Bulbula
Keemistirii keessatti, Bulbulli makaa gostokkee wantoota lamaa fi isaa ol irraa ijaarameedha. makaa akkasii keessatti, bulbulamaan(solute) wanta wanta biraa keessatti bulbulame yoo ta'u, wantii kessatti bulbulamuubulbulaa jedhamuun beekama. Fakkeenyonni bulbultii beekamoo ta’an bulbula sukkaara bishaan fi bulbula soogiddaa fi bishaanii, bishaan soodaa fi kkf. bulbula keessatti qaamoleen hundi akka faalkaa tokkootti mul’atu. suddoowwan isaanii kan walfakkaatanii walqixxi raabsamani dha. Kanaafis qaruuraa dhugaatii lallaafaa guutummaan guututti dhandhamaa wal fakkaatu kan qabu.
Amaloota
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Bulbulli ruqoolee lama qaba isaani bulbulamaa fi bulbulaadha
- Bulbulli makaa gostokkee wantoota lamaa fi isaa ol irra ijaarameedha.
- Suddoowwan bulbulamaa bulbula tokko keessa jiran ijaan arguun hin danda’amu. Faallaa kanaatiin, suddoowwan fandhoo(suspension) keessatti mul’achuu danda’a .
- Bulbulli tokko ifaan hin faca'u . Faallaa kanaatiin, suddoon fandhoo keessa jiru faca’iinsa Tyndall ykn faca’iinsa Rayleigh fiduu danda’a .
- Bulbulli tokko sukkaa'aa(stable) dha; bulbulamoonni bulbulamuu makaa sanaa ol yoo itti dabalame malee hin kurfaa'an(precipitate), yeroo kanatti wantoonni faalkaa jajjaboo isaa keessa ni hafa, guuttataa oolaanaa (hypersaturation) jedhamee waama.
- Bulbulamaan bulbula irraa argamu dhimbiibaan adda baafamuu hin danda’u.
Gosoota
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bubulli dhangala’aan kan akka bulbula sukkaara fi bishaan gosa baay’ee beekamaa ta’us, bulbulli gaazii ykn jajjaboos ni jiru. faalkaa wantanni kamiyyuu (jajjaboo, dhangala’aa ykn gaazii) yeroo bulbula uumamu akka bulbulamaa fi bulbulaatti ta'u danda’a. Kanaafuu, faalkaan nafooyyee(physical state) bulbulamaa fi bulbulaa irratti hundaa’uun bulbula gosa adda addaa sagalitti ramaduu dandeenya. Kana malees, bulbulli kun maqaa bulbuulaarra moggaafama
Lakk | Gosa bulbultii | bulbulamaa | bulbulaa | Fakkeenya |
1 | Jajjaboo-jajjaboo | Jajjaboo | Jajjaboo | Laaqii akkeen akka biraasii, sagayaa(bronze) fikkf. |
2 | Jajjaboo-dhangala'oo | Jajjaboo | dhangala'oo | Bulbula soogiddafi suggarri bishaan keessatti uuman |
3 | jajjaboo-gaazii | Jajjaboo | gaazii | Wantootni akka ayoodinii, kaamfoorii fi kkf qilleensa keessatti kaantaraaruu. |
4 | dhangala'oo-Jajjaboo | dhangala'oo | Jajjaboo | Soogidda bishaan itti makame, amaalgamii ziinkii fi meerkurii fi kkf. |
5 | dhangala'oo-dhangala'oo | dhangala'oo | dhangala'oo | Alkoolii bishaan keessaatti bulbulamuu, beenziinii toluweenii keessatti mulbulamuu |
6 | dhangala'oo-gaazii | dhangala'oo | gaazii | Eroosoolii, hurka bishaanii qilleensa keessa jiru. |
7 | gaazii-Jajjaboo | gaazii | Jajjaboo | Haayidroojiiniin paalaadiyeemii keessatti xuuxamu |
8 | gaazii-dhangala'oo | gaazii | dhangala'oo | Dhugaatii qilleensa qabu |
9 | gaazii-gaazii | gaazii | gaazii | Walmakaa gaazii akka: fi kkf |
Bulbula Jajjabaa guuttiiqaa bishaan keessatti
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Jajjabaan guuttiiqaa(ayoonii) bishaanitti yeroo dabalamu bulbulamee bulbula uumuu danda’a. Adeemsi bulbulamuu hidhoo ayoonii(guuttiiqaa) jajjaboo keessa jiru cabsuu fi ayoonota dhuunfaa molakiyuulota bishaaniitiin bishaan-qabeessummaa(hydration) gochuu of keessatti qabata. Bulbulamummaan jajjaboo ayoonii bishaan keessatti madaallii anniisaa hidhoo ayoonii cabsuuf barbaachisu (anniisaa xaxeentaa(lattice)) fi anniisaa yeroo ayoononni bishaan-qabeessa ykn bishaan qabaatu gadi lakkifamu (annisa bishaan-qabeessummaa) gidduu jiru irratti hundaa’a.Anniisaan bishaan-qabeessummaa ayoonotaa anniisaa xaxeentaa jajjaboo caalaa yoo ta’e, jajjabichi bishaan keessatti bulbulamee bulbula ni uuma. Kun akkaataa adda addaatiin mirroowwan ayoonota xixiqqoo, chaarjii guddaa qabaniifi/ykn ayoonota sadarkaa haayidireeshinii olaanaa qabaniif ni uuma. Fakkeenyonni kompaawundoota ayoonii baay’ee bulbulaman soodiyeem kilooraayidii (NaCl), pootaasiyeem naayitreetii (KNO3), fi ammooniyeem salfeet ((NH4)2SO4) ni argamu.
Seerota Bulbulamuu Jajjaboo Ayoonii(guuttiiqaa)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Seerotni bulbulamuu jajjaboo guttiiiqaa bulbulamuu mirroowwan ayoonii waliigalaa bishaan keessatti tilmaamuuf qajeelfama waliigalaa kenna. Seerotni kun cimina sadhataawaa humnoota molakiyuulota gidduu kompaawundoota keessa jiranii fi walnyaatinsa ayoonotaa fi maddarroowwan bishaanii gidduu jiru irratti hundaa’a. Seerotni bulbulamuu jajjaboo ayoonii kaannen armaan gadiiti:
- Ashaboowwan waliigalaa elementoota Garee 1A hunduu (kan akka Na+, K+,Li+) fi ammooniyeemii,NH4+, bulbulamoo dha
- Ashaboowwan naayitreetii (NO3-) baay’een isaanii bishaan keessatti ni bulbulamu. Fakkeenyonni pootaasiyeem naayitreetii (KNO3) fi kaalsiyeem naayitreetii (Ca(NO3)2) ni argamu.
- Ashaboowwan kilooraayidii (Cl-), biroomaayidii (Br-), fi ayoodaayidii (I-) irra caalaan isaanii bishaan keessatti kan bulbulaman yoo ta’u, kanneen meetii (Ag+), dilaalii (Pb2+), fi meerkurii (Hg2+) immoo hin bulbulaman. Fakkeenyonni Ashaboo bulbulamoo soodiyeem kilooraayidii (NaCl) fi pootaasiyeem biroomaayidii (KBr) yoo ta'an meetii kilooraayidii (AgCl), dilaalii biroomaayidii(PbBr2) immoo Ashaboo hin bulbulamneedha.
- Soogiddoonni salfeetii ykn waalgeetii (SO4 2-) kanneen kaalsiyeemii (Ca2+), istiroonshiyaamii (Sr2+), baariyeemii (Ba2+), dilaalii (Pb2+), fi meetii (Ag+) irraa kan hafe, baay’een isaanii bishaan keessatti ni bulbulamu. Fakkeenyaaf, soodiyeem salfeetii ykn soogiddoo waalgeetii (Na2SO4) fi ammooniyeem salfeetii ((NH4)2SO4) ni argamu.
- Kaarbooneetii ykn Cilkura (CO3 2-), fosfeetii ykn kurkiikkoo badaatuu (PO4 3-), salfaayidoonni ykn waalgaayidoonni (S2-), fi haayidirooksaayidoonni ykn bishoogubayyaa(OH-) baay’een isaanii kanneen sibiilota garee 1 fi ayoon amooniyeemii irraa kan hafe bishaan keessatti hin bulbulaman. Fakkeenyonni kompaawundoota hin bulbulamne kaalsiyeem kaarbooneetii (CaCO3) fi meetii salfaayidii (Ag2S) ni argamu.
- mirroowwan tokko tokko bulbulamuu daangeffame agarsiisu. Fakkeenyaaf, haayidirooksaayidoonni ykn bishoogubbaayyoonni sibiilota Garee 2 (fkn, kaalsiyeemii haayidirooksaayidii ykn bishoogubbaayyaa Kaalsiyeemii, Ca(OH)2) xiqqoo bulbulamoo dha.
Bulbula Dhangala’oo Dhangala’oo Keessatti:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhangala’oonni lama yeroo walitti makaman dandeettiin bulbula gostokkee uumuu amaloota ummamaa dhangala’oo fi walnyaatinsa molakiyuulaa gidduu isaanii irratti hundaa’a. Bulbulamummaan dhangala’aa tokkoo kan biraa keessattii sababoota akka waaguummaa(polarity) molakiyuulaa, humnoota molakiyuulaa gidduu fi teempireecharatiin murtaa’a.
Dhangala’oo Walfudhataa(miscible liquid): Dhangala’oonni lama yoo walfudhatan kan jennuu, qixxaantaa hundaan guutummaatti wal keessatti yoo bulbulamedha. Kunis kan uumamu humnoonni molakiyuulota gidduu molakiyuulota dhangala’oo lamaan gidduu jiran walfakkaata ykn walsimsiisan yoo ta’an. Fakkeenyaaf, etaanoolii fi bishaan lamaan isaanii molakiyuulota waaggee hidhoo haayidiroojiinii uumuu danda’an waan qabaniif walitti makamuu danda’u.
Dhangala’oo walhin fudhannee: Dhangala’oonni lama kan wal hin fadhannee yoo ta’an, walitti hin bulbulamanii fi yeroo makaman baqqaana adda addaa uumu. Kun akkaataa adda addaatiin kan uumamu humnoonni molakiyuulota gidduu molakiyuulota dhangala’oo lamaan gidduu jiran garaagarummaa guddaa yeroo qabaatanidha. Fakkeenyi isaa zayitaa fi bishaan yoo ta’u, zayitiin miti waagge(nonpolar )fi bishaan ammoo waaggee(polar) dha. Garaagarummaan humnoota waaggee fi gidduu maddarroo/molookiyuuli akka hin makamne isaan dhorka.
Uumamuu Bulbultii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Uumamuun bulbultii adeemsa bulbulaamaa bulbulaa keessatti itti bulbulaman agarsiisa. Bulbulli makaa gostokkee wantoota lamaa fi isaa ol irraa ijaarame yoo ta’u, suddoowwan bulbulamaa guutummaan guutuutti bulbulaa keessatti haala walfaakkatuu raabsamudha. Bulbulamaan wanta bulbulamu yoo ta’u, bulbulaan immoo wanta bulbulaman itti bulbulamudha.
Adeemsi uumamuu bulbultii akkaataa adda addaatiin tarkaanfiiwwan armaan gadii of keessaa qaba:
- Xammeessuu(solavation): Suddoowwan bulbulamaa suddoowwan bulbulaa wajjin walittihidhamuun hidhoo molakiyuulaa yookiin ayoonii bulbulamaa addaan kutu. Adeemsi kun yeroo baay’ee humnoota harkiisaa molakiyuulota bulbulamaa fi bulbulaa gidduu jiruun kan umamuudha.
- Faca’iinsa: suddoowwan bulbulamaa guutummaa gutuutti bulbulamaa keessatti raabsamu ykn fa'cauudha. Molekuloonni bulbulaa suddoowwan bulbulamaa marsanii addaan baasuun akka isaan irra deebi’anii walitti hin makamne dhorku.
- Bulbulamummaa: Bulbulamummaan bulbulamaa bulbulaa addaa keessatti haala addaa kan akka ho’aa fi dhiibbaa keessatti bulbulamaann hangam bulbulaa keessatti bulbulamuu akka danda’u murteessa. Yeroo baay’ee bulbulamummaan kan ibsamu giraama bulbulamaa liitira bulbulaa tokkoofidhaani.
Bulbula Jajjabaa guuttiiqaa bishaan keessatti
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Jajjabaan guuttiiqaa(ayoonii) bishaanitti yeroo dabalamu bulbulamee bulbula uumuu danda’a. Adeemsi bulbulamuu hidhoo ayoonii(guuttiiqaa) jajjaboo keessa jiru cabsuu fi ayoonota dhuunfaa molakiyuulota bishaaniitiin bishaan-qabeessummaa(hydration) gochuu of keessatti qabata. Bulbulamummaan jajjaboo ayoonii bishaan keessatti madaallii anniisaa hidhoo ayoonii cabsuuf barbaachisu (anniisaa xaxeentaa(lattice)) fi anniisaa yeroo ayoononni bishaan-qabeessa ykn bishaan qabaatu gadi lakkifamu (annisa bishaan-qabeessummaa) gidduu jiru irratti hundaa’a.Anniisaan bishaan-qabeessummaa ayoonotaa anniisaa xaxeentaa jajjaboo caalaa yoo ta’e, jajjabichi bishaan keessatti bulbulamee bulbula ni uuma. Kun akkaataa adda addaatiin mirroowwan ayoonota xixiqqoo, chaarjii guddaa qabaniifi/ykn ayoonota sadarkaa haayidireeshinii olaanaa qabaniif ni uuma. Fakkeenyonni kompaawundoota ayoonii baay’ee bulbulaman soodiyeem kilooraayidii (NaCl), pootaasiyeem naayitreetii (KNO3), fi ammooniyeem salfeet ((NH4)2SO4) ni argamu.
Seerota Bulbulamuu Jajjaboo Ayoonii(guuttiiqaa)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Seerotni bulbulamuu jajjaboo guttiiiqaa bulbulamuu mirroowwan ayoonii waliigalaa bishaan keessatti tilmaamuuf qajeelfama waliigalaa kenna. Seerotni kun cimina sadhataawaa humnoota molakiyuulota gidduu kompaawundoota keessa jiranii fi walnyaatinsa ayoonotaa fi maddarroowwan bishaanii gidduu jiru irratti hundaa’a. Seerotni bulbulamuu jajjaboo ayoonii kaannen armaan gadiiti:
- Ashaboowwan waliigalaa elementoota Garee 1A hunduu (kan akka Na+, K+,Li+) fi ammooniyeemii,NH4+, bulbulamoo dha
- Ashaboowwan naayitreetii (NO3-) baay’een isaanii bishaan keessatti ni bulbulamu. Fakkeenyonni pootaasiyeem naayitreetii (KNO3) fi kaalsiyeem naayitreetii (Ca(NO3)2) ni argamu.
- Ashaboowwan kilooraayidii (Cl-), biroomaayidii (Br-), fi ayoodaayidii (I-) irra caalaan isaanii bishaan keessatti kan bulbulaman yoo ta’u, kanneen meetii (Ag+), dilaalii (Pb2+), fi meerkurii (Hg2+) immoo hin bulbulaman. Fakkeenyonni Ashaboo bulbulamoo soodiyeem kilooraayidii (NaCl) fi pootaasiyeem biroomaayidii (KBr) yoo ta'an meetii kilooraayidii (AgCl), dilaalii biroomaayidii(PbBr2) immoo Ashaboo hin bulbulamneedha.
- Soogiddoonni salfeetii ykn waalgeetii (SO4 2-) kanneen kaalsiyeemii (Ca2+), istiroonshiyaamii (Sr2+), baariyeemii (Ba2+), dilaalii (Pb2+), fi meetii (Ag+) irraa kan hafe, baay’een isaanii bishaan keessatti ni bulbulamu. Fakkeenyaaf, soodiyeem salfeetii ykn soogiddoo waalgeetii (Na2SO4) fi ammooniyeem salfeetii ((NH4)2SO4) ni argamu.
- Kaarbooneetii ykn Cilkura (CO3 2-), fosfeetii ykn kurkiikkoo badaatuu (PO4 3-), salfaayidoonni ykn waalgaayidoonni (S2-), fi haayidirooksaayidoonni ykn bishoogubayyaa(OH-) baay’een isaanii kanneen sibiilota garee 1 fi ayoon amooniyeemii irraa kan hafe bishaan keessatti hin bulbulaman. Fakkeenyonni kompaawundoota hin bulbulamne kaalsiyeem kaarbooneetii (CaCO3) fi meetii salfaayidii (Ag2S) ni argamu.
- mirroowwan tokko tokko bulbulamuu daangeffame agarsiisu. Fakkeenyaaf, haayidirooksaayidoonni ykn bishoogubbaayyoonni sibiilota Garee 2 (fkn, kaalsiyeemii haayidirooksaayidii ykn bishoogubbaayyaa Kaalsiyeemii, Ca(OH)2) xiqqoo bulbulamoo dha.
Bulbula Dhangala’oo Dhangala’oo Keessatti:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhangala’oonni lama yeroo walitti makaman dandeettiin bulbula gostokkee uumuu amaloota ummamaa dhangala’oo fi walnyaatinsa molakiyuulaa gidduu isaanii irratti hundaa’a. Bulbulamummaan dhangala’aa tokkoo kan biraa keessattii sababoota akka waaguummaa(polarity) molakiyuulaa, humnoota molakiyuulaa gidduu fi teempireecharatiin murtaa’a.
Dhangala’oo Walfudhataa(miscible liquid): Dhangala’oonni lama yoo walfudhatan kan jennuu, qixxaantaa hundaan guutummaatti wal keessatti yoo bulbulamedha. Kunis kan uumamu humnoonni molakiyuulota gidduu molakiyuulota dhangala’oo lamaan gidduu jiran walfakkaata ykn walsimsiisan yoo ta’an. Fakkeenyaaf, etaanoolii fi bishaan lamaan isaanii molakiyuulota waaggee hidhoo haayidiroojiinii uumuu danda’an waan qabaniif walitti makamuu danda’u.
Dhangala’oo walhin fudhannee: Dhangala’oonni lama kan wal hin fadhannee yoo ta’an, walitti hin bulbulamanii fi yeroo makaman baqqaana adda addaa uumu. Kun akkaataa adda addaatiin kan uumamu humnoonni molakiyuulota gidduu molakiyuulota dhangala’oo lamaan gidduu jiran garaagarummaa guddaa yeroo qabaatanidha. Fakkeenyi isaa zayitaa fi bishaan yoo ta’u, zayitiin miti waagge(nonpolar )fi bishaan ammoo waaggee(polar) dha. Garaagarummaan humnoota waaggee fi gidduu maddarroo/molookiyuuli akka hin makamne isaan dhorka.
Gartokkoon walfudhachuu: dhangala’oon cimdii tokko tokko wal keessatti bulbulamuu daangeffame kan qaban yoo ta’u, kunis marsaa adda addaa lamaa fi isaa ol akka uumamu taasisa. Kunis kan uumamuu danda’u humnoonni molakiyuulota gidduu molakiyuulota dhangala’oo lamaan gidduu jiran walfakkaataa ta’an garuu garaagarummaa isaanii guutummaatti mo’uuf cimaa ta’uu dhabuudha. Fakkeenyi isaa bishaanii fi daayitii iiteerii yoo ta’u, yeroo makaman baqqaana lama kan wal hin fudhannee uumuu danda’u.
Maakkii bulbulamuu ykn Saffisa bulbulamuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Saffisni bulbulamuu hammam dafee bulbulamaan tokko bulbulaa keessatti bulbulamee bulbula uumuu agarsiisa. Wantoota adda addaatiin dhiibbaan irran kan geehu yoo ta’u, isaanis:
- Bal’ina Dirraa: Saffisni bulbulamuummaan akkuma bal’inni dirraa bulbulamaa dabalaa deemuun dabalaa deema. Yeroo bulbulamaan sun xiqqootti qoodamu ykn bifa xixiqqoo ta’een, bal’inni dirraa baay’een bulbulaa sanaaf saaxilama, kunis saffisaan akka bulbulamu taasisa. Kanaafidha wantootni yeroo baay’ee yeroo bifa daakuu ykn bullaa ta’an citaa gurguddaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dafanii kan bulbulaman.
- Gullantaa hoo'aa: Walumaagalatti, ho’i dabaluu saffisa bulbulamuu akka dabalu taasisa. gullantaan hoo'aa olka’aan molakiyuulota bulbulaa anniisaa sochii guddaa kan kennu yoo ta’u, kunis saffisaan akka socho’anii fi yeroo baay’ee fi humna guddaadhaan suuddoowwan bulbulamaa wajjin akka walitti bu’an taasisa. Saffisni walitti bu’iinsaa fi anniisaan dabaluu kun humnoonni molakiyuulaa gidduu bulbulamaa keessa jiran akka cabsan haala mijeessa, kunis saffisaan akka bulbulamuu gargaara.
- Sochoosuu ykn kokorsuu: Bulbulicha sochoosuun ykn kokorsuun qindoomina suuddoowwan bulbulamaa bulbulaa keessatti walfakkaata ta’e akka qabaatu gargaara. Sochii bulbulaa haaraa gara bulbulamatti kan jajjabeessu yoo ta’u, suuddoowwan bulbulame dirra irraa fudhatee, dhiyeessii walitti fufiinsa qabu molakiyuulota bulbulaa bulbulamaa wajjin akka walharkisan mirkaneessa. Kunis saffisa bulbulamuu dabala.
- Garaagarummaa Cunqinsaa: Saffisni bulbulamuu jalqaba irratti kan saffisaa ta’u yeroo garaagarumman cunqinsaa guddaan bulbulamaa fi bulbulaa gidduutti jiraatudha. Akkuma bulbulamaan bulbulamuun fi cunqinsi bulbultii keessa jiru dabalaa deemuun saffisi bulbulamuu suuta suutaan ni hir’ata. Kunis kan ta’eef, cunqoomni suddoo bulbulamaa dabaluu dhiibbaa qirimbishaanii(osmootikii) ol’aanaa waan uumuuf, kunis bulbulamuu dabalataa morma.
- Amala uummamaa bulbulamaa fi bulbulamaa: Uumamni bulbulamaa fi bulbulamaa humna molakiyuulaa gidduu isaanii fi amaloota bulbulamuu isaanii dabalatee saffisa bulbulamuu irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Fakkeenyaaf, bulbulamoonni humni molakiyuulaa gidduu cimaa ta’e qaban kanneen humni molakiyuulaa gidduu laafaa ta’e qabaniin walbira qabamee yoo ilaalamu suuta bulbulamuu danda’u. Haaluma walfakkaatuun, bulbulamoonni walharkisa bulbulaa-bulbulamaa cimaa qaban bulbulamoota saffisaan bulbulamuudha.
Akaakuu Bulbultii bulbulamurratti hundaa'uun
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bulbuli bulbulamurratti hundaa'uun bakka saditti qoodama
- Bulbula Mit-guuttataa (Unsaturated Solution): bulbulli mit-guuttataa bulbula hamma bulbulaan bulbuluu danda'uu gadi of keessatti qabatu. Hammi bulbulamaan hin bulbulaminii hamma bulbulaa bulbulamee ni caala fi bulbulmaan dabalataa uumamuu hin danda'u.Fakkeenyaaf, Buna ho’aa tokkotti sukkaara fal'aana tokko dabaluudhaan bulbula sukkaara mit guuttataan argamsiisa.Viinigarii(dhangaggoo) bishaan keessatti bulbula asiidii aseetikii hin guutamnedha. hurriin bulbula danfaa bishaanii hin guutamne qilleensa keessa jiruudha. Kompaawundootni hin guutamne alkeenota, alkaayinoota fi haayidirookaarboonii urgooftuu of keessatti qabatu. Fakkeenyonni iteenii ( C 2 H 4 ), beenziinii ( C 6 H 6 ), piroopiinii ( C 3 H 6 ), buutaadiyeenii ( C 4 H 6 ) fi kkf dha.
- Bulbula Guuttataa (Saturated Solution): Bulbula tasgabbii(equilibrium) ta’ee fi hammi bulbulamaa bulbulamuummaa olaanaa teempireechara kenname irratti bakka bulbulaan hin bulbulamne jirutti of keessaa qabuu dha. ayoononni bulbulaman tokko tokko ammas walitti bu’anii deebi’anii walitti bu’anii dabalbaalcaa'u(re-crystalline) fi saffisa baalcummaa(crystalline) fi saffisni bulbulamuu walqixa ta'eedha. Fakkeenyaaf, jajjaboo dhangala’oo keessatti bulbulaman (fkn, soogidda bishaan keessatti), gaazota dhangala’oo keessatti bulbulaman (fkn, oksijiinii bishaan keessatti), gaazota gaazota keessatti bulbulaman (fkn, danfaa bishaanii qilleensa keessatti), fi jajjaboo laaqii keessatti bulbulaman (fkn, kaarboonii in sibiila).
- bulbula guuttataa darbaa. (Supersaturated Solution). bubula hamma bulbulaan bulbuluu danda'uu ol of keessatti qabatu.Fakkeenyaaf, Dhugaatii Kaarbooneetii.Leemoonaadii(cuunfaa dhuggoo) sukkaara baay'ee qabu.Damma.Maka saamunaa budaa fi bishaan saamunaa baay'ee qabu.Dhadhaa soogidda garmalee guutame.Bishaan daakuu kookaa garmalee guutame.Buna daakuu kiriimii garmalee guutame.