatan keessatti dubartoonni jaalala looniif qaban
ibsatu.Sirna kana keessatti, dubartoota haawwan ta‘an qofatu hirmaata; shamarran keessatti
hin hirmaatan.Yeroo gamtaan faarfatan kana, dubartoonni tarree galanii dhaabbachuun golla
yookiin gogaa hin duugaminiifi harka isaanii rukutaawaljalaa qabuun faarfatu.Golla kana
immoo lafa osoo hin tuqsiisin bifa inni sagaleeuumuu danda‘uun miilaan rukutaa akka inni
sagalee baasu taasisu. Sababni isaan gogaa kana fayyadamaniifis, faaruu loonii san yeroo
faarsanitti, loon bakka sana waan hin jirreef gogaa kanaan yaadachuuf akka ta‘e
hirmaattonni qorannichaa nidubbatu. Faaruu gamtaa kana dubartoonni yeroo jilaa akka
gubbisaacfi cidhaa halkan faarsaa bulu.

Dabalataanis, sirna gamtaan loon faarfatan keessatti, dubartoonni gosa tokko ta‘an walitti
hin faarfatan.Sababni isaas, yeroo faaruu faarfatanitti, dubartoonni Oromoo Booranaa gosti
isaanii ‗Sabboo‘fi ‗Goonaa‘ jedhamuun beekaman keessaa, dubartiin gosa kamii caalatti
akka faarfatu ittiin madaaluuf akka ta‘e odeefkennitoonninimirkanneessu.
Yommuufaarfatanis, dubartoonni gosa lamaanii dabareedhaan walii dabarsuun yookiin
walirraa fuudhuun dhahatu. Dubartoonni hafan immoo,warra jalaa qaban jedhamu.Warri
jalaa qaban immoo, gosaan gargar hin bahan.

c
Gubbisa jechuun jila yokiin qophii abbaan ilma hangaatiif maqaa baasuuf qopheessuu jechuudha.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 49


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Sirni faaruu inni lammaffaan kan dubartoonni dhuunfaa farfataniidha. Akka


odeefkennitoonni himanitti, faaruu kana keessatti dubartiin tamiiyyuu dhuunfaan faarsuu
dandeessi.Meeshaan sagalee qabushinbarbaachisu.Faaruu kunis,kan yeroo obaafi yeroo
galchumaa faarfamuudha.

5.1.2 Sirna Faaruu Loonii Warri Dhiiraa Faarfatan

Akkuma kan dubartootaa, warri dhiiraas faaruu loonii yemmuu faarfatan gamtaan waljalaa
qabuudhaan yookiin dhuunfaan faarfatu. Sirna faaruu warri dhiiraa gamtaadhaan faarfatan
keessatti sagalee isaanitiin alatti meeshaalee muuziqaa keessaa dibbee ni gargaaramu. Kana
malees, harka isaanii waliitti rukutuudhaan faarfatau.Faaruun loonii kun kan dubartoonni
gamtaan faarfataniin walaloon isaa kan walfakkaatu ta‘us garaagarummaa heddu qaba.
Fakkeenyaaf, faaruun warra dhiiraa kan dubbartootaarraa yeedalloon isaa
adda.Dabalataanis, warri dhiiraa yemmuu faarfatan akka dubartootaa gosaan adda
hinqoodaman.Warri dhiiraa yemmuu faarfatan dibbeetti garagaaramuudhaan, taa‘anii wal
jalaa qabuudhaan iddoo jilaatti halkan faarfataa bulu.

Karaa biraatiin, akkuma kandubartootaa, warri dhiiraas sirna faaruu loonii dhuunfaan
farfatan niqabu. Sirna faaruu kana keessatti, dhiirri kamiiyyuu dhuunfaa isaatiin
faarfachuunidanda‘a. Meeshaan sagalee qabu hin barbaachisu. Sababni isaas, faaruu
akkanaa kun jamaa waan hin barbaaneefiidha. Sirni faaruu loonii warri dhiiraa
faarfatankunis, ganama yeroo loon bobba‘an nama loon bobbasuun akkasumas, yeroo loon
gaaddisa jalatti boqotaniitti faarfama.

Sirni faaruu loonii armaan olitti ibsame kuni, sammuu qaamota irratti hirmaatan
bohaarsudhaan alatti, hariiroo hawaasummaa qaamota kanaa cimsuu keessatti gahee olaanaa
taphachuu danda‘a.Dabalataan, sirni faaruu loonii, kessattu faaruun gamtaadhaan faarfamu,
dhaloota haaraaf carraa aadaa, duudhaa, safuufi seenaa isaa tooftaa salphaa ta‘een
ofbohaarsaa ittiin baratu uumuu danda‘a.

5.2 Qabiyyee Faaruu Loonii Hawaasa Oromoo Booranaa

Haawaasa aadaa ogbarruu barreeffamaa baldhinnaan hinqabne keessatti, afwalaloon akka


faaruu loonii ergaalee garagaraa ittiin dabarfachuudhaaf tajaajiluu akka danda‘u hayyoonni
nimirkaneessu (Filee, 2016; Finnegan,2012). Haaluma kanaan, faaruun loonii hawaasa
Oromoo Booranaa qabiyyeewwan garagaraa ofkeessaatti kanhammatu akka ta‘e ragaaleen
qorannichaa nimuldhisu. Bu‘uuruma kanaan, qorannoon kunqabiyyeewwanfaaruu loonii
Oromoo Booranaarratti xiyyeeffateejireenyi hawaasichaa gama siyaasaa,
diinagdee,hawaasummaa, seenaatiifi aadaatiin maal akka fakkaatu calaqqisiisa.
Walaloowwan faaruu loonii dhimmoota kana calaqqisiisan akka armaan gadiitti
qaacceffamanii dhiyaataniiru.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 50


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

5.2.1 Siyaasaafi Ilaalcha Hawaasichaa Ibsuu

Tooftaawwanhawaasni tokko quuqamasiyaasaa sammuu isaa keessa jiru ittiin ibsatuuf


gargaaran keessaa faaruun isa tokkoodha. Haala kana, Finnegan (2012, f. 265) ―Songs can
be used to report and comment on current affairs, for political pressure, for propaganda and
to reflect and mould public opinion‖ jechuun ibsiti. Akka hayyitti tanaatti, afwalaloon
dhimmoota akka siyaasaafi taateewwan haaraa ummata keessa jiran calaqqisiisu.Oromoon
Booranaas,faaruu looniitti gargaaramuun maalummaa daangaafi dhimmoota
daangaaummatichaatiin walqabatan dhalootaa dhalootatti daddabarsa. Yemmuu kana
raawwatus, faaruu loonii keessatti wantoota akka mukkeeniifi gaarreewwan adda addaa
ummaticha ollaa tokkoon waldaangessan gargaaramuuni.Faaruu loonii yaad-rimee kana
ofkeessaa qabu akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Baddanne waaree teetii
Adaan Gam- siiroo daangaa keeti
Baddanne waaree keetii
Dhaddachi warraabiidaangaa keeti…

Faaruu loonii kana keessatti bo‘oon, ―Baddanne waaree teetii‖ jedhu, loon sana yeroo
bobbaaf yaasan bakki loon sun itti bobba‘an daangaa hawaasa Oromoo Booranaatiifi
ummata Soomaalee kan taate iddoo‗Baddanne‘ jedhamtu akka ta‘e kan ibsuudha.
Akkasumas, bo‘oon, ―Adaan gam- siiroo daangaa keeti‖ jedhu keessattis, iddoon ‗Adaan
gam-siiroo‘ jedhamu daangaa Oromoo Booranaafi ummata Soomaalee akka ta‘e dhaloota
haara‘a beeksisuuf fayyadamu.

Dabalataanis, bo‘oo 4ffaa keessattis, ‗dhaddachi‘ muka jabinaan beekamufi naannoo daangaa
Booranaa keessatti ballinaan argamuu yoo ta‘u, jechi ―Warraabin‖jedhu immoo, maqaa
lafaa ibsa.Kanaaf, bo‘oo ibsame kana keessatti, ―Dhaddachi warraabii‖ daangaa ummata
Oromoo Booranaafi SoomaaleeAanaa Liiban keessatti kanargamu yoo ta‘uu, yeroo ammaa
ummata Soomaleetiin fudhatamee kan jiru ta‘uu isaa dhaloota ittiinbarsiisan. Haaluma
walfakkaatuun, faaruu loonii armaan gadiihaalagama siyaasaatiin ummatichi keessa jiru kan
ibsasuudha.
Sirraa „taqabballee‟
Sidaama gabbaree
Sirraa fuudhee turee
Sillad diimaa dhugee
Akkuma faaruu armaan olii keessatti muldhatu, baradurii hacuuccaan ummata Oromoorratti
gaggeeffamaa turetti, looniifi bu‘aa loon irraa argaman gita bittoota nafxanyaa ‗Sidaama‘
jedhamuun beekamaniin ummaticharraa saamamaa ture. Bo‘oon, ―Sirraataqqabballee‖
jedhu keessatti, jechi ‗taqaballee‟jedhu jecha Amaariffaa yoo ta‘u,Afaan Oromootiin
―fuunee‖ jecha jedhu bakka bu‘a. Bo‘oo kana keessatti,ummatichi bu‘aawwan loonirraa
argamu kanneen akka aannanii, dhadhaafi foon walitti qabuudhaan abboottii aangoo yeroo
d
Silla/Silgajechuun aanan furdaa saawwa reefu dhale irraa guyyoota jalqaba elmuudhaan argamu.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 51


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

sanaummata Oromoo gabroomfataa turaniif dirqamaan akka geessaa turan kan


muldhisuudha. Akka bo‘oo, ―Sidaamaa gabbaree‖ jedhu keessatti ifaan kaa‘ametti immoo,
warroonni bu‘aa loonii ummaticharraa saamaa turan sun,warroota yeroo durii biyya bulchaa
turan yookiin gita bittoota warra habashoota /Amaaraa/ akka ta‘an agarsiisa.

Dabalataanis, bo‘oowwan lamaan, ―Sirraa fuudhee turee‖ jedhufi ―Silla diimaa dhugee‖
jedhu, warroonni ummaticha hacuucaa turan aannaniifi dhadhaa malees, looniis bifa
gabaraatiin akka kennamuuf gochuudhaan horsiifatanii itti fayyadamaa kan turan ta‘uu
agarsiisa. Bo‘oon ―Silla diimaa dhugee‖ jedhu immoo, warroonni gita bittoonni loon
ummata Oromoorraa bifa gabbaraatiin saamaniihorsiifachuunsilla/silga elmachuun
fayyadamaa turuu isaanii agarsiisa. Walumaagalatti, ergaan walaloowwan faaruu loonii
gubbatti ibsaman lamaan haala siyaasaa Oromoon Booranaa keessa tureefi xiyyeeffannoo
ummatichidaangaa isaatiif kennu kan agarsiisuudha.Faaruu loonii kanatti
fayyadamuudhaan, Oromoonni Booranaa dhalootahaaraan dhiibbaa siyaasaa hawaasaa
isaarra gahu ofirraa akka faccisuakkasumas daangaa isaa akka kabachiifatu barsiisaa akka
turan/jiran hubachuun nidanda‘ama.

5.2.2 Haala Diinagdee Ibsuu

Diinagdeen guddinaa biyya tokkootiif akkasumas, jireenya hawaasa tokkootiif baay‘ee


murteessaa ta‘uun waan nama mamsiisuu miti. Diinagdeen hawaasa Oromoo Booranaa
immoo, adda durumaadhaan loon horsiisuurratti kan hundaa‘eedha. Ummanni kun faaruu
looniitti dhimma bahuun haala diinagdee isaa ibsata. Fakkeenyaaf, faaruun armaan gadii
kun yaad-rimee kana of kessaattikan hammatuudha.
Diimaa silla mirgaa
Ayyoo beela baasa
Diimtuu raadaa dhalaa
Aabboo deega baasa

Faaruu armaan oliikeessatti bo‘oon, ―Diimaa silla mirgaa‖ jedhu irraa hubatuun akka
danda‘amutti, aannan silla/silga loon irraa argamu namoonni akka hin beelofneef sooratu
yookiin dhugu.Bo‘oon, ―Ayyoo beela baasa‖ jedhu immoo, haati loowwan dhale qabdu
beelaafsaaxilamu akka hindandeenye mullisa.Sababni isaas, haati loon dhaltii qabdu aannan
loon sanarraa argattu dhugaa yoo barbaadde gurgurtee waan sooratan bitachuun beela of
baasti. Bo‘oon, ―Diimtuu raadaa dhalaa‖ jedhu, raada bifni ishee diimtuu hormaataaf tan
taatu ta‘uu ibsa. Bo‘oon, ―Aabboo deega baasa‖ jedhu immoo, loon tokko keessatti raaddi
dhalachuun hormaata loon sanaa waan agarsiisuuf, abbaa loon sanaatiif abdiin diinagdeen
isaa kan guddatu ta‘uuakkasumas deega yookiin hiyyummaa irraa bilisa ba‘uu isaa agarsiisa.
Sababni isaas, loon yoo raada dhalu hormaanni isaa kan itti fuufufi yoo gurguranis
galiirraawaan argataniif. Kana malees, abbaan loonii raada sana gurguratee sooramus akka
danda‘u ibsa.Haaluma walfakkaatuun, fakkeenya dabalataa faaruu diinagdee ibsu kan
armaan gaditti kenname ilaaluun ni danda‘ama.
Hirmaanni kaarraan duudee, galee mooraa guute;
Sarakkaboo galee, sarakkaboo dhale

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 52


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Karrattii gargar qabee


Galee moonaa guutee
Horee moonaa guutee
Abbaa ofii gurra guutee

Akkuma faaruu loonii kana keessatti muldhatutti, bo‘oon, ―Hirmaanni kaarraan duudee
galee mooraa guute‖ jedhu, loowwan dhalanii waatiyyee qaban yeroo kaarraan duudan,
waatiyyee isaanii waliin moona loonii keessatti kan rukkatan (baay‘atan) ta‘uu agarsiisa.
Bo‘oo ibsame kana keessatti, ‗Hirmaanni‘ yoo jedhu, horii reefuu dhalee waatiyyeexixiqqoo
of jalaa qabu jechuu yoo ta‘u,‗Kaarraan‘ yoo jedhu immoo,seensa yookiin balbala loon sun
gara moonaa ittiin galan agarsiisa.Oromoo Booranaa biratti ‗kaarri‘ looniif qofa
ta‘a.Bo‘oon, ―Galee moonaa guutee‖ jedhu, loon sun yeroo moonatti galan walitti
qabamanii kan heddumaatan ta‘uu agarsiisa.

Bo‘oon, ―Sarakkaboo galee sarakkaboo dhale‖ jedhu immoo, loon sun loon dhaltii waan
ta‘aniif, yoo galan ariitiidhaan kan deeman ta‘uufi daddafanii kan dhalan yookiin taadhii
ta‘uu isaanii kan ibsuudha. Kana malees, bo‘oon, ―Karrattii gargar qabee‖ jedhu, loon
hirmaanaa yeroo galanwaatilee isaanii ariitiin argee hoosifachuu waan barbaaduuf, jarjara
loon sana ibsa. Bo‘oon, ―Horee moonaa guutee‖ jedhu immoo, hirmaanni sun waan
daddafee dhaluuf, hormaanni hirmaana sanii kan baay‘ate ta‘uu agarsiisa. Oromoon
Booranaa, diinagdeen isaa loon horsiisuurratti kan hundaa‘e jiru waan ta‘eef, qabeenyi nama
tokkoo baay‘ina loowwan inni qabutiin madaalama. Haaluma kanaan, bo‘oon, ―Abbaa ofii
gurra guutee‖ jedhu, abbaan loon baay‘eehore loon isaatiin beekamtii/gurraargachuu
danda‘u ibsa.
Walumaagalatti, ergaan walaloowwan faaruu loonii armaan oliirraahubachuun akka
danda‘amutti,loon utubaa diinagdee hawaasa Oromoo Booranaati.Loon heddu qabaachuun
mallattoo guddinaafi badhaadhinaa ta‘uu, akkasumas, burqaa gammachuu ummatichaa ta‘uu
agarsiisa.Ummata Booranaa biratti,madaallii namni tokko kabajaa ittiin argatu loon
heddumminaan horsiisuufi jaalala isaanii qabaachuu akka ta‘e hubachuun nidanda‘ama.

5.2.3 Hawaasummaa Ibsuu

Oromoon Booranaa hawaasa gamtaan jiraatu waan ta‘eef, bu‘a qabeessummaa jireenya
gamtaasfaaruu loonii fayyadamuudhaan labata haaraa barsiifata. Ummatichi faaruu looniitti
gargaaramuudhaan walgorfatu, waljajjabeefatu, yarummaa yookiin
doqnummaabalaalleffatu; wantoota safuu cabsan, aad-malee ta‘an, kan jiruufi jireenya dhala
namaatiif danqaa ta‘anirraa waldeeffatu. Haala kanaan,jireenya hawaasummaa isaanii
cimsatu.Fakkeenyaaf, hawaasni Oromoo Booranaa faaruu loonii fayyadamuun namoota
loon kunuunsuu hinjaalanne ittiin gorfatu; kan loon jaalatu immoo, ittiin onnachiifatu.
Faaruun loonii armaan gadii kunis,yaada kana addeessa.
Tuulaani horrisaa hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Ilmeen horbisaa hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Ilkee sii baasa hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Ilkeen daaddisa hohayyoo hoyee hoyee heyaa

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 53


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Faaruu loonii kana keessatti bo‘oon, ―Tuulaani horrisaa‖ jedhu, bakki loon bishaan irraa
dhugan fageenya akka qabuufi bishaan loon dhuganis kan boolla keessaa bahu ta‘ee,
boollichis kan bishaan baay‘ee qabu ta‘uu agarsiisa. Bo‘oon lammataa ―Ilmeen
horbisaa‖jedhu immoo,tajaajila loon sun ilmee isaatiifi ilma namaatiif kennu kan gorsuudha.
Warroota faayidaa loonii hin beekneef, loon ilmee isaafi ilmee namaas akka gabbisu gorsa
laachuuf gargaara. Akkasumas, bo‘oon,―Ilkee sii baasaa‖ jedhu ilkaan da‘immaanii
biqiluudhaaf bu‘aa loonii kan ta‘e aannan akka barbaachisu, akkasumas, bo‘oon ―Ilkeen
daaddisa‖ jedhu ilkaan biqile sun akka jabaatee cimuufi haalluu isaa akka qabaatu kan
taasisu ta‘uu ibsa. Walumaagalatti, walaloon kunbu‘aa loon kennu warra hin beekneef
barsiisuf yookiin gorsa laatuuf kan tajaajiluudha. Jajjabinni, qananiin, bareeddinni,
badhaadhinni loon malee akka hin jirre ibsuun gorsa kan kennuudha.

Gama biraatiin, hawaasni Oromoo Booranaa faaruu looniitti gargaaramee yarummaa yookin
dadhabina namoota tokko tokkoo ittiin ibsa.Jireenya hawaasummaa ummata Oromoo
Booranaa keessatti, yarummaan fudhatama waan hin qabneef, hawaasichi yarummaa cimsee
balaalleffata.Faaruun yaada kana ittiin ibsatan kan armaan gadii kana fakkaata.
Bishaan hin jiree boottee
Bishaan jiraa badhaasoo
Yoo tootuun yarattee bootte.

Akka armaan olii keessatti bo‘oon, ―Bishaan hin jiree bottee‖ jedhu bishaan eela e keessa jiru
sun baay‘ee gadifagaatee kanjiru waan ta‘eef, tootuunf bishaan sana waraabuuf dhimmamuu
dhabuurraa kan ka‘e, loowwan kan mar‘achaa jiranta‘uu ibsa. Jechi ―boottee‖ jedhu
mardhata loon dhabsuudhaan miidhameet agarsiisa. Bo‘oon, ―Bishaan jiraa badhaasoo‖
jedhu, bishaan jiraachuu kan muldhisu yoo ta‘u, bo‘oon ―Yoo tootuun yarattee bootte‖
jedhuimmoo, tootuun sun yarummaa waan qabuuf yookiin loon sanaaf gadduu dhabuurraa
kan ka‘e,loowwan bishaan dhugan dhabanii akka mar‘achaa jiran agarsiisa. Gabaabumatti,
faaruuloonii kanarraa hubachuun akka danda‘amutti,jireenya hawaasummaaOromoo
Booranaa biratti, namni loon kunuunsuuf kaka‘umsa hinqabne, akka namayaraafi kabaja
hinqabneetti fudhatama. Walumaagalatti, yarummaan jireenya hawaasummaa Oromoo
Booranaa biratti fudhatama kan hinqabne ta‘uu agarsiisa.

Karaa biraatiin, Oromoon Booranaa jireenya hawaasummaa isaanii keessatti faaruu loonii
gargaaramee walonnachiisa. Walonnachiisuun hawaasa Booranaa biratti baay‘ee mullata;
nama jabaatee hojjatu hojii isaatti akka cimee itti fufu jajjabeeffatu. Keessattuu, hawaasni
kun looniif bakka olaanaa waan qabuuf, namoota loon kunuunsuu jaalatan hamileen isaanii
akka cimu taasisu. Namoota looniif waan gaarii hojjatan faaruu loonii garagaraa
fayyadamuudhaan si‘eessuun yookiin kakaasu.Fakkeenyaaf, ummatichi namoota gaafa loon

e
Eelajechuun boolla gadifagoo bishaan basuuf humna namaatiin qotamuudha.Oromoon booranaa bishaan
namaafis ta‟ee loon isaatiif ta‟u heddumminaan eela qotu keessaa argata.
f
Tootuujechuun nama bishaan loon dhugan eela gadifagoo keessaa waraabee baasuudhaan loon obaasu.
Akkaataa gadifageenya eelatiin, eela tokko keessa bishaan too‟udhaaf yookiin waraabidhaaf
tootuwwan hedduu eela keessa dhaabachuun bishaanicha waraabanii waliif daddabarsuudhaan
baasu.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 54


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

bishaan obaasanlooniif bishaan too‘an hamilee akka horataniif akka armaan gadii kanatti
faarsu:
Ee Araarsaa mataa huuraa
Tootuu mataa fixeensaa
Fixeensi ganna bu‟ee
Waarii warraa lakkisee

Bo‘oon, ―Ee Araarsaa mataa huuraa‖ jedhu keessatti, gaaleen, ‗mataa huuraa‘ jedhu nama
eela keessaa bishaan warabaa jiru kan ibsu yoo ta‘u, mataan isaa xurii/huura kan qabu ta‘uu
agarsiisa. Namni loon obaasu sun looniif bakka guddaa waan qabuuf,yeroo bishaan too‘u
sana dhimma loonii malee, dhimmi qulqullina ofiisaa kan itti hin mullanne ta‘uu ibsa.
Sababni maqaan ―Araarsaa‖ jedhu kun moggaffameefis, hawaasa Oromoo Booranaa biratti
haalli qilleensaa gammoojjii waan ta‘eef, loon guuyyaa hunda bishaan hin argatu; guyya
lama yookiin sadii dhabsuu oolaanii bishaan argatu. Kanaaf, nama gaafa obaa loon sana
bakka obaa geessuuf maqaan kun kennamaaf. Kunis, namni loon sana obaasu yookiin
Araarsaan nama loonii dhimmamu ta‘uu qaba. Haaluma walfakkaatuun, bo‘oon, ―tootuu
mataa fixeensaa‖ jedhu, namni bishaan looniif eela keessaa waraabu,yeroo sanatti loon
bishaan sirritti akka dhuganiif waan barbaaduuf, bishaan isarratti coccophee isa
tortorsuufkan hin dhiphanne ta‘uu ibsa. Gabaabumatti, faaruun armaan olitti ibsame
kun,Oromoon Booranaa nama loon gaafa obaa bakka bishaanii geessee ofkennee hojjatu
akka jajjabeessan yookiin onnachiisu agarsiisa.

Walumaagalatti, Oromoon Booranaa horsiisee bulaa waan ta‘eef, namoota loon jaalataniif
kabaja guddaa qaba.Akkasumas, namoota loon hinkunuunsineef gorsa yookiin jibba qabu
faaruu loonitti gargaaramuudhaan ibsata.Qabiyyee faaruu loonii kanarra hubachuun kan
danda‘amus, akka ogafaan tokkootti, faaruun loonii amaloota yookiin aadaa ummata biratti
fudhatama qaban jajjabeessuu, ―maintaining conformity to the accepted patterns of
behavior‖ (Bascom, 1954, f. 344) akka jedhe sana faayidaa guddaa akka kennaa jiru
agarsiisa.

5.2.4 SeenaaHawaasichaa Ibsuu

Faayidaa afwalaoo keessaa inni tokko aadaafi seena ummata tokkoo dhalootaa haaraaf
dabarsuu akka ta‘e hayyoonni nimirkaneessu. Haaluma kanaa, (Bonney 1985,f.285)
―Folklore is an educational tools for the transmission of cultural tradtions, values, &
histories from generation to next‖ jechuun ibsa. Hawaasni Oromoo Booranaas seenaa ofiisaa
qaba.Akka ragaa qorannichaarraa hubachuun danda‘amutti, hawaasni kun, seenaa isaa
kanameeshaa ittiin waliif dabarsu keessaa tokko faaruu looniiti.Faaruun dhimma kanaaf
oolan keessaa kan armaan gadii akka fakkeenyaatti ilaaluun ni danda‘ama.
Baleelii kuusee
Kuusii mirgoolee
Sangaan faaya kee
Kan Xuyyee Galgaloo
Ka Jaarsoo Sanphaaloo

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 55


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Akkuma faaruu armaan oliirraa hubatamutti, bo‘oon, ―Sangaan faaya kee‖ jedhu,
seenaanama loon baay‘ee horee qabu tokkoo himuuf kan gargaaruudha. Sababni isaas,
hawaasnikunseenaaloon horsiisuudhaalleewaan qabuuf. Kana malees, bo‘oon, ―Kan Xuyyee
Galgaloo‖ jedhu, abbaan loon sanaa eenyu akka ta‘e agarsiisa. Bo‘oon, ―Ka Jaarsoo
Sanphaalo‖ jedhu namni sangaa sana hore Xuuyyee Galgaloo kan jedhamu ilma Jaarsoo
Sanphaaloo ta‘uu agarsiisa. Gabaabumatti, seenaa ummata Booranaa keessatti, warrikun
loon hedduu horsiisuudhaan kan beekaman ta‘uu ibsa.Seenaa warra kanaa faarsudhaan,
Oromoon Booranaa dhaloonni haaraan kaka‘umsa diinagdee akka horatu taasisa.

5.2.5 AadaaHawaasichaa Ibsuu

Hawaasni tokko tooftaawwan aadaafudhatama qaban ittiin baarsiisu, akkasumas, wantoota


aad-malee ta‘an akka hindagaagne ittiin taasisu keessaa inni tokko ogafaani (Bascom,
1954).Hawaasni Oromoo Booranaas aadaawwan garagaraakanmataa isaa qaba.
Hawaasichiaadaa isaa kana faaruu looniitti gargaaramuudhaanibsata. Dhimmaa aadaa
ilaalchisee, faaruun loonii armaan gadiikun fakkeenya gaarii ta‘a.

Ee ilaacha beerri nyaattee


Irreeg dubbartiin nyaattee
Irra jirtiif jettee
Mogolee dhiirti nyaatte

Bo‘oon faaruu, ―Ee ilaacha beerri nyaattee‖ jedhu, aadaa nyaataa Oromoo Boorana
keessatti, yeroo loon tokko qalamu,haawwonni foon qarqara ijaatti argamu nyaachuu kan
danda‘an ta‘uuagarsiisa. Bifuma walfakkaatuun, bo‘oon, ―Irree dubbartiin nyaattee‖ jedhu
kun aadaa soorataa hawaasachaa(gosa Goonaa)keessatti,foon irree dubartootaaf qofa aadaan
kan eeyyamuufi dhiirti yeroo kamiyyuu foon kana kan hin sooranne ta‘uu agarsiisa. Akka
aadaa gosa Goonaatti, akkasumas Oromoota biro biratti, jechi‗irreen‘ jedhuhiika‗humnaa‘
yookiin ‗jabinaa‘ jedhu qaba.Ilmaan dhiiraa gosa kanaa uumamaan irree yookiin jabina
niqabu jedhamee yaaddama.Kanaafuu warri dhiiraa kuni foon irree nyaachuun irraa
hineegamu.Dhiira qofa osoo hintaane, dubartiin ulfaatis foon irree nyaachuun
hineyyamamuuf. Sababni isaas ulfi garaa ishii keessatti argamu suni dhiira ta‘uu waan
danda‘uuf. Kana jechuun karaa biraatiin, dubartoonni foon irree akka nyaataan kan
eeyyamamuufii danda‘e akka warra dhiiraa irree umamaan waan hinqabneef yaada jedhu
dhugoomsa.Aadaa yookiin gochi kuni ammoo, ilaalcha olaantummaa warra dhiiraa sabicha
keessa jiru yookiin immoo falaasama sabni kuni walqixxummaa koorniyaa irratti qabu kan
calaqqisiisudha.

Bo‘oowwan ―Irra jirtiif jettee‖ jedhuufi ―Mogolee dhiirti nyaatte‖ jedhurraa hubachuun akka
danda‘amutti, loon kunuunsuun walqabatee,dhiirti hojiilee gurguddoo kan hojjatan waan
ta‘eef, aadaa hawaasa Oromoo Booranaa keessatti yeroo loon qalatan warra dhiiraa ollaa
walitti waamuudhaan foon mogolee waddanii sooratan. Foon mogolee wanti dhiira qofaaf

Irreenqaamolee loon qalame sanaa keessaa tokko ta‟ee kan foon hedduu ofirraa hin qabneedha.
g

Karaa biraatiin jechi irree jedhu, jecha “humna” yookiin “jabina” jedhus niqaba.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 56


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

eyyamameef, yeroo hedduu hojii humna kanneen akka looniif eela qotuu, eela keessaa
bishaan too‘uu, looniin godaanuu adda dureen kanraawwatu warra dhiira waan ta‘aniifidha.
Haala kanaan, Oromoo Booranaa faaruu loonii fayyadamee aadaa nyaataa hawaasichaa
keessatti, nyaata aadaan dhiiraaf qofa eeyyamamtuufi dubartootaafis kan kophatti
eeyyamamutu jiraachuu dhaloota haaraabarsiisa.

5.2.6 Leetoo HawaasaaIbsuu

Leetoon hawaasa Oromoo Booranaa loon horsiisuurratti kan bu‘uureffateedha. Loon


immoo, bu‘uura leetoo isaanii waan ta‘eef niseexessu.Gaarummaa loonii kaasuudhaan
hawaasichi loon isaa faarfata. Haalli kun ummata Oromoo heddu birattis dhugaa ta‘uu isaa
Filee (2016, f. 96) ―Oromoon horii isaa akkuma dhala isaatti ilaala; jaallata; kunuunsa;
faarsa...‖ jechuudhaan mirkaneessa. Aadaan kuni amala hawaasa horsiisee bulaa hundaa
akka ta‘e Finnegan (2012, f. 245)akkana jechuudhaan ibsiti: ―Among pastoral peoples,
songs are often composed and sung in praise of individual beasts‖. Haaluma kanaan,
hawaasni Oromoo Booranaa loon faarsuun/jajuun jireenya leetoo isaanii kan utubuuf waan
ta‘eef,yoo faarfatan ni mul‘ata. Faaruun loonii dhimma kana ibsu gareedhaan kanfaarfamu
ta‘ee isa armaan gadii kana fakkaata.
Riiqatatti argee hohayyoo hoyee hoyee
heyaa
Baroodee argee hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Dalluu sunsumaa hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Dhalee susukaa hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Dhalee jibbicha hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Dalluu riqichaa hohayyoo hoyee hoyee heyaa

Faaruu loonii kana keessatti, bo‘oon, ―Riiqatatti argee‖ jedhu, loon yeroo sooranniifi haalli
qilleensaa itti toluwantootota adda addaatti qaama isaaniirigataniifi lafa booratan jajuudhaaf
gargaara.Bo‘oon ―Baroodee argee‖ jedhu immoo, kormi loon keessa jiru yeroo gootummaa
ofii ibsachuuf barooduudhaan dhaadatu ibsa. Bo‘oon, ―Dalluu sunsumaa‖ jedhu guddina
qaama loonsanaa jajuuf kan fayyadu yoo ta‘u, bo‘oon, ―Dhalee susukaa‖ jedhu
immoo,hormaata loonii saaduuf kan ibsuudha. Kana malees, loon sun jibbicha cimaa
dhaluuakka danda‘u agarsiisa.Faaruun loonii gamtaan faarfamu kanarmaan gadii kunis
yaad-rimema armaan olii kans kan cimsudha.
Gaaraa galanii hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Gaarree dhalanii hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Gaaraa duudanii hohayyoo hoyee hoyee heyaa
Qaalluu muudani hohayyoo hoyee hoyee heyaa

Faaruu loonii kana keessatti, bo‘oon ―Gaaraa galanii‖ jedhu, loon bakka jireenyi isaaniif
mijaa‘uu oolanii kan galan ta‘uu agarsiisa. Bo‘oon, ―Gaarree dhalanii‖ jedhu immoo, loon
bakka jireenya isaaniitiif tolu kan jiraatan yoo ta‘e, baay‘ee kan horan ta‘uu mul‘isa. Kana
malees, hormaata loon sanii ilaalchisee, loon bifni isaa garagaraa ta‘e yookiinloon fuula
isaaniirraa adii qabu kan hormaataaf ta‘uu ibsa. Kunis, loon baay‘eebifa hedduu of keessaa

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 57


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

kan qabu waan ta‘eef,hawaasa Oromoo Booranaa birratti baay‘ee jaalatamaaakka ta‘ee
agarsiisa.Bo‘oon, “Gaaraa duudanii‖jedhu immoo, loon sun bakka oolan sanaa yeroo galan,
haalli isaan ittiin deeman sun baay‘ee namatti waan toluuf deemsa isaanii sana
dinqisiifachuu ibsa. Bo‘oon, ―Qaalluu muudan‖ kan jedhu ammoo namoonni qaalluu bira
dhaqa, loon yookiin wantoota loon irraa argaman qabachuudhaan kan dhufan ta‘uu ibsa.
Sababni isaas, hawaasa Oromoo Booraanaa biratti,jireenya looniiyoo mijeessan, hormaanni
isaas daran kan dabaluufi dhimmootahunda keessatti looniifi wanti loon irraa argamu
baay‘ee kan barbaachisuuta‘uu agarsiisa.

Walumaagalatti, Oromoon Boranaa bareedina qaamaa akkasumas, sochii adda addaa loon
isaanii godhan ilaaludhaan gammachuu isaanitti dhaga‘amu faaruu loonitiin ibsatu.Kuni
immoo, xiinsammuun isaanii jireenya loon isaanii waliin hangam tokko walitti hidhataa
akka ta‘e nimuldhisa.

5.3 Sadarkaa Faaruun Loonii Oromoo BooranaaAmmaa Irra Jiru

Yeroo ammaa faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa ilaalchisee dhaloota haaraa biratti
waanti mul‘atu wanta jabana duriitiin faallaadha.Kunis, sababoota garagaraatiin walqabatee,
faaruun loonii haphachaa dhufuu isaati.Akka hayyoonni mirkaneessanitti, guddinna hawaas-
diinagdeefi jijjiirama haala jireenyaa ummataarraa kan ka‘e, afoolli hawaasa tokkoo
yeroodhaa gara yerootti geeddaramuu danda‘a, akkasumas, baduu danda‘a (Finnegan, 2012;
Assaffaa, 2009).

Jiruuf jireenya Oromoo Booranaa keessatti, loon iddoo guddaa qaba. Sababni isaas,
diinagdeen ummata kanaa irracaalaan loon horsiisuu irratti kan bu‘ureffate waan ta‘eefidha.
Kanaaf, faaruu loonitti dhimma bahuudhaan jaalalaafi kabaja loon isaaniif qaban ibsatu.
Akka odeef-kennitoonni Waaqoo Jaatanii ibsanitti, yeroo durii, abbootiifi hawwonni
Oromoo Booranaa baldhinnaan faaruu loonii faarfatu.Kana malees, dargaggonniifi
shamarranis yeroo obaa, yeroo loon yaaman, yeroo galchumaa, yeroo loon boqotan,
jaalalaafi marartee miira isaanii keessa jiru faaruu loonii faarfachuun ibsatu.Akkasumas,
faaruu looniitti fayyadamuun aadaa, seenaa, siyaasafi diinagdee isaanii ibsachaa, ittiinis wal
gorfachaa, wal barsiifachaa, wal onnachiisaa,tokkummaa isaanii ittiin ibsachaa turaniiru.

Haata‘umalee, akka odeef-kennitoonni qorannichaaakka ibsanitti, yeroo ammaa sababoota


garagaraatiin walqabatee faaruun loonii hawaasa Oromoo Booranaa biratti haphachaa
dhufeera.Sababoota kanneen keessaa babaldhinni amantiilee alaadhufanii isa
tokkoodha.Akka odeef-kennitoonni gubbatti eeraman jedhanitti, babaldhina amaantiilee alaa
irraa dhufan (Islaamummaafi Kiristinnaa) irraa kanka‘e, aadaan loon faarsuu irranfatamaara.
Amantiileen alaa dhufan kunniin, hawaasichi faaruu loonii dhiisudhaan waa‘ee amantichaa
qofa akka beekaniifi faarfannaa mana amantichaa qofa akka baratan godhaaru. Kanaaf,
namoonni hedduun aadaa loon faarfachuurraa ofqusachaaru.
Sababaanni inni lammataa, dhiibbaa karaa guddinna saayinsiif teeknoloojiitiin jiru.Akka
odeef-kennitoonni Jaatanii Areero fi Waaqoo Guyyooibsanitti, meeshaaleen
teeknoloojiisirbaa qalbii dhaloota haaraa hedduu ofitti harkisuudhaan akka isaan aadaa

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 58


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

isaanii,keessattuu aadaa faaruu loonii, dagatan taasisaara.Sababni inni sadaffaan.jijjiirama


haala jiruu dhaloota haaraati. Dhaloonni haaraan heddumminaan gara barnoota hammayyaa
xiyyeeffachaa waan dhufeef, hariiroon isaan loon waliin qaban baay‘ee xiqqaachaa
dhufaara.Kanaaf, jaalalliifi mararteen dhaloonni haaraan looniif qabu dhaloota durii waliin
walbira yoo madaalamu, baay‘ee gadaanadha.Gabaabumatti, yeroo ammaa loon
faarfachuun, Oromoota Booranaa, keessattuu dhaloota haaraa, biratti akka aadaa boodatti
hafaatti fudhatamaa dhufaara.Kuni immoo, faaruun loonii akka dagatamu gochuu irratti
dhiibbaa olaanaa qaba.
6 Guduunfaafi Yaboo
6.1 Guduunfaa
Ummanni Oromoo ogafaanitti fayyadamuudhaan aadaa, seenaa, duudhaafi safuu isaa
dhalootaa dhalootatti dabarfata.Gosoota ogafaanii ummatichi itti fayyadamu keessaa
afwalaloon isa ijoodha.Afwalaloo keessaa immoo, faaruun loonii isa tokko.Kaayyoon
qorannoo kanaas,qabiyyee faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa maal akka fakkaatuu
qaacceessuudha.Qorannoo kana keessatti, faaruun loonii hawaasa Oromoo Booranaa
sirnoota ittiin faarfamufi qabiyyee akkamii akka of keessaa qabu adda baasuu akkasumas,
faaruun loonii kun yeroo ammaa sadarkaa maal irra akka jiru adda baasuu ture.

Argannoowwan qorannichaa akka muldhisanitti, Oromoon Booranaa sirnoota faaruu loonii


ittiin faarfatukan mataa ofii qaba. Sirnoonni kunis, sirna faaruu loonii dubartoonni gamtaafi
dhuunfaadhaan faarfataniifi sirna faaruu loonii warrii dhiiraa gamtaafi dhuunfaan faarfatan
akka ta‘e ragaanqaacceffame nimuldhisa.Sirna faaruu loonii hawaasichaa keessatti dhiirtiifi
dubartiin yemmuu gamtaan faarfatan, faaruma tokkoyeedaloo garagaraatiin akka faarfatan
beekameera.Sirni faaruu loonii kunniin, faayidaa sammuu bohaarsutiin alatti, hariiroo
hawaasummaa ummatichaa cimsuu akkasumas carraa dhaloonni haaraan aadaa, duudhaa,
safuufi seenaa isaa tooftaa salphaa ta‘een ittiinn baratu uumuu keessatti gahee olaanaa
taphachuu danda‘u.

Faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa qabiyyeewwan adda addaa kanneen akka:
siyaasaafi ilaalcha hawaasaa, diinagdee, hawaasummaa, seenaafi aadaa hawaasichaa of
keessaatti kan hammatu ta‘uunbeekkameera. Fakkeenyaaf, Oromoon Booranaa faruu
looniitti fayyadamuun, haala siyaasaa keessa tureefi keessaa jiruu akkasumas, rakkoo
daangaaisaatiin walqabatu ibsata.Faaruu loonii kanatti fayyadamuun dhaloonni haaraan
dhiibbaa siyaas-diinagdee isarra gahu akka ofirraa faccisu akkasumas, daangaa isaa akka
kabachiifatu barsiisa.

Qabiyyeen inni lammataa, dhimma diinagdee hawaasichaan kan walqabatuudha. Bu‘aa


xiinxala faaruu loonii hawaasichaarraa hubachuun akka danda‘amutti, loon utubaa diinagdee
Oromoota Booranaati.Hawaasicha biratti, loon heddu qabaachuun mallattoo guddinaafi
badhaadhinaa akkasumas, madda gammachuufi kabajaati.

Dabalataanis, bu‘aa qorannoo kanaarraa hubachuun akka danda‘amutti, Oromoon Booranaa


faaruu looniitti fayyadamuudhaan aadaafi duudhaa isaa dhaloota haaraa barsiisa.Faaruu
looniitti fayyadamuudhaan, yarummaan hawaasa Oromoo Booranaa biratti fudhatama akka

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 59


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

hinqabne barsiisa. Aadaa hawaasichaa keessatti loon kabajaa guddaa waan qabaniif, namni
loon kunuunsuuf kaka‘umsa hinqabne tokko, akka yaraafi nama kabajaa hinqabneetti
fudhatama. Faalla kanaatiin, ummatichi namoota loon kunuunsuu jaalatan faaruu looniitti
fayyadamee nijajjabeessa, hamileen isaanii akka cimu godha.Haaluma walfakkaatuun,
Oromoon Booranaa aadaafi amaloota fudhatama qaban jajjabeessudhaaf, wantoota aad-
malee ta‘an immoo akka isaan hindagaagne gochuudhaaf faaruu looniitti dhimma baha.

Qabiyyeen inni biraa immoo,Oromoon Booranaa faaruu looniitiin seenaa isaanii


dabarfatu.Seenaa ummatichaa keessatti namoota sadarkaa guddaarra gahan yookiin
beekamoo ta‘an faarsudhaan akka isaan hindagatamne godhu.Ummnni kuni faaruu
looniijaalalaafi marartee loon isaatiif qabu yookiin hariiroo xiinsammuu olaanaa loon isaa
wajjiin qabu ittiin ibsachuuf fayyadama.Walumaagalatti, Oromoon Booranaa faaruu loonii
ittiin boohaaruufi jaalala loon isaatiif qabu ittiin ibsachuudhaan alatti, dhimmoota siyaasaa,
diinagdee, aadaafi seenaa isaaatiin walqabatan dhaloota haaraa barsiituuf yookin qaruuf
akka itti fayyadamu qorannoo kanaan bira gahameera.
Haata‘u malee, sababoota akka babaldhinna amantiilee alaa dhufanii, baaldhinna itti
fayyadama meeshaalee teeknoloojii, akkasumas, jijjiirama haala jireenyaa dhaloota haaraa
irraa kan ka‘e loon faarfachuun ummata Oromoo Booranaa, keessattuu dhaloota haaraa
biratti akka aadaa boodatti hafaattifudhatamaa dhufeera. Kun immoo, faaruu loonii akka
dagatamuuf gahee olaanaa qaba.

6.2 Yaboo

Yaada guduunfaa armaan olitti tarreeffamanirratti hundaa‘uudhaan, qorataan yaboowwan


armaan gadii kana kaa‘eera.
1. Hayyoonni hawaasa kana keessa jiraatan kanneen akka: barsiisota Afaan Oromoofi
barsiisota fedhiifi dandeettii waa barreessuu qaban faaruu loonii hawaasa Oromoo
Booranaa kana walitti funaannanii bifa qindaa‘een barreeffamee akka taa‘uu osoo
godhanii dansaadha.
2. Dhaloonni haaraan kun leetoo ammayyummaa hordofaa deemuu irraa kan
ka‘efaaruu loonii dagatamaa waan jiruuf, Biiroon Barnoota Oromiyaa faaruu loonii
hawaasa Oromoo Booranaa tokko tokko fudhachuunsirna barnootaa/kaarikulamii
Afaaniifi Aadaa keessa galchuudhaan dhaloota dhufuuf akka darbu otoo ta‘ee.
3. Faaruuleen kunniin dhama isaa qabatee akka turuuf raawwii qabatamaa waliin
viidiyoodhaan waraabamee godaambaa osoo galee olkaa‘amee‘.

4. Ergaafi falaasama ummatichaa gadifageenyaan baruudhaaf akka gargaaru akkasumas


yeedaloo faaruu loonii kana gadifageenyaan baruuf, qorannoon dabalataa ragaa
baldhaa kanarra fooyya‘een otoo adeemsifamee.

Galata

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 60


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Fiixa bahiinsa qorannoo kanaatiif baajata barbaachisu hunda ramaduudhaan nacinaa waan
dhaabbateef, Yunivarsiitii Arsiitiif galata guddaa galchina.

Wabiilee
AshenafiAdugna .(2014). Exploring environmental discourses in oral literature: Ecocritical
analysis of Oromo proverbs.Journal of Language and Literature 5(2): 24–35.
Asmarom Legesse, (1973). Gada: Three approaches to the study of African society. The
Free Press, A division of Macmillan Publishing Co., Inc., New York.
Assaffaa Taffarraa (2009). Eela, Seenaa Oguma Oromoo. Addis Ababa: Finfinnee Printing
Press.
Bascom, W. (1992).African folklore in the new world.Bloomington and Indiana University
Press.
Bassi, M. (2010). The politics of space in Borana Oromo, Ethiopia: demographics, elections,
identity and customary institutions. Journal of Eastern African Studies, 4 (2), 221 —
246 online ©2010 Taylor & Francis URL:
http://dx.doi.org/10.1080/17531055.2010.487333
Bassi, Marco and Tache, Boku (2011) ‗The community conserved landscape of the Borana
Oromo, Ethiopia', Management of Environmental Quality, 22 (2), 174-186.
Bayyanaa Laggasaa. (2008). Qaaccessa yoomessaafi qabiyyeewwan faaruu loonii, ummata
Oromoo, Godina Baalee, Aanaa Laga Hidhaa (Waraqaa qorannoo digirii
lammaffaa, Yuunvarsiitii Addis Ababa).
Bonney, R. (1985). Teaching anthropology through folklore.Education Quarterly, 16 (4),
265-270.
Bukenya, A., K. Wanjiku, and O. Okoth, eds.(1994).Understanding oral literature. Kenya:
NairobiUniversity Press.
Chesaina, C. (1997). Oral literature of the embu and mbeere. Nairobi: East African
Educational Publishers Ltd.
Dastaa Dassaaleny. (2013). Bu‟uura qorannoo(Max 2ffaa). Finfinnee: Far East Trading PLC.
_______________. (2002). Bu‟uura qorannoo. Finfinnee: Far East Trading PLC.
Dejene Gemechu .(2017). Indigenous Federation: The Case of Borana Oromo, Ethiopia
Dejene Gemechu Chala. The International Indigenous Policy Journal,8 (1), 1-22.
Dirribi Demissie. (2011).Oromo wisdom in black civilization. Finfinnee: Finfinnee Printing
and Publishing S.C.
Dörnyei, Z. (2007). Research method in applied linguistic: quantitative, qualitative and
mixed methodology. Oxford: Oxford University Press.
Dorson, R. M. (1963). Current folklore theories.Current Anthropology, 4(1), 93-111.
Retrieved from https://about.jstor.org/terms
________. (1972). Folklore and folklife, an introduction. Chicago: University of Chicago
Press.
Fedhasaa Taaddasaa (2013). Subii.bu‟uuraalee ogbarruu Oromoo. Finfinnee: Oromiyaa.
Filee Jaallataa.(2016). Beekumtaa Oromoo. Finfinnee: Mana Maxxansaa Raajii.
Finnegan, R. (1977).Oral poetry: Composition performance and context. Cambridge:
Cambridge Universty Press.

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 61


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

__________. (2012). Oral literature in Africa. Cambridge: UK Open Book Publishers.


Gabbert, L. (2010). Exploring local communities: conducting ethnographic research in
folklore studies. CUR Quarterly, 30 (4), 37–42.
Habtamu Disasa .(2017). Indigenous Knowledge and Practices of Leader and Leadership
Development in the Gadaa System of Borana Oromo Community of
Ethiopia(Doctoral Dissertation.Addis Ababa University).
Harle, P. (1999). Structuralism.Folklore Forum, 30 (112), 9-17.
Hayiluu Hundee .(2016).Xiinxala adeemsa sirna gaa‟elaa Oromoo Shawaa Lixaa, Aanaa
Jalduu (Waraqaa qorannoo digiree lammaffaa, Yuunvarsiitii Addis Ababa).
Keller, E.J. (1995). The ethnogenesis of the Oromo Nation and its implications for olitics in
Ethiopia.The Journal of Modern Africa Studies 33: 621–34.
Kha, F. (2018). The concept of folklore: an overview of the psychoanalytic reading of
folklores International Journal of English Literature and Social Sciences (IJELS),
3(6), 1059-1061, Retrieved from: https://dx.doi.org/10.22161/ijels.3.6.21ISSN:
2456-7620
Kimani, N. (2010). Rekindling efficacy: Storytelling for health.In Media and Identity in
Africa.Edited by Kimani Njogu and John Middleton. Bloomington: Indiana
University Press.
Lusweti, B. M. (1992). The hyena and the rock: a handbook of oral literature for
schools. Nairobi: Macmillan Press Ltd.
Malimo, S. (2009).An oral literature course book. Nairobi: The National Educational
Services.
Melakneh Mengistu. (2006). Fundamentals of literature for colleges. Addis Ababa.

Pandey, P. & Pandey, M. M. (2015).Research methodology: tools and techniques.


Romania: Bridge Center.
Punch, F.(1998). Introduction to social reaserch. New Delhi: Sage Publications Indian pvt
Ltd.
Sone, E. M. (2009). What kind of literature for ethical education in Africa? LWATI: A
Journal of Contemporary Research 6: 157–65.
__________. (2018). African oral literature and the humanities: challenges and prospects
enongene. Humanities 7 (30), 1-20, doi:10.3390/h7020030.
Spradley, J.P. (1979). The ethnographic interview. Fort Worth, Tex: Harcourt Brace
Jovanovich College Publishers.
Tesema Ta‘a.(2016). Thegadaa system and some of its institutions among the Booranaa: A
historical perspective. EJOSSAH Vol. XII (2), 81-97.
Teweldemedhn Mekonnen Weldegerima (2018). Characterization of productive and
reproductive performances, morphometric and challenges and opportunities of
indigenous cattle breeds of Ethiopia: A review , International Journal of Livestock
Production, 9(3), 29-41.
Tigist Kebede Feyissa (2014). Conflicts among Pastoralists in the Borana Area of Southern
Ethiopia: The case of Borana and Garri. (Master‘s Thesis, University of Tromsø).
Waajira Misooma Qonnaa Aanaa Liiban (2010).

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 62


Gadaa Journal/ Barruulee Gadaa Vol. 4, No.1 pp. 40-63 January 2020

Zelalem Tesfaye. (2012). Ethiopia: When the Gadaa Democracy Rules in a Federal State
Bridging Indigenous Institutions of Governance to Modern Democracy,(Master‘s
Thesis, University of Tromsø).

Alamuu, Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii …. 63

You might also like