Itti Faayyadama Lafaa
Itti Faayyadama Lafaa
Itti Faayyadama Lafaa
waliigalaatti
Seensa
Uummata biyya keenya keessa dhibbantaa harki 85 kan jiraatu baadiyyaadha. Hundeen jireenya
uummata hedduu baadiyyyaa jiraatu kanaas qonna. Kanaaf jecha imaammata bulchiinsaafi itti
fayyadaya lafa baadiyyaa ifaa ta’ee hunda dura diriirsuun haalan barbaachisaadha.
Fuula 1
qabeenya tokkotti ilaalamee keewwata kananhammatameera. Keewwata 40/3/ jalatti lafa
baadiiyaas ta’e magaalaa akkasumas qabeenyi uumammaa hundaaf abbaan qabeenyaa
mootumaafi uummata Itoophiyaati. Lafti qabeenya waliinii sabaa fi sablammii Itoophiyaa waan
ta’eef hingurguramu, hinjijjiiramu. Lafti qabeenya waliinii uummataa waan ta’eef mootummaan
keessattuu mootummooleen naannoo maqaa uummataatin seera mootummaan gidduu
galeessaa baasu bu’uureffatee kan bulchani kwt.52(2)d)). Akkaata imaammata kanaatti lafti
qabeenya uummataa fi mootummaa waan ta’eef namni jireenya isaa qonnarratti hundeese
kamuu qotee buluuf lafa isa barbaachisu tolaan argachuuf mirga akka qabu fi lafa qabiyyee
isaarra buqqa’uu akka hin qabne tumeera (kwt.40(5)). Mirgi itti fayyadama lafaa kunis mirga
qabeenya laficharratti misoomse gurguruu, jijjiiruu, dhaalchisuu, yeroo mirgi itti fayyadamaa
laficharra hafu qabeenya isaa irraa kaafachuufi mirga beenya argachuu kan dabalatu.
Haa ta’u malee faayidaa uummataaf barbaachisaa ta’ee yoo argame mootummaan lafa deebisee
qooduu akka danda’uus ni aangessa. Lafa qotee bultootan hinqabamne yoo jiraate
mootummaan faayidaa adda addatif akka oolu taasisuf aangoo qaba. Kana malees abboottii
qabeeynaa qonnaarratti bobbahuuf fedha qabaniif kiraa (lease) yeroo dheeraaf itti fayyadaumuu
akka dandahaniti kireessuu ni dandaha. Wabii mirga abbaa qabeenyummaa mirkaneessuuf
kwt.40 (5) fi (7) jalatti akka caqasameen qotee bulaan kamuu sababa gahaan lafti isaa
mootummaadhan yoo Kan dhaalamu ta’e qabeenya (kaapitaala) laficharratti dhangalaaseefi
fooyya’insa (humna ykn qabeenya isaatin) argamsiiseef beenyaa walmadaalu argachuuf mirga
qabaHeerri mootumma kwt.51 jalatti mootummaan gidduu galeessa dhimma itti fayyadamaa fi
kunuunsa lafaa akkasumas qabeenya uumamaa ilaalchisee labsii baasuu akka dandu’u tumeera.
Gama kaaniin kwt.52 (2)d)tin bulchiinsa lafaafi qabeenya uumamaa kaan illee akkaataa seera
mootummaan gidduu galeessaa baasuun mootummooliin Naannoo akka bulchaniif aangeseera.
Bu’uuruma kanaan imaammata kana hojiira oolchuuf mootummaa gidduu galeessa labsii
lakk.456/1997 baasee hojiirra akka oolu taasiseera.
Qabxilee gurguddoo labsii kana keessatti caqasaman gabaabumatti akka itti aanuutti
xiinxalameera. Akkaata labsii kanaatti gosa qabiyyee lafaa (types of land tenure) sadii jiraachuu
ibsa. Kunis lafa qabiyyee dhuunfaa, waliiniifi mootummaa jechuun kaahera. Lafti baadiyyaa
qotee bultoota dhuunfaan, horsiisee bulaa fi abbootii qabeenyan adda dureen kan qabamuu
Fuula 2
danda’u ta’uu fi mirgi abba qabiyyee qonnaan bulaa dhuunfaa fi horsiisee bulaan qabiyee
isaanirratti qaban yeroo hindaangofneef ta’ee kan abbooti qabeenya garuu akkaata labsii
Naannoleen baasaniin yeroodhan Kan daangahedha. Kwt.5 jalatti akkaata labsii bulchiinsaa fi itti
fayyadama lafa baadiyyaa Naannoleen baasaniin qonnaan bulaan, Horsiisee bulaan ykn gamisa
horsiisee bulaa kamuu mirga lafa qonnaa tolaan argachuu akka danda’aniifi mirga itti
fayyadamaa kun illee mataa isaaniitin itti fayyadamuurra darbee miseensa maatii isaaf kennaan
ykn dhaalan dabarsuu akka danda’u tumeera. Haala kanaan wabii itti fayyadama lafaa
mirkaneesera. Kana malees lammiin biyya kana umuriin isaa waggaa 18 ol ta’e fi dubartoonni
jireenyi isaani qonnarratti hundaahe lafa argachuuf mirga akka qaban ibseera. Kunis kan
agarsiisu labsiin kun mirga walqixummaa korniyaa gama abbaa qabiyyee lafaatin mirkaneesuu
isaati. Dabalataan labsiin kun warqaa ragaan abbaa qabiyyee mirkaneessu akka kennamuufi
waraqaan ragaa kunis bal’ina lafaa, itti fayyadama, sadarkaa lafichaa, daangesitootaa fi mirgaa fi
dirqama abbaa qabiyyee haala agarsiisuu dandahuun galmaahe kennamuuf akka qabu kaaheera.
Kaayyoon labsii kanaa inni guddaan daangaa labsii naannolee baasan murteesuufi ademsa isaani
saffisiisudha (the federal law is limited to being only a frame work law facilitating the regional
laws in the event of enacting their respective rural land laws).
Qabxii marii
1. Lafti mootummaadhan kan bulu qabeenya uummataa ta’u isaa heeraa mootummaafi
lab.Lakk.456/1997irratti ifatti caqasame kun qabatamaatti maal jechuu akka ta’e ibsaa.
2. Qotee bultoonni lafa isaaniirratti mirga maalii akka qabaniif kan hin qabne addaan baasun
mariihadhaa.
3. Angoon bulchiinsa lafaa fi qabeenya uummamaa naannolee hojiirra kan oolu bu’uura
mootummaan gidduu galeessa seeraa baasen jechuun isaa maal agarsiisa? Keewwanni labsii
kanaafi Kan Naannoo yoo walitti bu’e kamtu raawwannaa qaba? Keewwaanni lab.lakk.456/1997
fi 130/1999(MNO) walitti bu’an yoo jiraate addaan baasatii sababa keessan waliin ibsaa.
Fuula 3
b.1 kaayyoofi barabaachisummaa lab.lakk.130/1999
Lafti baadiyyaa hundi mootummaa Naannoleetiin kan bulanidha. Mootummaan gidduu
galeessaa yaadan (theoretically) lafarratti abbaa qabeenya ta’a jedhamee waan hinyaadamneef
Naannoleen lafa kana haala seera fi sirnna qabuun bulchuf aangoon Heera Mootummaatin
kennameeraf. Aangoo Naannooleen lafaa fi qabeenya uumamaa bulchuuf heeraa mootummaan
giddu galeessan kaahame hojiitti jijjiiruufi akkaata raawwii isaa addaan baasani labsii adda ta’een
murteesuun hedduu barbaachisaadha. Kana malees mirga, dirqamaa fi wabii itti fayyadama lafaa
imaammata itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaatiin walsimsiisani seeraan murteesun hojiirra
oolchuudha. Kaayyoon labsii kanaa gama biraatin haaluma seensa (preamble) keessatti
ibsameen itti fayyadamni lafaa guddina walitti fufinsa (sustainable development) fiduufi haala
carraa misooma dhaloota dhufuurratti dhiibbaa osoo hinqabaatin dabarsuuf. Kaayyoo fi
barbaachisummaa labsichaa gabaabumatti haala kanaan erga ilaallee daangaa raawwatinsa
labsichaa beekuunis barbaachisaa waan ta’eef akkaata ittiaanutti taa’eera.
Qabxii Marii
Bu’uura labsii lakk. 56/94 fi 66/95 tiin lafa naannoo bulchiinsa magaala Shanoo falmii abbaa
qabiyyummaa ka’e ilaalchisee koreen hawaasummaa gandaa keesumsiisee murtii kenne manni
murtii Aanichaas cimseera(gal.lakk ij. 50011)
a) Murtii armaan olitti caqasame labsii lakk.130/1999 waliin ilaaluun labsiin bulchiinsaa fi itti
fayyadama lafa baadiyyaa daangaa raawwii isaarratti marii taasisaa.
b) Imaammanni lafaa biyyitiin keesse lafa baadiyyaafi magaalaa osoo addaan hinbaasin bifuma
tokkoon Kan kaahedha. Labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa maaliif lafa baadiyyaa
qofarratti akka daangeffame sababa isaa ibsaa.
Fuula 4
akkaata imaammata adunyaatti (international policy) kaayyoo lama rratti kan Xiyyeefatemirga
lafa manajireenyaf ta’u argachuu fi qabeenya uummamaa haala walitti fufinsa qabuun
kunuunsuudha. Kaayyoo waliigalaa kanarratti hundaahun qabxilee lamaan kana akkaata labsii
130/1999 kutaa lammaffaa kessatti taa’an kanaan gadiitti addaan baafnee ilaalla.
hintaane horsiisee bulaa fi gamisa horsiisee bulaa hunda addaa addummaa saalaa osoo hin
qabaatin kan mirkanaahedha.
Lafti dhuunfaadhaan, uummanni waliiniifi mootummadhan qabamuu ni danda’a. Kun gosa lafti
itti qabamu (type of tenure) jedhamee beekkama
Dhuunfaan- lafa qabame jechuun mirga itti fayyadama lafa namoota dhuunfaaf, maatii, garee,
dhaabbata daldalaa, fi dhaabilee mitimootummaaf addan bahee kan kenname ta’ee hayyama
abbaa qabiyyee malee namoonni kaan itti fayyadamuu hindandeenyedha.
Dhaloonni haarowaanis bakka ni bu’u. Gama kaaniin qabyyeen waliinii kan uummata naannoo
tokkoof kan kenname fakkeenyaaf “Qehee warra ebeluufa’iif “jechuun kan kenname malee
miseensota addaan baase kan kaahe ta’uu dhabuu saati. Bakka tokko tokkootti immoo falmiin
jiru lafa dheedichaa waliinii qonnaatti addaan qoodachu waliin kan wal qabatudha.
Qabxii marii
Fuula 5
Qabxii Marii
Labsii lakk. 130/1999 kwt.14 (1) jalatti lafa jallisiidhan misoomuun ala qabiyyeen qotee bulaa,
horsiisee fi gamisa horsiise bulaan qabamee jiru deebi’ee hin qoodamu jedha. Labsiin Kun
lab.lakk.456/1997 faalleessa jettee amantaa? Faalleessera yoo kan jettu ta’e bu’an isaa maali?
Mirgi abbaan qabiyyummaa lafaa akkaata itti argamuu danda’u adda dureedhan akka mirgaatti
mootummaarra tolan ta’us maatii ofiirraa kennaadhan ykn dhaalaan, akkasumas kiraadhan
argamuu danda’a. Lafti qabeenya mootummaati jedhamu illee qonnaan bulaan lafa tolaan
argatetti daangaa yeroo malee umurii isaa guutuu itti fayyadamuu ni danda’a (kwt.6 (1)). Mirgi
itti fayyadama lafaa kun abbaan qabiyyee ofiin itti fayyadamuurra darbee kireesuufi miseenssa
maatii isaatif dhaaalaan ykn kennaadhan dabarsuu akka danda’u (kwt.9) jalatti taa’era.
Haa ta’u malee lafti qabeenya mootummaa waan ta’eef barbaachisaa ta’ee yoo argame lafa
deebisee qooduf mootummaan aangoo akka qabu imaammata waliigalaa lafaafi labsii
lak.456/1997 keessatti ibsameera. Qabxii burqaa falmii kan ta’e akkaata fi foormaaliity mirgi
abbaa qabiyee dhaalaan ykn kennaadhan miseensa maatii ofiitti darbuu dandahuu fi kiraan
argamuu ilaalchisee qabatamaatti maal akka fakkaatu ilaalla.
Haa ta’u malee qabxii tokko tokko labsichi mirga qabiyyee dhaalchisuurratti daangesse caqasuun
barbaachisaadha. Mirga itti fayyadama lafaa miseensa maaatii qofaaf dhaalaan dabarbuu akka
danda’u labsichaan daangeffameera. Lafti qabeenya dhuunfaa waan hintaanef mirgi abbaan
qabiyyee irratti qabu murtaahadha. Kanaaf abbaan qabiyyee lafaa akkuma qabeenya isaa
dhuunfaa kamiituu dhaamoodhan dabarsee miseensa maatii isaan alatti abbaa barbaadetti
kennuu hindanda’u. Gaaffiin asitti ka’uu malu miseensa maatii kan jedhaman eenyu fa’i? kan
jedhu. Labsichi hiika tumaalee waliigalaa keessatti miseensa maatii jechuun hijoolle abbaa
qabiyyeerra dhalatan ykn namoota biroo galii biraa hinqabneefi abbaa qabiyyee waliin
dhaabbataan jiraatan jechuun hiikaa kennu illee hiikichi mataan isaa gaaffii biraa dabalee kan
uumudha. “Namoonni galii biraa hin qabne dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin jiraatan eenyu
fa’i? kan jedhu. Gaaffii kana deebisuuf hiikka biraa kennuun ykn namoota kana ebelu, ebelufa’i
jennee yaamnee fixuu waan hindandeenyef akka ogeessa seeraa tokkotti mala hiikkaa seeraa
Fuula 6
(techniques of interpretation) itti fayyadamuun kaayyoo fi barbaachisummaa labsichaa bu’uura
godhachuun gaafichaaf deebii kennuun rakkisaa kan ta’u miti.
Kaayyoon keewwata kanaa lafti qabeenya mootummaa waan ta’eef namoonni dhuunfaan mirga
abbaa qabiyyee isaani akka malee itti fayyadamuun lafa akka qabeenya dhuunfaatti namootaa
gara namootaatti hindadabarre dhorkuudha. Keessattuu haala imaammata lafaa faalleessuun
harka lafa jalaatin maqaa dhaalchisuutin lafati akka hin gurguramneefi hinjijjiiramne dhorkuuf
waan ta’eef hiikkaan miseensa maatii haala dhiphaatin (strict) hiikkamuu qaba. Kana malees lafti
aadaadhan mallattoo eenyummaa waan ta’eef harka maatii keessa akka hin bane eegumsa
gochuudha. Gama biraatin labsiin kun haala addaatin kan kaahe miseensonni maatii mirga itti
fayyadama abbaa qabiyyee dhaaluf gaaffii yoo dhiyeesan mirga dursaa kan qabu eenyudha? kan
jedhu. Kwt 9(2) jalatti haala ifa ta’een miseensa maatii ta’anii dhaaltoota galii lafa sanirra
argamurratti jireenyi isaani hundaahe/maxanani/ jiraatan ykn galii biraa hinqabneef mirgi
dhaalmaa dursa laatamuu akka qabu kaahera. Yaadni kunis haala qoodinsa lafaa uummata
keessatti haala wal madaalaa (fair) ta’een deebisani hiruu fi jireenya namoota galii lafichaarr
argamurratti maxanaanii bulan haala itti fufinsa qabuun jiraachisuuf. Lafti dhaalan dhaaltoota
giddutti yeroo qoodamu bal’ina ooyiruu gadi aanaa qonnaaf heektaara 0.5 lafa jallisiif heektaara
0.25 (kwt.7(1)) gadi yoo ta’e addaan qoodamuu hinqabu, Waliin itti fayyadamu ykn
waliigalteedhan haala biraan itti fayyadamu malee. Lab. Lakk. 56/94 kan fooyy’e illee taanan
abbaan qabiyyee maatii isaa qofaaf dhaalan dabarsuu akka danda’u ibsa
Qabxii marii
Himattoonni kan du’aa abbaa isaanirra dhalatan namoonni shan himannaa himatamaarratti
dhiyeesaniin abbaan keenyi umurii waggaa 135 ta’e erga gurrii fi ijji isaa jaamee waggaa 32 ta’ee
dhaamoo kennuu hindandeenye himatamaan qabeenya abbaa keenya lafaa fi mana
(baadiyyaadha) dhaamoon argadhe jechuun mana murtii Aanaatti waan galmeeseef dhaamoon
sobaa kun nuuf haa haqamu jechuun dhaaltumma abbaa isaani ta’u mirkaneefachuun
dhiyeefataniru.
Himatamaanis deebii kenneen ergan lafa kana gara maqaa kooti jijjiiradhee gibira itti kanfalee
wagga torba darbeera. Dhaamoonis iddo namni 4 jirutti kan naaf kenname waan ta’eef himanni
dhiyaate kufaadha jechuun falmeera.
Manni murtii Aanichaas erga raga bitaafi mirgaatin qulquleeffateen booda himatamaaf (akaakoo
du’aa ykn mucaa mucaa du’aa) dhaamoon taasifame bu’uura ulaagaa taa'een guutamee kan
hinraawwatamme (bakka raga nama afur jiranitti dubbiffame mallattahe osoo hintaane ragooni
adda addaan kan dhagahanii mallatteesan waan ta’eef) haqeera jechuun murteese. Murtii kunis
hanga m/m/w/oromiyaati hindhi yeesisu jechuun cufame (gal.lakk. 53765). Himatamaan waa’ee
miseensa maatii du’aa ta’u isaa waanti ibsame hinjiru.
a. Murtii armaan olitti ibsame kana bu’uura labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaatin
akkamitti madaaltu? Mariihadha.
Fuula 7
b. Faayidaan labsii kanaa mirga abba qabiyyee dhaalaan dabarsuu ilaalchisee jiru ibsaa.
c. Dhimmaa mana murtii dhiyaate tokko keessatti" A"n himata dhiyeesen Bn lafa ani bara Dargii
keessee itti fayyadamu bakka ani hinjiretti maqaa isaatti waan shalagsiifateef gadi naaf haa
lakkisu jedhe.
B'n deebii kenneen yeroo dhiyoo kaasee amantaadhan abbaan koo itti kenne malee lafti kan isaa
miti jechuun falme. Ragoonni dhiyaatani dhugaa bahan lafti falmii kaase kan abbaa B ti.
Amantaadhaan yeroo abbaan B du'u Bfi hijoollee obbolaa isaa akka itti gudisuuf itti kenname.
Bara 1989 kaasee maqaa Btin gibirri itti kanfalama jedhan.
K/H/Gandaa murtii kenneen darbinsa yerootin mirgi B citeera jechuun mormii saa kufaa godhe
manni murtii Aanaas cimse.
Dhaddachi ijibbaataa - lafti falmii kaasee lafa qabiyyee abbaa B ta'uufi falmiinis kan
gaggeeffamaa jiru ilma B fi Wasiila isaa (obboleessa abbaa B) ta'uu waan hubanneef falmii
dhaalaati jechuun K/H/Gandaa aangoo hinqabu jedhee murtii jalaa diige lakk. gal. ij. 46932.
Falmii lafa baadiyyaatin walqabatee ka’u keesa harki caalan isaa dhaala waliin kan wal-
qabatedha. Sababa baay’ina namaatin lafti qonnaa oomisha baasu dhiphachaa dhufuu isaatin
haatii Koo ykn abbaan koo bara “dheeraa dura” qabatani turan qabiyyee lafa isaani dhaalan naaf
ta’a jechuun namoonni hedduun mana murtii yoo dhiphisan ni mul’ata. Garuu irri caalli isaa ykn
hundi isaa jechuun ni danda’ama bu’uura lab.lakk 66/95 (M/M/H/Gandaa dhaabuu bahee)
Koree Hawaasummaa gandaarra waan jalqabamuuf dhaaddachi ijibbaata M/M/W/Oromiyaa
Koreen Hawaasa Gandaa dhimma falmii dhaalaa keessumsiisee murteesuf aangoo (material
jurisdiction) labsichaan hin kennamneef jechuun ejjennoo qabattee murtii diigaa tureera Fknf
lakk. gal. ij 47609.
Qabxii marii
a, Isin ejjennoo dhaddacha ijibbaata kanaan waliigaltuu? Yoo yaada addaa qabaatan ibsaatii
mariihadha.
Fuula 8
lafa saniitin buluufi ykn galii biraa hin qabneef ykn lafa dhabeeyyii hijoollee isaatif qofaa
dabarsee kennuu dandahuu ta’uu daangaheera kwt.6.
Kaayyoon labsii kanaa qabiyyeen lafa baadiyyaa bu’aa qabeenyaa (material benefit)
argamisiisurra darbee eenyummaa namaa kan callaqqisiisu waan ta’eef akka aadaati qabiyyeen
lafaa miseensa maatiirra bahee harka nama biraa galuu akka hin qabne kan barame labsichaan
beekumsa argachuu isaa hubanna.
Labsiin kun mirga itti fayyadama qabiyyee kennaadhan darbuu kan danda’u ta’uu ibsu illee
kennichi seeraa qabeessa (valid) ykn foormaaliitii maal guutuu akka qabu waan ibses ta’e seeraa
biraan furmaanni akka laatamuu danda’u waan caqase hin qabu. Haa ta’u malee waliigalteen
kennaa mirga itti fayyaadama abbaa qabiyyee lafaa dabarsee kennuu ilaalchisee hanga seeraa
addaa ta’een haala addaatin akkaa bitamu hin keenyetti seerri Hariiroo Hawaasaa kennaa
ilaallatu kwt.2427-2489 jiru akkaata amala addaafi imaammata lafaatin bu’uura taasifatee
raawwatinsa kan qabaatu ta’a lakk.gal.ij. 53036
Gama biraatin hedduu barbaachisaa kan ta’e seeraa qabeesummaa (validity) waliigaltiichaaf
foormaaliitii maal akka guutuu qabudha. Bu’uura kwt.10(3)tti waliigaltichi barreeffamaan ta’ee
Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyya Oromiyaatti (BQMBO) galmaahe yoo mirkanaahe
(registration and authentication) malee seera qabeessa ta’ee dirqisiisuu hindanda’u. Kanaa alatti
waliigaltichi seera duratti akka hinjiretti (null and void) ykn wiixinee qofaa akka ta’etti ilaalama.
Labsichi waliigaltee gara fuuladuraatti ta’u qofa osso hintaane waliigalteen kiraa lafaa kanaan
dura taasifaman ille ulaagaa waliigaltichi seeraa qabeessa ta’uf barbaachise guutuu akka qaban
ibsa. Faayidaan keewwata kanaa wabii mirga itti fayyadama lafa qotee bultoota eegufi faayidaa
lafaa tilmaama keessa kan galche ta’u illee duubatti deebi’ee waliigaltee kanaan dura
raawwatamanis BQMBOtti galmaahe akka mirkanaahu dirqisiisun isaa jeequmsa hawaasa
keessatti ( disturbing social order and security of trade) kan uumudha. Gama kaaniinis qotee
Fuula 9
bultoon hagamtu waliigaltee kiraa lafaa galmeesuufi mirkaneesuf Finfinnee dhufuu? Hojiira
oolmi keewwata kanaa qabatamaatti shakkisiisadha. Fknf kiraa lafaa qr.300 ykn 400f Boorana
ykn Begiidha Finfinnee dhufee BQMBOtti foormaaliitii guutu jedhamee hin yaadamu. Maalif
waajira Qonna Aanaaf bakka bu’umaan kennamuu akka dhabe mariihadha?
Qxabii Marii
1. Keewwanni 10(3) labsii kanaa seeraa qabeesummaa waliigaltee kiraa lafaatif BQMBOtti
galmaahufi mirkanaahu akka qabu dirqisiisa. Jechi galmaahufi mirkanaahu jedhu maal akka
ta’eefi garaagarumma isaa ibsaa.
2. Labsiin kun seera Hariiroo Hawaasaa kwt.1723 qabeenya hin sochoone abbaa
qabeenyumma dabarsuuf foormaaliitii waliigaltichi seeraa qabeessummaa isaatif barbaadu
waliin walitti dhufeenya isaarratti mariihadhaa.
3. Waliigalteen kiraa lafaa yeroo raawwatu fedhii qabiyyicharratti mirga itti fayyadamuu qaban
hunda argachuu akka qabu kwt 10(6) jalatti taa’era. Fknf Abbaa manaafi haati manaa qabiyyee
lafa isaani kiraa kennuuf fedhii hijoollee isaani mirkaneefachuu qabuu? Qabiyyee gosa
akkamiirratti keewwanni xiqqaan kun akka raawwii qabu mariihadha.
Dhumarrattis mirgi itti fayyadama lafaa qabeenya laficharratti horatame gurguruu, jijjiiruufi
dabarsuu kan dabalatu ta’uu isaati. Haa ta’u malee hundee qabeenya dhaabbataa qabiyyee
lafaatin walqabatee jiru kan akka Buna, Jimaa, Maango, Avokaadoo, Paappayaa, Burtukaana fi
kkf gurguruun akka hindandaamneefi yoo kan gurguramu ta’e lafa qabeenyichi irra jiru kan
hindabalanneefi bifa haalan toatameen kan daangeffameenidha kwt.6. Keewwanni kun
dhugmatti wabii mirga abbaa qabiyyee lafaa kan mirkaneese fi rakkina kanaan dura sababa
gurgurtaa manaafi ashaakiltoota amala dhaabbataa qaban olitti ibsaman gurgurtaan qotee
bulaan lafa isaarra buqqa’a tureef furmaata kan kennedha.
Qabxii marii
Kwt.6 jalatti haalli labsiin mirga qabeenya gurgurachuu daangesse mirga qabeenyaa heera
mootummaatin mirkanaaheen walitti bu’a jettani amantuu?
Fuula 10
policy and administration) jedhu ministeera qonafi misooma baadiyyaatin 2006 tti qophaahe
keessatii;
``security of tenure is the certainty that a person’s rights to land will be recognized by others
and protected in cases of specific challenges. People with insecure tenure face the risk that their
rights to land will be threatened by competing claims, and even lost as a result of eviction. With
out security of tenere, households are significantly impared in their ablity to secure sufficient
food and to enjoy sustainable rural livelihoods``.
Jechuun barbaachisummaa wabii mirga itti fayyadama lafa baadiyyaa jiruufi jireenya qonnaan
bulaarratti qabu ol’aanaa ta’u ibseera. Labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa
oromiyaas duudhaaleefi kewwatoota wabii mirga itii fayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessuu
hedduu kan of keessa qabu waan ta’eef sadarkaa seeraatin illee eegumis mirga abbaa qabiyyeef
taasifame ol’aanaadha.
Akkaata duudha fi keewwatoota labsii kanaatii qotee bulaan lafa qonnaaf tolaan argate daangaa
yeroo malee umurii issa guutuu itti fayyadamuu danda’a. Mataa isaatiin lafichatti fayyadamuurra
darbee mirga itti fayyadama lafa dhaaltoota isaaf dabarsuu, miseensa maatii isaaf kennuufi
abbaa barbaadetti kireessuu dabalata. Kana malees lafa qabiyyee isaa humna ofii fi maatii isaatin
qotuu ykn namoota biraa itti qaxaree misoomsuu ni danda’a. Wabii mirga itti fayyadamaa
mirkaneessuurratti irra caalan iddoo ol’aanaa kan qaban qabxileen bu’uuraa:
1. Mirigi itti fayyadama lafaa faayidaa ummataaf jecha mootummaan kan dhaalu yoo ta’e illee
qabeenyaa fi faayidaa achirra dhabeef dursee beenyaa argachuuf mirga qaba. Kana malees
dabalataan lafa walgitu bakka bu’aaf, yoo hammaate beenya deebisani dhaabuu argachuuf
mirga qaba.(kwt-6(11fi12)
2. Sababa idaa duunfaatin mirgi ittifayyadama lafaa raawwiidha qabamuura bilsa (kwt-6(5). Haa
ta'u malee KHG abbaan qabiyyee gibira ittifayyadama lafa baadiyyaa bara1998 fi19999 hin
kanfalle jechuun lafti qabyee isaa caalbaasiin akka kireeffamu murteese gal. lakk. ij. 69830 seera
qabeesummaa isaarratti mariihadhaa.
3. Lafa jallisiin misoomurra kan hafe lafti qotee bulaan qabame deebi’ee qoodaamuu akka
hindanda’amne ifatti taa’eera (kwt-14(1)
4. foormaaliitin labsiin kun yeroo mirgi itti fayyadamaa qabiyyee lafaa kireeffamuufi qabeenyi
lafichaan walqabate jiru gurguramu guutuu qabu jechuun kaahe (olitti kan ibsame) wabii mirga
itti fayydama abbaa qabiyyee mirkaneessuuf kan kaayyeefatanidha.
5. labsichi abbaa qabiyyeen lafa baadiyyaa eenyu akka ta’e, bal’ina lafaafi itti fayyadama, sadarka
gabbinaafi daangaa issa addaan bassee qaama aangoo qabu biratti galmeessufi daangaa
qabiyyee kan mul’isu kaartaan akka qophaahu akkasumas waraqaa raga abbaa qabiyyee akka
kennamu taasisuun isaa wabii mirga abbaa qabiyyee kan mirkaneessu
Fuula 11
6. Dhumarrattis labsichi walididdaan abbootii qabiyyee gidduutti ka’u hiikuufi wabii mirga itti
fayyadama lafaa mirkaneessuu keessatti sirnni diriirse shoora ol’aanaa kan qabudha. . Kanaa
olitti qabxileen bu’uuraa wabii mirga itti fayyadama lafa mirkaneessuuf taa’an iddoo ol’aanaa
qabu jedhame caqasame kun mirga bu’uuraa kan ta’aniifi lafti qabeenya mootummaatti kan
jedhameirra mirga namoota dununfaa lafarratti qaban mirga abbaa qabeenyaa waliin hedduu
kan walfakkaatudha.
Qbxii marii
Qabxilee bu’uuraa wabii mirga itti fayyadama lafaa mirkanessu jedhame kanaan olitti ibsaman
kun guutumaan guutuutti wabii mirga itti fayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessu jettani
amantuu? mariihadha. Hinmirkaneessan kan jettaan yoo ta’e maaltu guutamuun hafe?
Mirga itti fayyadamaafi abbaan qabiyyee lafaa baadiyya jiruufi jireenyi dubartoota baadiyyaa
galii lafa qonnarra argamurratti maxantuu ta’ef iddoo ol’aanaa qaba. Mirga itti fayyadama lafaa
dhabuun haala jireenya dubartoota balaarra buusa, qabsoo abbaa qabeenyaa ta’uurratti gufuu
kan ta’uufi sochii walqixxxummaa hawaasa keessatti taasifamu kan qancarsudha. Mirga
ittifayyadama lafa baadiyyaa dubartoonni dhaban jechuun sagantaa midhaan nyaataatin of
danda’uus ta’e gumaacha misooma biyyaa keessatti taasisan kan gufachiisu jechuudha.
Sababama kanaaf, tumaalee labsii itti fayyadamaafi bulchiinsa lafa baadiyyaa oromiyaa
keewwatoota adda addaa jalatti mirga lafa argachuu, itti fayyadamafi bulchuurratti dhiira waliin
mirga wal qixxee akka qabaatan kan mirkaneese.
Kana malees waraqaa abbaa qabiiyyee maqaa abbaa manaafi haadha manaatin kan qophaahufi
(kwt.15(8) dhirsaa fi niitiin yeroo wal-hiikan qabiyyee lafaa maqaa isaanitiin galmaayee waliin
qaban addaan hirachuuf mirga waliqixxee ta’e ni qabaatu jechuun tumeera.
Qaphxxii marii
Namni haadha manaa tokkoo ol qabu haala akkamiin waraqaa raga abbaa qabiyyee argata? Fkn
ishee tokko qofa waliin immoo hunduma waliini? hunda waliin yoo jedhame yeeroo hunda
waliin wal hiike bakka hundaa qixxee kan hiratuu? Gaaffii mirga walqixxummaa woo?
Fuula 12
Boqonnaa 3: Daangeffamaafi hafinsa mirga itti fayyadama lafa
baadiyyaa.
Fedhi abbaa qabiyyeetin yeroo waggaa lamaa fi isa ol ta’eef itti fayyadamuu dhiisuufi
Dirqama tumaalee labsichii abbaa qabiyyeerra eegu kunuunsa barbaachisaa lafichaaf
taasisuu qabu yeroo waggaa lamaa fi isaa ol ta’eef bahuudhabuudha.
Kaayyoon keewwata kanaas lafti meesha oomishitummaa keessaa akkuma kaapitaalaa fi humna
namaatti kan lakkaahamu waan ta’eef biyya hanqinni lafaa jiruu kanatti waggaa lamaa fi isaa ol
faayidaa malee tursiisun gufuu gudinaa ta’a jedhame waan yaadameef. Fedhiin itti fayyadamu
dhiisuun kun darbinsa yeroo waan hintaanef dirqama garee biraatin ka’ee falmamuu osoo hin
barbaacisiin tilmaama seeraati. Kanaaf mana murtiif haala bifa biraatin kan mirkanaahe taanan
kaayyoo labsichaa galmaan gahuuf jecha kaka’umsa mataa isaatin kaasu qaba. Fedhii mataa
isaatin dhiise ykn hindhiifne kan jedhuuf ragaan mirkaneessuu osoo hin barbaachisiin yeroon
waggaa lamaa ykn isaa ol itti hin fayyadamiin darbe taanaan seerri akka dhiisetti kan tilmaama
fudhatudha. Tilmaamni seeraa kun garuu raga faallan (rebut) fashalaahu ni danda’a.
Gama kaaniin mirga itti fayyadama lafaa kan hanbbisu dirqama abbaa qabiyyee lafaa kunuunsa
isarraa eegamu bahuu dhabuudha. Sababoonni kuni lamaan bakka tokkotti iddoo guutamani
argamanitti abbaan qabiyyee mirga itti fayyadama fedhaan dhiise kan nama jechisiisu.
keewwanni kun namoota waggoota hedduuf lafa isaani dhiisani sababa dur kan akaakayyuu,
akaakilee, abbaa kooti ykn ofiin yeroo akkasii itti fayyadamerrra qabiyyee kooti jechuun falmii
hedduu gosa akkasii mana murtii dhiphisaa jiruuf furmaata ta’a.
Fuula 13
uummataa jedhu maalirratti hundaaha? kan jedhuufi falmii hanga beenyaa walqabatee jiru
labsichaan addaan bahee hinteenye. Haa ta’u malee labsichaan addan bahee ifatti hincaqafmne
jechuun seerri dhimma kana bitu hinjiru jeechuu miti. Kanaaf, dhimma dhaalmaatin wal qabatee
falmii ka’u hikuuf amala addaa fi imaammata lafa baadiyyaa waliin wal simsiisun S.H.H
kwt.1460fi itti aanee jiru lab.lakk. 455/1997 raawwatinsa ni qabaata hanga serri addaa dhimma
kana bitu hinjiretti.
Inni duraa itti gaafatamummaa idaarraa bilisa kan nama baasu (liberative prescription) yoo ta’u
inni lammaffaa garuu mirga duraan hinjire kan nama horachiisu (acquisitive prescription)
jedhamee kan beekkamudha.
Gosti darbinsa yeroo ijoo harkaa qabnu walin kan walsimuufi ilaaluuf jirru isa lammaffaati. Haala
kanaan namni qabiyyee nama biraa mormii malee yeroo dheeraf to’annoo isaa jalatti galfatee
ulaagaalee seeraa biraa guutaa yeroo murtaahef itti fayyadame yeroon murtaahe gaaffii tokko
malee kan dhume yoo ta’e haala itti abbaa qabeenya ta’udha.
Kaayyoon duudhaa darbinsa yeroo gaaffiin mirgaa yeroo murtaahe keessatti dhiyaachuu akka
qabuu kan daangesedha. Kana malees nagaa fi eegumsa hawaasummaa haala amansiisarrattii
eeguuf jecha sababa dheerina yerootin mirga xiqqaachaati siruma iyyuu jiraachuun isaa
iraanfatame akka hinjiretti ilaalani cinaatti dhiisuun kan itti fufu cimsanii qabachuurratti kan
kaayyefate.
Labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa haqame (lakk.56/94) waldiddaa abbaa
qabiyyee lafa baadiyyaa ilaaluf aangoo sadarkaa duraa koree hawaasumma gandaaf kan
kennedha. Lab.lakk 66/95 manneen murtii hawaasummaa gandaa irra deebi’ee dhaabuf bahe
kwt.54(2) jalatti falmii abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa waliin wal qabatee ka’u guyyaa
himata dhiyaatu danda’urra kaasee waggaa lama booda yoo dhiyaate fudhatama hin qabu
jechuun ifatti waan kaaheef dhimmoonni hedduun mormin darbinsa yeroo irratti ka’e
bu’uuruma kanaan furmaata argatani jiru.
Haa ta’u malee labsileen lakk. 56/94 fi 66/95 olitti caqasaman kun haqamuu isaaniitin akkasumas
lab.lakk.130/1999 hojiira jiru waa’ee darbinsa yeroo waan caqase hinqabneef dhimmoota mana
murtii dhiyaatanin wal qabatee mormii darbinsa yeroo ka’uuf gaaffii ta’eera. Labsin kun waa’ee
darbinsa yeroo caqasuu dhabuun isaa falmii mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa waliin wal
qabatee ka’urratti danbbiin darbinsa yeroo raawwii hinqabu jechuudha? Akka ogeessa seeratti
gaaffii kanaaf furmaata kennuuf mala hiikaa seeraa hojiira oolchuun barbaachisaadha.
Fuula 14
Duuchaatti gaaffi ka’eef deebii laachuufi duudhaa darbinsa yeroo olitti caqasame keessatti
yeroon issa dheera ta’us gabaaba sirnna haqaa biyya kamii keessatuu danbbiin darbinsa yeroo
raawwatinsa akka qabu ibsaineerra.
Falmiin mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa waliin wal qabatee ka’us duudhaa kanaatin ala ta’a
jedhamee hintilmaamamu. Sababuma waliigalaatin falmiin abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa illee
taanaan raawwatinsa darbinsa yeroorra bilisa hinta’u.
Falmiin abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa darbinsa yeroorra blisa hinta’u erga jedhame gaaffiin
ittiaanu seeraa darbinsa yeroo kamiitu raawwatinsa qaba? Yeroo hagam booda himanni yoo
dhiyaate fudhatama hin qabu? Gaaffi kanaaf deebii kennuuf yaada kallattii lamaan jiraachuu
danda’a. Inni duraa waliddiddaan mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaarrattii ka’u akkuma
dirqama (obligation) kamii waliigalteerratti hinhundaahintti ilaaluun bu’uura S.H.H kwt.1677(1) fi
1845tin darbinsa yeroo waggaa kudhanitu (10) raawwatinsa irratti qaba jechuun falmu. Gama
kaaniin amala addaa lafti baadiyyaa qabuufi bu’uura imaammata waliigalaa lafarratti jiruun mirgi
lafarratti namoonni qaban mirga abbaa qabiyyee malee abbaa qabeenya miti. Falmiin ka’us
mirga abbaa qabiyyummaa (possessory action) waan ta’eef abbaan qabiyyee jeequmsi narratti
uumame jedhu gaafa himana dhiyeesuu danda’amurra kaasee bu’uura S.H.H kwt.1149(2) tin
waggaa lama keessatti dhiyeesuu qaba kan jedhu.
Qabxii marii
-Yaada isa kamtu madaallii kaasa jettanii amantu? Sababa keessan waliin kaaha
Kaayyoon kutaa kanaa illee kaayyoo waliigalaa labsichi seensa (preamble) isaarratti kaaheen
haalli itti fayyadaminsi lafaa kallatti guddina walitti fufinsa qabu fiduufi carraa missooma
dhaaloota dhufurratti miidha hingeesifne galmaan gahuudha. Dirqamni labsichaan abbaa
qabiyyeerra jiru haaluma waligalaatti qabeenya uumammaafi lafatti yeroo fayyadamu kunuunsa
barbaachisaa ta’e akka of eegannoodhan raawwatuuf kallattii imaammata eegumsa naannoo
kan callaqisiisu. Akkaatan keewwatoonni kun taa’anis yoo ilaallu haala dirqisiisan waan ta’eef
tumaalee keewwatoota kanaa bahuu dhabuun faayidaa waliigalaaf jecha tarkaanfii hanga
qabiyyeerra buqqa’uu gahutti kan hordofsiisuu danda’u ta’a. Lab.lakk.456/1997 kwt.10(1)irra
hubachuu kan danda’amu abbaan qabiyyee lafa to’annaa isaa jala jirurratti miidhaa kan geesisu
yoo ta’e mirga itti fayyadama issa kan dhabsiisu ta’u isaati.
Fuula 15
Boqonna 4: Akkaataa waldiddaafi waldhabiinsa Abbaa qabiyyee itti
hiikamu (Land dispute resolution)
Falmii dhaalatin ala waldiddaan lafa baadiyyaa waliin walqabate ka’u irri caalli isaa falmii
daangaa ykn abbaa qabiyyee waan ta’eef ijoo dubbiirratti kan hundaahedha (that many times
gives rise to factual issues). Bu’aan waldiddaa araara jaarsoliitin xumuurun irra guddaan isaa
osoo falmitoota gidduutti goddaanisa hinhanbbisiin falmii ka’eef furmfaata kennuu isaati.
Falmiin daangaa darbuu ykn abbaa qabiyyee hiikuuf ijoon falmii abbaan qabiyyee lafa falmii
kaase kanaa eenyu? Ykn daangaan jedhame darbame moo hindarbamne? kan jedhuf furmaata
kennuurraa darbee ogummaa seera addaa ta’ee falmii seeraaf furmaata kennuu kan barbaadu
miti. Falmii akkasii kan jaarsoliidhan furmaata akka argatu carraa laachuun heedduu kan rakkina
uumu ta’ee hinargamu.
Gareen murtii jaarsoliitti muufatan ille akkaata murticharra mana murtii idileetti ol-iyyatan ykn
gama biraatin furmaata argachuu danda’an akka filannoo isaa dhumaatti ilaalamee labsichaan
sirnni diriireera. Kanaa olitti kaayyoo labsichi qaama jaarsolii araaraa waldiddaa daangaa ykn
qabiyyee lafa baadiyyaarratti ka’e hiikuuf akka qaama haqaati labsichi hundeese erga ilaallee
labsicha waliin walqabatee gahee jaarsoliifi hanqinoota labsichi gama kanaan qabu hojii
qabatamaarratti hundoofnee ilaalla.
Akkaata labsichaatti waldiddaa fi waldhabbiinsi daangaa ykn aabaa qabiyyee lafa qonnaarratti
ka’u kamiyyuu duraan dursee dhiyaachuu kan qabu jaarsolii araaraa bitaa fi mirgaan filatamaniin
ta’uu akka qabu Kwt.16 ni ibsa. Akkaata kwt.16tti sirnni falmii lafa baadiyyaan walqabatee ka’u
duraan durrsee gareen mirgi koo miidhame jedhu bulchiinsa gandaatti iyyanna dhiyeefata. Gama
bulchiinsa gandaatin himatamaan dhiyaate jaarsolii lama lama akka filatan ta’ee yoo waliigalan
jaarsa gidduu galeessa waliin filatu.Yoo waliin hingallee bulchaa gandaatin walitti qabaan kan
muudamu ta’a. Jaarsoliin kunis guyyaa muudamani kaase guyyaa 15 keessatti bu’a araara
bulchiinsa gandaaf dhiyeessu. Bulchiinsi ganda bu’a araara kana galmeesee, chaapesuun
garagalcha isaa abbootii dhimmaaf kenna. Gareen bu’aa araara jaarsoliirra komii qabu erga
bu’aan araarichaa bulchiinsa gandaattii galmaahe kaasee guyyaa sodoma keessatti bu’aa araaran
walqabsiisee mana murtii idileetti himannaa dhiiyeesuu akka dandahuuf manni murtii idilee illee
Fuula 16
himannaa bu’aa araaraa walqabatu malee himannicha fudhachuu akka hinqabne tumeera.
Asirratti aangoon qaama bulchiinsa gandaa waldiddaa lafa baadiyyaan walqabatee ka’uuf
akkaata itti hiikamu haala mijeesuurra (as a facilitator) darbee maal akka ta’e ifaatti labsichaan
hin teenye. Qaama bulchiinsa kanaas akka qaama bilisaa (independent) ta’eetti ilaalame aangoo
hanga Jaarsa araaraa gidduu galeessaa muuduu dand’u kennuun isaa ifa miti. Fknf garee
falmitootarra bulchiinsi gandaa isa tokko yoo ta’e aangoon haala araara mijeessuu akkaamiin
ilaalama? Akkaa Jaarsa araaraatti (arbitrator) jaalala gareetin yoo waliigalame kan itti galamu
yoo hintaane dhiifamu osoo hin taane labsiidhan qaama hundeeffamedha waan ta’eef
waldiddaa lafa baadiyyaatin walqabatee ka’u duraan dursee Jaarsolii araaraattii dhiyaachuu
qaba. Jaarsoliin araara (arbitrator) akka duudhaatti murtii dirqisiisaa kennuu kan danda’u ta’ee
murticha gareen komatu mana murtii idileetti ol-iyyata malee bu’aa araara akka ragaatti
walqabsiisuun himannaa dhiyeesu miti. Asirratti gaheen Jaarsolii araara raga calaluu qofaarratti
kan hundaahe fakkaata. Gama biraatin bu’aa araara jaarsoliirra gareen komate himannaa hin
dhiyeesinerratti yaadni araara kun akka murtii dirqisiisaatti ilaalamee kan raawwatu ta’uun isaa
qaama kana adda kan taasiisudha.
Gama kanaan gaheen jaarsolii araara yaada araara qofa dhiyeesuu akka hin jedhamneef gareen
bu’aa araaraatin muufate guyyaa sodoma keessatti himannaa dhiyeessa kan jedhu duudha
jarsolee araara (arbitiration Art. 319 C.pr.C, Art.3325 ff C.C.) waliin faallaadha. Sababiin isaas
bu’a araara jaarsoliin kan muufate himatamaa yoo ta’e haala akkamiitin himannaa dhiyeessa?
Ykn eenyurratti? Gaaffii jedhuuf labsichi deebii hin kennu. Bu’aan araara sirri miti jedhee kan
komatu yoo ta’e komii ol-iyyannooti malee himannaa miti. Kana malees gareen bu’a araararratti
komii qabu guyyaa garagalfamee bulchiinsi gandaa kenneef kaase guyyaa 30 keessatti himanna
yoo hindhiyeesine furmaata maal qaba? Hayyamsiisa yeroon 0l-iyyannoo darbe dhiyeessuu
danda’aa? Jaarsoliin araara kun akka qaama haqaatti labsichaan hundaahe beekkumsa kan
argate yoo ta’e illee akkaata falmii itti gaggeessanii fi aangoo garee falmitoota itti tohatan kan
kaahe hinqabu. Faknf gareen falmii isaaani seeraa fi naamusaan adeemsisuu yoo baatan
jaarsoliin akkamiin hojii isaani fiixan baafatu?
Qabxii marii
Bulchiinsi ganda “A” jedhamu mana murtii Aanaa “B”f xalayaa barreesseen dhimma daangaa
lafaa ilaalchisee iyyata himataan gaafa 3-2-2000tti barreesseen jaarsoliin yeroo kudhaniif
lakkahamee taa’an illee gareewwan lamaanu seeraa kabajuu dhabuun
- Jaarsolii arabsu
- Guyyaa beellamaa kabajuu dhabuun jeequmsa waan uumanif gama keessaniin furmanni
itti akka kennamu jedhame gaafa 23-6-2000 barreessee waliin qabsiisee himataan 01-iyyannoo
mana murtii Aanaatti gaafa 10/7/2000 dhiyeese manni murtii Aanaa offitti fudhatee raga
dhagahuun murteese. (gal. lakk. Ij 09327)
a. Manni murtii aanaa himannaa (kan amma 01-iyyannoo) bu’a araaraa wal hinqabatiin ofitti
fuudhe ilaalun murtii kennuun isaa akkamitti ilaaltu? Mariihadha.
Fuula 17
b. Manni murtii aanaa haala kanaan dhimmoota ofitti kan fudhatee ilaalu yoo ta’e kaayyoo
labsichi galmaan gahuu barbaade hojiirra ooleera? Gaheen jaarsolii araara woo maalidha?
c. Gareewwan seeraa kabajanii naamusaan falmii isaani kan hindhiyeesine yoo ta’e jaarsoliin
haala akkamtiin hojii isaani gaggeessu?
d. Dhimmichi jaarsolii araaraf 3-2-2000 dhiyaate hanga furmaata kennuu hindandeenye jedhame
23-6-2000 tti baatii 4fi guyyaa 20 ture. Gareen tokko dhimmi Koo yeroodhan furmaata
hinarganne jechuun kan iyyatu yoo ta’e furmaata maal kennitu? Bu’an araara guyyaa 15 booda
dhiyaatu fudhatama qabaa?
Gama kaanin rakkoon labsii kana keesatti qaama jaarsoliitin walqabatee argamu gareen tokko
jaarsa araaraa hinfiladhu yoo kan jedhu ta’e furmaanni maali?. Qaama jaarsolii araara hundeesuf
rakkoon jiru illee seerichaan furmaata kan argate miti. Kana malees labsichi akkaata jaarsoliin
aangoo isaanirrra haqaman ykn ka’an illee kan kaahe waan hin qabneef gama kanaanis hanqina
kan qabudha. Haa ta’u malee duudha jaarsa araara (”arbitrator proper”) akka walfudhatutti
dhimma harkaa qabnuuf hojiirra oolchuun kan danda’amu ta’us kun uummata qotee bulaa
biratti rakkoo biraa kan uumudha.
Labsichi gareewwan walfalmaaniif waldhabbii isaan gidduu jiru hiikuf akka danda’an carraa
bal’aa kennuun haala barbaadaniin dhimma isaanii fixachuu ykn araaramuu akka danda’anf
sirnna diriirsuun isaa faayidaan qabu guddaa (kwt. 16(2)) ta’us rakkina mataa isaa qaba. Hojii
qaama haqaarratti tuulamu tamsaasun yeroo gabaabafi salphaatti waldhabbif furmaata kennuuf
faayidaa qaba.
Qabxii marii
Dhimma falmii lafaatin walqabatee ka’urratti manni murtii aanaa himannaa kallatiidhan ofitti
fudhatee ilaalee murtii kennerratti gareen biraa qabxii kana komachuudhan dhaddacha
ijibbaataf dhiyeesu illee dhaddchi kun ijoo falmii ilaalun hanga dogongor biraa hin qabnetti
jaarsolii araaratti dhimmichi duraan dursee dhiyaachuu dhabuu qofti daogngora bu’uura seeraa
miti jechuun sagalee caalmaan hin dhiyeesissuu jechuun galmee cufe. Ajaja kanarratti yaada
qabdan ibsaa.
Fuula 18
deebiifi ragaan maal akka jedhu addaan baasani kaahu dhabuudha. Ragoota dhiyaatani
dhagahaman yeroo dhugaa bahan qulqulleessani fuudhuunis rakkoo biraati. Akkuma sirnaatti
immoo rakkinna uumaa kan ture abbaan qabiyyee lafa baadiyyaa ilaalchisee ragaan abbaa
qabiyyee kan hinkennamneefi hingalmfoofnee ta’un isaa ragaa namaa amantaan irratti
hingatamne qofarratti akka hirkatamu taasiseera. Bu’a murtiin haala kanaan kennamus hagam
balaafamaa akka ta’e tilmaamuuun nama hinrakkisu. Bu’uura lab.lakk.130/1999 tin walqabatee
falmiiwwan lafa baadiyyaa dhaddacha ijibbaataf dhiyaatan ilaalchisee komii iyyannoo reefu
dhiyaachaa kan jiran waan ta’eef hanga yoonatti falmiin bilchaate gosaafi haala barbaadameen
argachuu hin dandeenye. Kanaaf, labsicha hojiirra oolchuurratti rakkina uumame addaan
baasanii mariif dhiyeesuf yeeroon isaa kan hafu ta’uu hubatamuu qaba.
Ammas taanan gaaffiin deebii argachuu qabu falmii abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa waliin
walqabatee ka’u mirkaneessuf ragaan fudhatama qabu kami? kan jedhu.
Lafti qabeenya hinsochoone jedhamani seeraan ramadaman keessa adda dureen carqasama
S.H.H kwt.1130. Lafti qabeenya uummata Itoophiyaa waliinii ta’u illee namoonni dhuunfaa mirga
itti fayyadamaa akka qabanii fi lafa to’annoo isaani jala jiru irratti mirga abbaa qabiyyee akka
qabaatan seerri ifaatti kaaheera. Mirgi abbaa qabiyyee kun lafichatti daangaa yeroo malee
umurii isaa guutuu itti fayyadamu, dhaalan ykn kennaan dabarsuufi kireesuu kan dabalatu waan
ta’eef mirga abbaa qabeenya waliin kan walfakkaatu/ walmadaalu ta’u marii keenya darbe
keessatti caqafneerra.
Haaluma kaaniin lab.lakk.56/94 keessatti illee taanaan qonnaan bulaan kamuu warqaa raga
qabiyyee lafa isaa agarsiisu akka kennamuuf tumameera. Haa ta’u malee qabiyyee lafa
baadiyyaa kan dhuunfaa, walinii, mootummaafi miti-mootummaa addaan baasanii daangaa isaa
caqasuun raga abbaa qabiyyee kan mul’isu kaartaan qophaahe kennuun hojiirra kan oolee 1998
kaaseeti. Ragaan abbaa qabiyyee mirkaneessu kun qaama mootummaatti abbaa qabiyyee
lafichaa galmeessuu qofa osoo hintaane mirkaneessuu (authentication) kan dabalatudha. Raga
abbaa qabiyyummaa galmeesuun abbaa qabiyyeef kennuun mirga abbaa qabiyyee kan
mirkaneessu, hanbbisuu ykn miidhudha. Ragaan abbaa qabiyyummaa qaama aangoo qabutti
galmaahun isaa raga abbaa qabiyyummaa gahaafi quubsaa raga adda biraatin faalleeffamuu
hindandeenyedha (for the register itself is conclusive proof of title).
Faayidaan raga abbaa qabiyyees wabii mirga abbaa qabiyyee lafa jedhamerratti mirkaneesuufi
iddoo ol’aanaa qaba. Kanaaf, ragaan abbaa qabiyyummaa qaama aangoo qabuun galmaahe
namni kennameef qabiyyicharratti mirga kan qabu ta’u ni mirkaneesssa. Ragichi gowwoomsuun
ykn waliindhahuun argame kan jedhuun ala raga biraatin faalleessuun hinanda’amu S.H.H
kwt.1195 fi 1196 walfakkeesun (by analogy).
Qabxii marii
- ragaan abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa mirkaneessuf dhiyaachuu qabu fi mana murtiitin
fudhatamu kam akka ta’e sababa keessan waliin ibsaa. Raqaa namaa moo barreeffamaa? Ykn
lamaaniin ? Gama kaanin himanni lafa baadiyyaa waliin walqabate dhiyaatu gostiisaa maal ta’uu
Fuula 19
qaba kan jedhu? Himanna abbaa qabiyyee (possessory action) moo abbaa qabeenyati ? kan
jedhu. Mirgi namoonni dhuunfaan lafarratti qaban abbaa qabiyyeeti malee mirga abbaa
qabeenya waan hin taanef himanna jeequmsi akka dhaabbatuufi qabiyyee lafaa deebisani
to’annoo ofii jala akka oolu gochuudha. Gama kamiinuu bu’an isaa mirga lafichatti fayyadamuu
mirkaneesuu waan ta’eef qabatamaatti garaagarumman isaa hedduu kan mul’atu miti.
Fuula 20