Guddinaa Fi Jijjiirama: Growth and Changes

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 42

Growth and Changes

Guddinaa fi Jijjiirama

Shama Books Grow and Know


Growth and Changes
Guddinaa fi Jijjiirama

Shama Books
Message from Ministry of Education
This book is valuable and the first of its kind to provide information about the
biological and psychological progress that happens in the life of girls as a result
of their physiological development. The purpose of the book is to support girls
at puberty on how they need to respond to the wonderful changes that happen in
their life. It teaches them how to manage their menstruation and to cope with the
accompanying everyday challenging social, physical and psychological effects,
so that they can confidently continue their everyday in and out of school life.
Further, the book is an important tool for families to create open discussions
about the normal changes their girls face, and the accompanying responsibilities
that each family member should take in welcoming these changes. Teachers can
also use it as a supplementary material in life skills education. The stories that are
included in the book come directly from Ethiopian girls aged between 10 and 14.
The book is developed in a simplified and understandable way with illustrations
so that girls can read with interest and understanding.

Dhaamsa Ministeera Barnootaa


Kitaabni kun sababa guddina qaamaarraa kan ka’e fooyya’insa baayoloojikaalaafi
xiinsammuutiin jijjiirama shamarran irratti mul’atu irratti odeeffannoo kennuu
keessatti faayidaa olaanaa kan qabuufi haala qophiitiinis isa jalqabaa kan ta’edha.
Kaayyoon kitaaba kanaa shamarran yeroo saafelummaasaanii jijjiiramni gaarii
jireenyasaanii keessatti yeroo uumamu isaan deeggaruufidha. Shamarran yeroo
saafelummaatti laguun ji’aa isaanitti dhufu dhiibbaa hawaasummaa, qaamaafi
xiinsammuu damdamatanii jireenyasaanii mana barumsaa keessaafi alattis ofitti
amanamummaa gabbisatanii akka jiraatan isaan barsiisa.
Kana malees, kitaabni kun maatiin waa’ee jijjiirama uumamaa shamarran isaanii
mudaturratti marii iftooma qabu akka baratan taasisa; miseensonni maatii hundi
jijjiiramoota kanneen keessummeessuu keessatti itti gaafatamummaasaanii
akka ba’an gargaara. Barsiisonnis barnoota ogummaa jireenyaa yeroo barsiisan
akka deeggarsaatti itti fayyadamuu danda’u. Seenaan kitaaba kana keessatti
barreeffaman hundi shamarran Itoophiyaa umurii 10 hanga 14 ta’an irraa kan
walitti qabamanidha. Kitaabichi akka salphaatti hubatamutti fakkiiwwaniin
deeggaramee kan qophaa’eefi shamarran fedhiidhaan dubbisanii akka hubatan
kan gargaarudha.
1

What is puberty?
Between the ages of 10 and 14 most girls and boys begin to notice changes
in their bodies. These physical and emotional changes take place over a
number of years.
These changes are sometimes called “puberty” or “adolescence,” and
girls and boys at this age are often called “adolescents.”

Saafelummaa jechuun Maal Jechuudha?


umuriin isaanii 10 hanga 14 gidduutti shamarranii fi dardarran baay`een
sqaama isaanii irratti jijjiirama guddaa argu. Jijjiiramni qaamaa fi miiraa
kunis waggoota muraasaaf itti fufee mul’ata.
Jijjiiramni kun yeroo tokko tokko “ saafelummaa ykn. “Dargaggummaa”
jedhamee waamama. Umurii kana keessa yeroo ga’an yeroo baayee
dubarri “shamarran” yommuu jedhaman dhiironni immoo “dardarran”
jedhamu.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
2

Puberty starts when extra amounts


of chemicals called “hormones”
begin to be produced in the body.
These hormones lead to changes
in the body.
Apart from causing physical
changes, the hormones cause emo-
tional changes too. So a growing
girl may feel happy one moment,
and angry, sad or confused the
next moment.

Saafelummaan kan eegalu


keemikaalonni “hormoonii”
jedhaman baayinaan qaama
keessatti yeroo oomishamuu
eegalani dha. Hormoononni
kunneen jijjiiramoota qaama
keessatti kan fidancdha.
Hormoononni kunnnen
jijjiirama qaamaa fiduu irra
darbanii jijjiirama miiraas
nifidu. Kanaafuu, shamarreen
guddina irra jirtu tokko yeroo
tokko gammachuu guddaan itti
dhaga’amee, yeroo biraa immoo
aaruu, gadduu ykn joonja’uu
malti.

„„ Growth and Changes


3

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
4

Puberty is the time when girls begin to produce eggs, and boys begin to
produce sperm.
It is the time when we develop into young women and men.
It is a very special time, and it is our bodies’ way of maturing so that one
day we can have children and start our own families. Even though girls’
bodies start having the ability to have children, it does not mean that girls
are ready to have children.

Saafelummaan yeroo itti shamarran firii hormaataa dubaraa (Hanqaaquu),


fi dardarran firii hormaataa dhiiraa ( mi`oo) oomishuu itti jalqabanii dha.
Yeroon Kun, dhalaafis ta`e dhiiraaf yeroo nuti gara dargaggummaatti
guddannu dha.
Yeroon kun yeroo addaati. Sababni isaas, yeroo itti qaamaan guddachaa
adeemuun guyyaa tokko daa’imman godhannee jireenya maatii mataa
keenyaa itti eegallu waan ta’eef. Qaamni shamarranii yeroo kanatti
daa’imma qabachuuf dandeettii horachuu yeroo itti eegalan haata`uyyuu
malee daa’ima godhachuuf qophaa’oodha jechuu miti.
5

When does puberty begin and how long does it take?


Changes take place in girls and boys at different times. Generally changes
start earlier for girls than for boys.
Some start before the age of 10, while others start after age 14.
For some girls, changes may take place in one year or less. In others, they
can take as long as six years.

Saafelummaan yoom eegala; hagamis turaa?


Jijjiiramni kun shamarranii fi dardarran irratti yeroo garaa garaatti
raawwata. Akka waliigalaatti, jijjiiramni kunneen dardarran irra
shamarran irratti dursee jalgaba.
Tokko tokko umuriin isaanii utuu 10 hinta’iin eegala; kaan immoo
umuriin isaanii 14 eega darbee eegala.
Shamarran tokko tokkoof, jijjiiramni kunneen waggaa tokko ykn isaa gadi
keessatti raawwataaf. Warra kaan immoo, hanga waggaa ja’aa fudhata.

Homaa
Fuula Koo irratti hinsodaatiin kun
finniisni ba’uu isaa fii waanuma jiruufii
Harmikoo guddachaa barameedha.
deemuu isaaf saalfiin
natti dhaga`ama.
6

What are the physical changes that take place in girls?


A girl’s breasts start to grow and her hips get wider.
Hair starts to grow under her arms. Hair grows in her pubic area.
She starts to menstruate (have her period or bleed every month).

Jijjiiramni Qaamaa Shamarran irratti ta’u Maal Fa’i?


Harmi shamarranii guddachuu eegala. Kana malees, tafi isaanii bal’achuu
jalqaba. Bobaa isaanii jalatti rifeensi biqiluu eegala. Naannoo qaama
hormaataa isaaniittis rifeensi biqiluu jalqaba.
Laguun ji’aas mul’achuu eegala.
Laguu ibsuuf
jechi addaa Tolchattuun
fayyadamtan sun narra
jiraa? jirti.??????
Fannoo diimaan
Bokkichi Dubartiin daawwannaa isaa
Keessumman
roobaa diimtuun eegaleera.Dubarti
sun natti
jira. sun dhufte. ttiin boo`aa jirti
dhufe,
7

What is menstruation?
Menstruation means that a girl’s body is growing up, and is preparing for
the future when she might get pregnant and have a baby.
During menstruation, the lining of the uterus comes out along with blood
through the vagina.
Bleeding usually lasts 4-7 days and usually happens every month.
Monthly bleeding is not something to be scared of because it is perfectly
normal.

Laguu jechuun maal jechuudha?


Laguu jechuun qaamni shamarree tokkoo guddachaa adeemuu, fi gara
fuulduraa yeroo ulfooftuu fi mucaa deessuuf qophii ta’aa jiraachuu ishee
kan agarsiisudha.
Yeroo laguu, aguuggiin gadameessaa dhiiga laguu sana faana haxaa’amee
gadi ba’a. Laguun shamarree tokko irra yeroo baay’ee guyyoota 4-5 kan
turu ta’ee ji’a ji’aan kan mudatudha.
Dhiigni ji’a ji’aan ba’u kunis uumamaan kan jiruu fi nagummaa kan
argisiisu waan ta’eef sodaachuun hinbarbaachisu.

Laguun
maalidhaa?
8

Most girls have their first period between the ages of 11 to 14. Some girls
start as early as 8, and some at 17 or older.
The time from the first day of your period (when bleeding starts) to the
first day of your next period is usually 28 days (one month), but can range
from 21-35 days. For many years after a girl starts having her period, she
may not get her period every month. This is normal.

Shamarran irra caalaan laguu jalqabaa umurii waggaa 11 hanga 14


gidduutti argu. Shamarran tokko tokko dursanii waggaa 8 tti arguu kan
eegalan yoo ta’u kaan immoo 17 fi isa booda arguu eegaluu danda’u.
Yeroon laguu jalqabaa agartu (dhiigni dhangala’uu eegaluu) kaasee hanga
laguu lammataatti yeroo baay’ee guyyoota 28 (ji’a tokko)tura. Haata’u
malee, guyyaan isaa 21 hanga
35 gidduutti ta’uu mala. Shamarreen tokko laguu erga agartee booda,
waggaa dheeraadhaaf ji’a ji’aan arguu dhiisuu malti. Kunis waan
barameef rakkoo kan hinqabnedha.

„„ Growth and Changes


9

When a girl has her period, she should wash at least twice a day with soap
and water in the area around the vagina.
She can use cotton cloth or sanitary pads to soak up the blood. These
should be changed every few hours.
If a girl is going to school, she should take an extra cloth, or sanitary pad
in a plastic bag so that she can change after a few hours.
If a girl has a blood stain on her uniform in school, she can tie a scarf or
sweater around her waist, and ask a friend or a teacher to help.

Wayitii laguu ji’aa argaa jirtu, shamarreen tokko hanga danada’ametti


guyyaatti yoo xiqqaate yeroo lama bishaanii fi saamunaadhaan qaama
hormaataa ishee dhiqachuu qabdi.
Dhiiga dhangala’aa jirus, huccuu jirbiirraa dha’ameen ykn moodesiidhaan
qulqulleeffachuu/qoorfachuu dandeessi. Yeroo mana barumsaa deemtu
huccuu jirbii ykn moodeesii dabalataa qabattee deemuun jijiirrachuu
dandeessii.
Shamarreen tokko otoo mana barumsaa jirtuu uffaannaa danbii (uniform)
mana barumsaa tasa yoo dhiigni itti bu’e, shaarbii ishee mudhiitti
hidhachuudhaan hiriyyaa ishii ykn barsiisaa/tuu gargaarsaaf haagaafachuu
dandeessi.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
10

Although menstruation means a girl is biologically able to have a baby,


girls are not advised to have a baby until they are over 18 years old.
This is because other changes in her body are still taking place. Having a
baby when your body is not ready can cause many health problems for a
girl and her baby.
If a girl who has her period every month misses a period, it may mean that
she is pregnant. But girls can also miss periods if they are feeling stress,
if they become too thin, or if they have been traveling.

Laguu arguu jechuun shamarreen tokko qaamaan guddattee mucaa da’uu


danda’uu ishee kan agarsiisu yoo ta’eyyuu, shamarran hanga umuriin
isaanii 18 guututti mucaa akka da’an hinjajjabeefamu.
Kunis sababni isaa, jijjiiramoonni biroon qaama ishee keessatti
adeemsifamaa waan jiraniif. Shamarreen tokko osoo qaamni shee qophii
hinxumuratiin mucaa yoo deesse mataa ishee fi mucaa ishee irratti rakkoo
fayyaa heddun irra ga’uu ni danda’a.
Shamarreen tokko laguu ji’aa ishee ji’a ji’aan dhufaa turee addan yoo cite
ulfooftee ta’uu danda’a. Kanaa ala, shamarran yoo baay’ee kan dhiphatan
ta’e, qaamni isaanii yoo baay’ee hirrisee qal’atan, ykn yoo karaa dheeraa
deemaa turan laguun ji’aa akka hafuuf sababii ta’uu ni danda’a.

Yuunivarsiit ii
galuun
barbaada
11

Does having a period hurt?


Some girls do not feel pain when they have their period, some have slight
pains below their naval and in their lower back and some have a lot of
pain and may need to take pain killer medicine.
Usually the pain is not very bad and does not last long.
The pains are called “cramps” because they are caused by the muscles of
the uterus contracting.
It is the contraction that pushes out the lining of the uterus each month.

Laguu arguun nama miidhaa?


Shamarran tokko tokko yeroo laguun itti dhufu isaan hindhukkubu. Kaan
immoo handhuura isaanii jalaa fi dugda isaanii gara gadii xiqqoo xiqqoo
isaan dhukkuba. Tokko tokko immoo baay’ee waan isaan dhukkubuuf
qoricha miira dhukkubbii balleesssu fudhachuun isaan barbaachisa ta’a.
Yeroo baay’ee dhukkubbiin yeroo laguu hamaaf kan nama kennuu fi kan
namarra turu miti.
Dhukkubni laguu “ciniinnaa” dha. Sababiin, ciniinnaan itti uumamu
maashaaleen gadameessaa waan walitti butamaniifidha.
Garmalee walitti butachuun maashaalee kunis danaaleen gadameessaa
dhiibuudhaan laguun ji’aa akka ba’u godha.

Laguun koo Kun waan jiruuf


yeroo natti dhufu kan baramedha;
Ciniinnaan natti dhukkubbiin Hinturu
dhaga’ama
12

What is PMS?
PMS is short for pre-menstrual syndrome. Not all girls get this, but many
do for a few days before they start their period.
This is because changes in the level of hormones in a girl’s body can
affect her moods.
Some girls feel sad. Others feel irritable, and get angry for no real reason.
Some girls’ breasts feel swollen and sore. This is all normal and natural
and should not worry you.

Mallattoolleen dhukubaa laguu duraa maal?


Miirrii dhukkubbin laguu duraa yeroo muraasaaf tura. Miir kun shamarran
hunda kan mudatu miti. Haata’u malee, baay’een isaanii laguun dura
guyyoota muraasaf miiri kun irratti mul’ata. Kunis kan ta’uu danda’uuf
jijjiiramni lakkoofsa hormoonotaa amala isaanii Jijjiiruu waan danda’uufi.
Tokko tokkoo hin gaddu; kaan ni rifatu; warri kann imoo sababa tokko
malee aaru.
Shamarran tokko tokko immoo harmi isaanii dhiita’uun madaa xiqqoo
godhachuu danda’a. Kun hundi, nagaa fi uumaman jiru waan ta’eef
yaadda’uu hinbarbaachisu.

Dheekami
dheekkami
nagodha maaliif Tarii laguu keetu
akka ta’e dhufuuf jedheetii
hinbeeku! hinyaadda`in.
13

Talk to your mothers, grandmothers, sisters, aunts, female teachers, or


older women in your community.
When you have your period, some discomfort is normal, but if you have
too much pain, you may need medication so talk to an older woman to
ask her advice.
Normally when you have your period, you may need to change your cloth
or pads 3-4 times a day. If you need to change more times, you may be
bleeding too much so ask an older woman, a nurse, or doctor for advice.

Haadha, akkoo, obboleettii, adaadaa, barsiiftota dubartootaa angafoo kee


hawaasa keessaa waliin mari’adhu.
Yeroo laguun kee sitti dhufu nageenyi kan sitti hindhaga’amne yoo ta’e
akka waan addaatti hinfudhatiin. Haata’u malee, yoo baay’ee sidhukkuba
ta’e yaalamuun sibarbaachisuu waan maluuf dubartoota umuriin angafa
kee ta’a akka si gorsan godhi. Yeroo laguu ji’aa kee uffat ykn moodessi
kee al 3 hanga 4 jijjiirrachuun si barbaachisa ta’a. Kanaa ol jijiirrachuun
yoo dirqama sitti ta’e, dhiigni garmalee si dhangala’aa jiraachuu waan
danda’uuf dubartii umuriin si caaltu, narsii, ykn ogeessa fayyaa gaafadhuu
gorsa fudhadhu.
14

Story 1

The first time I menstruated, I had stomach cramps and I was very shocked! It
lasted for four days. I told my friend that I had started menstruating because my
mother did not tell me about it before. This is because my mother never learned
about it and it is very taboo. Mothers do not usually talk about menstruation or
puberty with their daughters. Instead we tell our friends our secrets. Although
I was in school and shocked, I still told my friend and asked the teacher for
permission to go home. I learned about menstruation in school, but I was still
shocked! I went home, hid from my mother, and tore an old scarf. I used this to
manage my menstruation. I couldn’t attend class because I was sick. I told my
biology teacher who I was close to and he told me to go home and rest. I did not
go to class for three days. My advice to my younger sisters is that menstruation
is natural and happens to girls from age 9-17. At this age, they should be ready
by preparing the materials to use without being shocked or stressed. They
should also know that it is normal. Mothers should discuss this issue with their
daughters. They should discuss menstruation at different times and should not
think that it is bad. Girls should share what they learn in school and from friends
with their mothers and explain everything. They should be very close like a hand
and glove. It should not be considered embarrassing and taboo. Girls can buy
modern sanitary pads from shops and use them. To be prepared, we can keep
them in our bags whenever we go out. If we have stomach cramps we can find
painkillers by going to the health station. We can prevent body odor by keeping
our personal hygiene.  

„„ Growth and Changes


15

Mudannoo 1

Yeroo jalqabaaf gaafa laguun natti dhufe garaa na ciniinnaan baay’ee nan na’e!
Guyyoota afuriif narra ture. Waa’ee laguu haatikoo duraan natti himtee waan
hinbeekneef, laguun natti dhufuu isaa hiriyyaa koottan hime. Haatikoo waa’ee laguu
ilaalchisee barumsa hinqabdu. Waa’ee laguu haasa’uunis akka safuutti ilaalama.
Haadholiin waa’ee laguu ykn umurii dargaggummaa ijoollee durbaraa isaanii waliin
faana hinmari’atan. Kanarraa kan ka’e icciitii keenya hiriyoota keenyatti qofa
himanna. Wanti mana barumsaa keessatti guyyaa tokko na mudatetti na’us, hiriyaa
kootti himeen gara mana kootti akkan galu barsiisaa eyyama gaafadhe. Waa’ee
laguu mana barumsaa keessatti kanaan dura bardhus yeroo natti dhufu na’uu irraa
hin olle. Manatti galeen haadha koo jalaa dhokadheen shaarbbii koo isa moofaa
kukkuteen laguu koon ittiin dhofkadhe. Baay’ee waan nadhukkubeefis, daree taa’ee
barachuu hindandeenye. Barsiisaan Baayiloojii koo, naman baay’ee itti dhiyaadhu
waan tureef haala kiyya oggan itti himu akkan galee boqadhu natti hime. Guyyoota
sadan itti aananifis gara mana barumsaa hindeemne. Gorsi ani obboloota quxisuu
koo ta’aniif qabu, laguun uumamaan kan jiruu fi shamarran umuriin isaanii 9 hanga
17 gidduutti jiran laguun yeroo duratiif kan itti dhufu ta’uu beekuu qabu. Umurii
kanatti shamarreen kamuu laguu keessummeessuuf meeshaalee kan akka moodesii,
ykn huccuu jirbiirraa hojjetame sodaa fi dhiphina tokko malee qopheefachuun
qabaachuu qabu. Laguun waan haaraa utuu hinta’iin waanuma jiruu fi barame akka
ta’es hubachuu qabu. Haadlioliinis ijoollee durbaa isaanii waliin dursanii waa’ee
laguu mari’achuu qabu. Dhimma laguu irratti yeroo kamuu mari’achuu fi laguun
waan gadhee akka hintaane wal-hubachiisuun barbaachisaadha. Shamarran waan
mana barumsaa keessatti baratan haadha ofiif ibsa ga’aa laachuu qabu. Haatii fi intalli
mudannoo akkasii walitti himuu irratti baay’ee walitti dhiyaachuu qabu. Shamarran
meeshaalee laguu keessummeessuuf ta’an kan akka moodesii soda tokko malee
suuqii irraa bitanii ykn huccu jirbii irraa qopheeffatanii itti fayyadamuu danda’uu
qabu. Shamaraan yeroo karaa deemnu hunda korojoo (boorsaa) keenya keessatti
moodesii ykn huccuu laguu keessummeessuuf oolu qabannee manaa ba’uun, yoo
laguun nutti dhufe itti fayyadamamuuf yeroo mara qophii ta’uu qabna. Yoo ciniinnaa
garaa cimaa qabna ta’e gara mana yaalaa dhaqnee qoricha dhukkubbin dhabamsiisu
fudhachuu ni danda’ama. Qulqullina keenya eeggachuun foolii hintaane hambisuu
nidandeenya.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
16

Story 2

When I first started to menstruate, I did not know what it was. When I was 16
years old my menstruation came suddenly when I was working on the farm with
my father. I was very shocked and embarrassed. I was even too embarrassed
to tell my mother. I did not tell anyone the first day. The second day the blood
came again. I was very embarrassed but I called my mom. I said, “Mom I want
to tell you something.” I was very afraid to tell her but I told her. My mom
smiled and asked “Why are you shy, I am your mom! This is something that all
women experience. You are not the first girl to menstruate.” I told this to my
elder sister. She told me to wear underpants and to use a clean piece of cloth.
She also said that it would only last for a few days. I was very happy when she
told me this. The first time I menstruated I was very shocked because I had never
experienced this type of thing before. I would like to tell my younger sisters
that menstruation is a gift from God only for women. I would like to tell them
that menstruation happens to all women: poor, rich, young, old, white, brown,
black, fat, thin, short or tall. It happens to all women! We have to accept it as a
gift from God. I accepted this because it is natural. I will teach younger girls and
give them advice about the things that they should use to manage menstruation.
For example, that they should wear underpants and put a clean piece of cloth or
a sanitary pad inside of them.

„„ Growth and Changes


17

Mudannoo 2

Yeroon jalqaba laguu argu, maal akka ta’e hinbeekun ture. Yeroo umuriin koo
waggaa 16 ta’u abbaa koo faana bakka hojii qonnaa utuun jiruu tasuma laguun koo
natti dhufe. Akkuman argeen baay’een na’ee, haadha kootti himuutis nan leeyya’e.
Guyyaa jalqabaa nama tokkottuu hinhimne. Guyyaa lammataa, dhiigni ammas
nakeessaa ba’uutti ka’e. osoon baay’ee qaana’uun haadhakootti hime. Akkanan
jedhe, “harme waa sitti himuun barbaade”. Baay’een qaana’e garuu ittan hime.
Isheen garuu seeqxee akkana jette, “ maaliif qaanoftaa, ani bari haadha keetii! Wanti
argite kun waan dubartiin kamuu argitudha. Ati shamarree ishee jalqaba laguu agarte
miti.” Achiin booda waanuma kana obboleettii koo ishee angafaatis nan hime.
Isheenis huccuu keessaa fardaasaa akkan dabalee uffadhufi huccuu gugulluutti akkan
tti himte. Itti dabaltees guyyoota gabaabaaf akka ture yeroo natti himtu anis nan
gammade. Guyyaan jalqaba laguu kana arge baay’een na’e, sababni isaas duraan
argee hinbeeku waanan ta’eef. Kanaafuu, obboloota quxisuu koo ta’aniin laguun
kennaa Waaqayyoo biraa dubartoota qofaaf kennamedha jedheen itti hima. Laguu
dubartiin kamuu: soorettii, iyyeettii, dagaggeettii, dulloomtuun, adiin, gurraattiin,
magaalli, furdoon, qalloon,gabaabduun, akka argitu ittin hima. Dubartii hundatu
arga! Kanaafuu, akka kennaa Waaqayyoo biraa nuuf kennameetti haafudhannu. Ani
kanan akkanatti fudhadhuuf uumamaan waan ta’eef. Shamarran fi ijoollee dubaraa
umurii xixiqqaa akka itti isaan laguu keessummeessuu qaban irratti nan barsiisa nan
gorsas. Fkn uffata keessaa dabalachuu, moodesii ykn huccuu qulqulluu jala galfachuu
akka qaban ittan hima.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
18

Story 3

The first time I started menstruating I was very shocked! I had stomach cramps
and I told my father. He told me that this is natural, and that I should not be
shocked. I was shocked because I did not know how to manage menstruation.
I did not know anything about menstruation. I had not even heard other people
talking about it. I asked my father to take me to the clinic. The next morning,
when I woke up and went to the bathroom, I saw blood. I was very shocked! I
told my sister and my father. They told me it is called menstruation. My elder
sister told me everything that I should do. She told me that she uses sanitary pads
and told me to use sanitary pads as well. My sister gave me her sanitary pads to
use. This is how I managed my first menstruation. I was very embarrassed when
I menstruated and used sanitary pads. I was afraid to leave the house. I thought
people would stare at me and insult me. Whenever I menstruated, I did not go
outside of the house. I didn’t even to go to school. At that time, this affected
everything in my life. When I stopped going to school my sister and my father
advised against this. They told me I am not the only girl who menstruates. They
also told me that this is a sign of becoming a woman and I should not worry. I
took their advice and stopped being afraid. I even gave the same advice to my
friends. I would like younger girls to know that they should not be afraid of
menstruation. They shouldn’t be shocked, upset, or embarrassed. It is a sign of
being a woman.

„„ Growth and Changes


19

Mudannoo 3

Yeroon jalqaba laguu argu, baay’een na’e! Garaakoo baay’ee waan naciniineef abbaa
koottan hime. Inni garuu kun uumamumaan waan jiru waan ta’eef hin na’iin naan
jedhe. Akkatti laguu keessummeessan waanan hinbeekneefan baay’een na’e. Isaan
dura namoonni waa’ee laguu haasa’uullee hindhageenye. Abbaan koo mana yaalaatti
akka nageessuun gaafadhe. Guyyaa itti aanu ganama yeroon mana fincaanii deemu,
dhiigan ofirraatti arge. Kun immoo caalaayyuu na naasise! Ammas irra deebi’ee
obboleettii koo fi abbaa koottan hime. Isaanis laguu arguu akkan jalqabe natti himan.
Obboleettiin koo isheen angafakoo waanan gochuu qabu hunda natti himte. Ofii ishee
gaafa laguu argitu moodesii akka fayyadamtuu fi anis fayyadamuu akkan qabu natti
himte. Kana malees, moodesii ofii isheef kaayyatte naaf kennite. Laguu koo jalqabaa
kanan keessummeesse haala kanaani. Yeroo laguun natti dhufee moodesii godhadhu
nan yeella’e. Manaa gadi ba’uus nan sodaadhe. Namoonni hunduu waan ta’e hunda
narratti ilaaluun na arrabsu natti fakkaate. Yeroon laguu argu gadi ba’ee ala hindeemu.
Mana barumsaa illee hindeemun ture. Kanarraa kan ka’e yeroo sanatti wanti kun
jireenya koorratti dhiibbaa fide. Yeroon mana barumsaa irraa hafu obboleettiin koo fi
abbaan koo nagorsan. Laguun ana qofa irratti osoo hinta’iin dubartii kamittuu dhufuu
akka danda’u natti himan. Laguu arguun mallattoo dubartummaati malee rakkoo
tokko illee akka hinqabnee fi sodaachuu akkan hinqabne natti himan. Anis gorsa
isaanii fudhadheen sodaakoo dhiise. Achiin booda anuu hiriyyoota koo gorsuun
eegale. Shamarran umuriin naboodaa kan laguu hinargiin sodaachuu fi yaadda’uu
akka hinqabne gorsuun barbaada. Laguun mallattoo dubartummaati malee waan
nama sodaachisu, yaaddessuu fi qaanessu akka hin taanebeekuun barbaachisaadha.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
20

Story 4

When I first menstruated I was very shocked. I had a headache, stomach cramps,
and back pain. I was very confused, so I told my mother. My mother told me
that menstruation is natural and that I should not be shocked. She told me to put
pieces of cloth in my underpants. I then told my girl friend because when I was
walking with her I was afraid that I might get stained. I started putting pieces of
cloth in my underpants just like my mother advised me. I have a lot of advice
for younger girls. First, girls should not be shocked or afraid when they start
menstruating because it is something natural that happens to all girls when they
grow to a woman. Second, I would like to tell younger girls to tell their mother
or girlfriends when they begin to menstruate and to get the appropriate advice.
Third, girls living in a rural area can use pieces of cloth in their underpants if
sanitary pads are not available. If a girl is living in a town or city, I will advise
her to use sanitary pads.

„„ Growth and Changes


21

Mudannoo 4

Yeroon jalqaba laguu argu, baay’een na’e. Mata dhukkubbii, cininnaa garaa fi
dhukkuba dugdaatu natti dhaga’ame. Baay’een jeeqame, kanaafuu harmeekoottan
hime. Haati koo garuu, laguun uumamaan waan jiruu fi rakkoo kan hinqabne
waan ta’eef na’uu akkan hinqabne natti himte. Huccuu qulqulluu paantii koo
keessa akkan kaayyadhu nagorsite. Sanaan booda osoon deemuu uffannaan
koo dhiigaan akka hintuqamne sodaadheen hiriyyaa koo dubaraattin hime.
Akkuma haati koo na gorsite uccuu qulqulluu paantii koo keessa kaayyachuun
eegale. Shamarran umuriin isaanii ana booda ta’eef gorsa danuun qaba. Jalqaba,
shamarreen kamuu gaafa laguu arguu jalqabdu na’uus ta’e sodaachuu hinqabdu.
Laguu arguun ijoollummaa irraa gara dubartummaatti darbuu agarsiisa malee
waan nama naasisu miti. Lammaffaa, shamarreen kamuu gaafa laguu arguu
eegaltu haadha ishee ykn hiriyyaa dubaraa isheetti himattee gorsa fudhachuu
qabdi. Sadaffaa, shamarran baadiyyaa jiran guyyaa laguu argan moodesiin
yoo kan hinargamne ta’e huccuu qulqulluu paantii ofii jala kaayyachuun laguu
keessummeessuu danda’u. Shamarran magaalaa jiran garuu moodesii bitanii
akka fayyadamanan isaan gorsa.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
22

Story 5

When I first started menstruating I was very shocked and I called my mom.
While crying, I told my mom that I was bleeding. She comforted me and told
me that I should not be shocked because it is normal. She explained that I should
keep myself clean and take care of myself so that I will not be stained. She also
told me that since I have started menstruating I should be careful of certain things
such as unwanted pregnancy. When I menstruated, my father saw me washing
my underpants. I was very shocked and did not say a word. He asked me what
it was and I told him nothing. He demanded an answer and picked up a stick
to hit me. I dropped everything and ran to my mom. My mother told my father
not to hit or scare me because it is normal for girls to experience this. My father
said, “I send her to school to learn, but instead she goes off to the forest with
boys and comes back home.” My mother tried to explain, but my father did not
believe her. He said that menstruation happens only after a girl has had sex with
a man and that I am not ready. Then, he beat me and asked me to tell him how
this happened to me. Because of this my mother and my father fought and she
left the house. My father then went to a doctor to ask him about menstruation.
They told him that it happens when a girl grows up, not because she has had sex
with a man. He stopped being angry with me. Now everything is clear. Younger
girls should prepare themselves before starting to menstruate and should not be
afraid to tell their parents. Girls should have all of the necessary things such as
sanitary pads or pieces of cloth. Girls should keep themselves clean when they
are menstruating. I also advise them to go and speak with doctors if they have
pain during menstruation.

„„ Growth and Changes


23

Mudannoo 5

Yeroon jalqaba laguu argu, baay’een na’een harmeekoo waammadhe., utuun


boo’uun dhiigaa akkan jiru itti himadhe. Ofitti qabdee na sossobaa, waanuma
jiru waan ta’eef boo’uu akkan hinqabne natti himte. Ibsa bal’aa eega naaf
kennitee booda qulqullummaa koo eeggachuun uffannaa kootti akka hinbuune
gochuu akkan qabu natti himte. Kana malees, laguu arguu waanan eegaleef
akka hintaaneen dhiira waliin quunnamtii godhee akkan hin ulfoofnes nagorsite.
Yeroon laguu arguu jalqabe, abbaan koo utuun pantii koo miiccadhuu na arge.
Baay’ee waanan na’eef jecha tokkollee isatti hindubbanne. Maal akkan hojjedhu
na gaafate, ani garuu hoomaa itti hinhimne. Deebbii akkan isaaf kennu barbaadaa
na rukutuuf ulee lafaa fudhate. Waanan qabe hunda achumatti gateen gara harmee
kootti baqadhe. Haati koo garuu laguu arguun dubartii kamiifuu kan hinoolee fi
uumama waan ta’eef narukutuus ta’e sodaachisuu akka inni hinqabne itti himte.
Abbaan koo garuu, “Ani akka barattun mana barumsaatti ishii erge. Isheen garuu
dardarran waliin bosona keessa ooltee naaf galtee” jedhe. Haati koo haala isaa
ibsuufii yaalii gootus inni garuu amanuu dide. Itti fufee laguun kan mul’atu
dubartiin tokko dhiira bira yoo geessee akka ta’e dubbate. Baay’ee dheekkamee
na rukutuun, akkamitti waanti kun akka natti dhufe nagaafate. Kanarra kan ka’e
haati koo fi abbaan koo wal-lollaan haatikoo mana gadhiiftee deemte. Kanaan
booda, abbaan koo waa’ee laguu ogeessa fayyaa deemee gaafate. Ogeessichis
shamarreen tokko yeroo guddataa deemtu laguu arguu jalqabdi malee dhiira
waliiin walqunnamtii saalaa waan gooteef akka hintaane itti hime. Kanumaan
natti aaruu fi dheekkamuu dhiise. Amma waan hunduu ifa ta’eera. Kanaafuu,
shamarran umuriin ijoollee ta’an waan hundaa maatii isaaniitti himuu sodaachuu
hinqaban. Kana malees, shamarran meeshaalee barbaachisoo ta’an kan akka
moodesii ykn huccuu qulqulluu ta’e argachuu qabu. Yeroo laguu irra jiran
qulqullummaa isaanii eeggachuu qabu. Dabalataanis, yoo yeroo laguu baay’ee
kan isaan dhukkubu ta’e ogeessa fayyaa bira deemanii haasofsiisuu akka qaban
yaada laachuun barbaada.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
24

Answering the
“how to” questions!
How to manage your first
period?
„„ Talk to your elders…
your mother, sister, aunt,
grandmother, female
friend, or an older woman
in your community…
they will give you good
advice.
„„ Do not feel afraid…it can
be scary to see the blood
on your underpants…but
it is normal and natural.
„„ If you are at school…
tell a female teacher or a
fellow female student…
they will help you.
„„ Feel proud…your body is
developing into a young
woman!
How to capture the
blood?
„„ Place a folded piece of
cloth or a sanitary pad in
your underpants.
„„ Change the cloth/pad
every 2 to 3 hours or if
you think that the blood
flow is getting heavy.

„„ Growth and Changes


25

“Akkamitti!” gaaffiilee
jedhan deebisuu.
Laguu kee jalqabaa akkamitti
akka keessummeessitu.
„„ Angafoota kee faana dubbadhu:
haadha, akkooa, obboleettii,
adaadaa, hiriyaa dubartii ykn
dubartoota umuriin decmanii
hawaasa keessa jiran faana
dubbadhu. Isaanis haala laguun
jalqabaa itti keessummeeffamu
irratti gorsa siif kennu.
„„ Hinsodaatiin! paantii keessaa
kee dhiiga tuqee arguun kee si
naasisuu mala.
„„ Haata’u malee, kun uumamaan
waanuma jiruu fi kan
baramedha.
„„ Yoo mana barumsaa jirta ta’e,
barsiiftuu dubartii taate ykn
hiriyaa dubaraa kee tokkotti
himi. Isaanuu si gargaaruu.
„„ Qaamni kee garu dubartii
geessuutti guddataa jiraachuu
isaaf boonuu qabda.
Dhiiga dhangala’u “akkamiin”
to’achuun danda’ama?
„„ Huccuu jirbiirraa hojjetame
dadachaasii ykn moodesii
paantii kee keessa kaa’i.
„„ Dhiigni dhangala’aa jiru yoo
cimaa ta’e sa’a 2 hanga 3
moodesii ykn huccuu sana
jijjiirradhu.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
26

How to dispose of the cloth/


pad?
„„ If you are using a pad, wrap it in
paper so it is a clean package and
drop it in the latrine or put it into
the dustbin so it can be burned/
thrown away later.
„„ If you are using a cloth, put it
into a plastic bag until you can
wash it with hot water and soap,
and dry it in the sunshine.
How to keep yourself clean
during your period?
„„ Every day (morning and evening)
wash your pubic area with soap
and water.
„„ Keep unused cloths and pads
clean (wrapped in paper or
plastic bag) to use later.
„„ Pat the area dry with a clean
cloth, and put a fresh cloth or pad
in your underpants.
How to manage the stomach
pain from your period?
„„ You can put a hot water bottle on
your stomach area when you are
resting.
„„ You can try to do some exercises
and keep your body active.
„„ You can take 1-2 pain killer
tablets every 4 to 6 hours on
the most painful days. You can
drink a hot cup of water, tea, or
oatmeal.

„„ Growth and Changes


27

Moodesii / huccuu sana akkamiin


gatnaa?
„„ Yoo moodesii fayyadamte ta’e, waraqaa
qulqulluun marii mana fincaanii keessa
buusi ykn kuusaa balfaa keessa buusii
booda gubamuu ykn gatamuu dandaia.
„„ Yoo huccuu fayyadamte ta’e p’laastikii itti
huccuun miicamu keessa buusii saamunaa
fi bishaan bulluqaan miicii aduurratti hafi.
Yeroo laguu akkamitti qulqullummaa
kee eeggattaa?
„„ Guyyaa hundumaa ganamaa fi galgala
saamunaa fi bishaaniin qaama saalaa
kee dhiqadhu.
„„ Uccuu fi moodesii itti hinfayyadamiin
qulqullummaa isaa eegii waraqaan marii
kaa’i.
„„ Bakka qaama saalaa kee huccuu qoorsii
huccuu ykn moodesii qulqulluu paantii
jalaan kaa’ii itti fayyadami.
Yeroo laguu Ciniinnaa ykn dhukkubbii
garaaf furmaata maaliitu jiraa?
„„ Yeroo boqottu bishaan ho’aa qaruurraatti
naqil garaa kee irra kaayyadhu.
„„ Sochiiwwan qaamaa sasalphaa hojjadhu.
„„ Guyyaa baay’ee sidhukkube qoricha
kiniinii dhukkuba dhabamsiism
dhukkubaa 1-2 sa’a 4-6 gidduutti
fudhadhu. Waan ho’aa kan akka bishaa
ho’aa, shaayii ykn mooqa dhugi.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
28

Is it normal if….?

Is it normal if I do not get my period every month?


Yes, when girls’ bodies are developing, the period is often not regular and
can skip months.

Is it normal to get your period 5 days one time, 6 days another


time, and 4 days another time?
Yes, every girl’s period is different and will last different numbers of days
as she is growing up.

Is it normal if you get your period on a different day each month?


Yes, a typical menstrual cycle is 28 days but it can range between 21 and
35 days depending on the girl.

Is it normal if I get my period for 3 days and my friend gets her


period for 5 days?
Yes, the average length of a menstrual period is 5 days but it can range
from 2 to 7 days.

Is it normal to get breast pains when you are growing up?


Yes, as a girl’s body is developing, many inside changes are happening
and small pains are natural.

Is it normal that boys do not get periods?


Yes, boys’ bodies are different inside and they cannot have babies. So
they do not get a period.

Is it normal to feel shy when you have your period?


Yes, many girls feel shy because they are not used to managing their
period. This is normal and as you get older, you will feel less shy.

„„ Growth and Changes


29
Waanti akkasii …
baramaa dha?

Yoon ji’a ji’aan laguun koo dhufuu baate maal agarsiisa?


Eeyyee, yeroo qaamni shamarranii guddachaa deemu, laguun isaanii
yeroo isaa eeggatee hindhufu. Yeroo tokko tokko immoo ji’a illee yeroo
dabarsu qaba.
Yoo laguun ji’aa shamarree tokkoo al tokko guyyoota 5f, yeroo
biraa immoo guyyoota 6f, gaaf kaan immoo guyyoota 4f tura ta’e
kan jiruu fi kan umaamuu danda’udhaa?
Eeyyee, laguun shamarree kamiiyyuu garaagaraa fi haaluma guddataa
deemaniin guyyaan laguun isaan irra turus garagaradha.
Yoo laguun kee ji’oota garaa garaa keessatti guyyoota garaa
garaa irratti sitti dhufe kan jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, Akka saayinsiitti guyyaan itti laguun dhufu guyyaa 28ffaatti
yoo ta’u iyyuu gaafa 21- 35 gidduutti yeroo fedhe dhufuu danda’a.
Yoo laguun koo guyyyota 3 qofa narra turee kanhiriyaakoo
immoo guyyota 5 ture kan baramee fi kan jirudhaa?
Eeyyee, laguun giddugaleessaan guyyaa 5 kan turu ta’us guyyaa 2-7
gidduu namarra turuu danda’a.
Yeroo guddina irra jirtu, yoo harmi kee sidhukkube kan jiruu fi
baramedhaa?
Eeyyee, akkuma qaaqmni kee guddachaa deemeen jijjiiramni keessoo
kee irratti uumamaa deema. Kanaaf, dhukubni harmaa xiqqoon kanuma
jirudha.
Dhiironni laguu arguu dhaban waanuma jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, qaamni dhiirotaa keessoon kan dubaraa irraa adda waan ta’eef
daa’ima hinbaatu. Kanaafuu, laguu hinargan.
Yeroo laguu argan qaana’uun waan jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, shamarreen baay’een akka itti laguu keessummeessan waan
hinbeekneef, qaaniitu itti dhaga’ama. Kun waanuma jirudha. Haata’u
malee, umuriin isaanii dabalaa akkuma deemeen saalfiin isaanii hir’achaa
deema.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
30

Is it normal if….?

Is it normal that some girls get angry easily when they have their
period?
Yes, the hormones that are moving in a girl’s body when she has her
period can cause mood swings.

Is it normal if a girl gets her period when she is young, such as age
9,10, or 11?
Yes, there are a wide range of ages when girls can get their period, from
8 or 9 up until 17 or 18 years of age.

Is it normal that sometimes a girl will get clots coming out with her
period?
Yes, thick clumps of blood in your period are normal and are called
“clots.” They are more frequent when you have been lying down, so you
may see more when you wake up in the morning.

Is it normal to get pimples during your period?


Yes, many girls and women will get pimples just before or during their
period.

Is it normal to get water-like or white discharge right before or


after your period?
Yes, once a girl’s body starts to develop, having some clear or milky-
white discharge is normal. During her period, the menstrual blood can be
different colors, including bright red, light pink or even more brown in
color.

Is it normal to get stomach pain during your period?


Yes, “cramps” are pains in the lower abdomen that may happen during or
just before your period. Small or medium pain is normal but if the pain is
very bad, you might want to see a doctor or nurse for medicine.

„„ Growth and Changes


31
Waanti akkasii …
baramaa dha?

Yoo laguu argan shamarran baay’een hin aaru. Haaruun isaanii


kan jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, yeroo shamarran laguu argan hormoononni qaama isaanii keessa
deddeebi’an miira isaanii jeequu danda’u. Jeequmsi hormoonota kanaa
immoo aarii fiduu danda’a.
Shamarreen tokko yoo waggaa 9, 10, ykn 11 tti laguu arguu
jalqabde, waan jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee rakkoo hinqabu. Shamarreen trokko laguu jalqabaa waggaa 8 ykn
9 hanga 17 ykn 18 gidduu jirutti yeroo kamuu arguu dandeesssi.
Yeroo tokko tokko yoo laguu faana dhiigni kantaraan ba’e kan
jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, laguu faana yeroo tokko tokko dhiigni kantaraan ititaan furdatee
ba’uun waanuma jiruu fi baramedha.Dhiigni akkasii yeroo baay’ee
shamarreen laguu argite tokko yoo boqottee kaate ykn ganama yeroo
ciisichaa kaatu kan argitudha.
Yeroo laguu finnisni fuula namaa irratti ba’uun waan jiruu fi
baramedhaa?
Eeyyee, shamarranii fi dubartoonni baay’een ykn yeroo laguu finniisni
fuula isaanii irratti ba’ee arguun waanuma jiruu fi baramedha.
Yoo laguun dhufu ykn duraan dursee dhangala’aan bishaan
fakkaatu ykn adiin yoo qaama dubartii keessaa ba’e waanuma
jiruu fi baramedhaa?
Eeyyee, qaamni shamarree tokkoo guddachuu eegallaan dhangala’aan
bishaan ykn aannan fakkaatu karaa qaama saala ishee ba’uun waanuma
jiruu fi baramedha. Yeroo laguus, halluun dhiigaa addaa adda. Ta’uu danda’a
Yeroo tokko tokko baay’ee diimaa yoo ta’u yeroo kaan immoo bifa piinkii
godhata. Kana malees, takka takka bifa bunaa fakkaachuus nidanda’a.
Yeroo laguu dhukkubni garaa waan baramee fi jirudhaa?
Eeyyee, “ciniinnaan” garaa gara gadii laguu duras ta’e yeroo laguu nama
mudachuu danda’a. Dhukkubbiin akkanaa xiqqoon ykn giddugaleessi
waanuma baramedha. Haata’u malee, garmalee yoo cimee sidhukkube garuu,
dooktorii ykn narsii haasofsiisuun dawaa fudhachuun barbaachisaa ta’a.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
32

Is it true or false?

When you grow up you will stop having stomach pain (cramps)
during your period. False

On average, it takes 3-4 years for a girls’ breasts to fully


develop. True

If you get married or become pregnant, you will stop having


stomach pain. False

You can go to school or participate in any sports during your


period. True

Bathing while menstruating will make the menstrual blood


heavier. False

Eating nutritious food such as vegetables will cause a girl to


menstruate early or will cause the menstrual blood to be heavy. False

If a girl gets her period at a young age, it is because she has


been having sexual relations. False

Speaking with a man while menstruating will make the


menstrual blood heavier. False

„„ Growth and Changes


33

Dhugaa moo soba?

Yeroo guddattu,ciniinnaan garaa sababa laguuji’aatiin


mudatu sidhiisa Soba

Harmi shamarree tokkoo guddatee ga’aa ta’uuf giddugalaan,


waggoota 3-4 itti fudhata. Dhugaa

Yoo heerumte ykn ulfoofte dhukkubbiin garaa sidhiisa.


Soba

Yeroo laguu mana barumsaa deemuu ykn ispoortii garaa


garaa irratti hirmaachuu nidandeessa. Dhugaa

Yeroo laguu qaama dhiqachuun dhiiga dhangala’u baay’isa. Soba

Nyaata madaalamaa kan akka kuduraa fi fuduraa nyaachuun


dhufaatii laguu saffisiisa ykn dhiiga dhangala’u baay’isa.
Soba
Shamarreen tokko umurii jalqabaatti daftee laguu kan argitu
taananna wal-qunnamtii Saalaa raawwatteetti jechuudha
Soba

Yeroo laguu dhiira faana haasa’uun/ dubbachuun dhiiga


laguu dhangala’u baay’isa. Soba

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
34

Mallattoolee
Puberty Changes
saafelummaa
Jalqabaa
„„ Your skin makes „„ Gogaan qaama
more oils, so you kee garmalee
may get pimples. cululuqee finnisa
„„ Your nipples akka baaftu
will get darker in godha.
color. „„ Fiixee harma
„„ Hair will grow kee gurraacha’aa
under your arms deema.
and in your pubic „„ Bobaa jalaa
area. fi qaama
„„ Sweat glands hormaataa kee
under your arms cinaatti rifeensa
will be more biqilchuu
active so you eegalta.
will smell more „„ Xannachoonni
like an adult. bobaa kee
„„ Your breasts jalaa (sweat
will grow larger glands) hojii
and be more waan eegalaniif
sensitive. dafqikee foolii
„„ Your hips will nama guddatee
become wider. godhachaa
deema.
„„ Harmoonni
kee guddataa
deemuun miira
godhachuu
eegalu.
„„ Cinni kee
bal’ataa deema.

„„ Growth and Changes


35

Fulbaana
Keeping a Menstrual D W Ki R Ka J S
Calendar
To help you keep track of your W Ki R Ka J S
period, here is an example of a
calendar you can draw and use.
When you get your period:
„„ Each time you get your Onkoloolessa
D W Ki R Ka J S
period, circle the date it
starts, and draw an X through
each day that the bleeding
continues.
Remember, during puberty girls
can have irregular periods!
Sadaasa

Guyyaawwan Laguu
D W Ki R Ka J S

Lakkaawwachuu
Guyyaa fi yeroo laguun kee dhufu
beekuuf, fakkeenya lakkoofsa
laguu kana ilaali
Yeroo laguunkee dhufu: Muddee
„„ Yeroo laguunkee dhufu D W Ki R Ka J S

guyyaa isaa Qalamaan itti


mari. Guyyaa dhiigni siba’u
Hunda mallattoo X itti godhi.
Shamarran yeroo dargaggumma
saaii marsaan laguusaaii garagara
ta’uu Akka danda’u hubadhn.

„„ Guddinaa fi Jijjiirama
36

Menstrual Myths….True or False?

Eating spicy food will cause a girl to reach puberty at an early age and
will make the menstrual flow heavier. False
Drinking local alcoholic beverages such as tela, tej, areke or gin will
make the menstrual flow heavier or cause menstruation to start at an
early age. False
Consuming hot food and drinks while you have your period will make
the menstrual flow heavier or cause a girl to reach puberty at an early age. False
Girls can get pregnant if they have sex while menstruating. True
Menstrual blood is dirty and will cause health problems if it does not
leave the body. False
Eating sugary food while you have your period can make the menstrual
flow heavier. False
Physical work such as exercise or carrying heavy objects will make the
menstrual flow heavier or cause menstruation to start at an early age. False

Barmaatilee waa’ee Laqguu… Dhugaa ykn Soba?


Nyaata urgooftuun itti baayyate shamarran nyaachisuun dafanii akka
dargaggooman isaan taasisa. Kana malees, yeroo laguu isaanii dhiigni gar-
malee akka itti baay’atu godha. Soba

Yeroo laguu nyaataa fi dhugaatii ho’aa fudhachuun dhiigni baay’een akka


dhangala’u ykn shamarran akka dafanii dargaggooman taasisa. Soba
Dhugaatiiwwan biyya keessaa kan akka farsoo, daadhii, araqee fi jiinii
dhuguun dhiigni baay’een akka ba’u ykn laguun umurii dursee akka dhufu
taasisa. Soba
Shamarran osoo laguu irra jiranii wal-qunamtii saalaa yoo godhan ulfaa’uu
danda’u. Dhugaa
Dhiigni laguu xurii waan ta’eef yoo nama keessaa ba’uu baate Rakkoo
fayyaaf nama saaxila. Soba
Yeroo laguu nyaata shukkaara qabu nyaachuun dhangala’uu dhiigaa baay’isa. Soba
Sochii qaamaa kan akka Ispoortii hojjechuun ykn waan ulfaataa baachuun
laguun akka baay’inaan yaa’u yookiin ammoo akka yeroo malee jalqabu
taasisa. Soba

„„ Growth and Changes


37

Congratulations!!
You have now learned about growing from a girl into a young woman.
We hope you feel beautiful, strong, and proud of your body!

Baga Gammadde!!
Amma egaa waa’ee shamarrummaa irraa gara dubartii geessuutti
guddachuu barttee jirta. Miidhagina, ciminaa fi guddina qaama keetti
akka boontu abdii guddaa qabna.
Galata:
Uummata Itoophiyaa hunda- barsiisota, maatii barattootaa, hawaasa
guutummaa, Ministeera Barnootaa Itoophiyaa, UNICEF fi UNFPA hubannoo
waa’ee dhimma dargaggummaa shamarranii isa kitaabni kun irratti xiyyeeffatee
baraa’e irratti waan muuxannoo nuuf qoodaniif guddaa galateeffanna.
Keessattuu Maqdas Eyyo’eel, Ministeera Barnootaatti Daarekteera, dhimma
Koorniyaa irraatti Daayirecteera, Miiz Hassaab, irraa Dr. Akiliiluu Kidaanuu
Wiirtuu Qorannoo fi Faaxumaa Omerf galatni keenya guddaadha. Dhuma irratti,
shamarran Itoophiyaa muuxannoo isaanii nuuf qoodanii fi kitaaba kana akka
barreessinunt yaada kennuun qooda fudhatan hundaaf galata guddaa qabna.

Barreesitoota: Daanaa Imaayilis fi marni somer


Mudannoo: shamarran Itoophiyaa
Kan hiike: Alamayyoo Regassa, Ambo university and Abraham Tesso
(save the children international Ambo Field office)
Barreessitoota: Daanaa Smaayelis fi Marni Somer
Illustireetera: Yaared Oliivelii
Dizaayinarri: Shama Booksa,
P.O.Box 57, Addis Ababa
Qarshii Ittiin
Maxxanfame: Grow and Know,Inc.
ISBN: 978-99944-63-25-1
© Copyright Grow and know 2014
Kan maxxanse: Mana maxxanxaa CMYK Media PLC, Finfinnee, Itoophiyaa.

Barreeffama kana keessaa qaamni kamuu garagalee ykn, baayatee qaama


kamiifuu ergamuu hinqabu. Kunis akkaataa ssiivil koodii Itoophiyaa Labsii
Lakk. 165 of 1960, mataduree XI tiin ta’a. Mirga qabeenyummaa, keeyyattook
1647 hanga 1674 fi Mirga Abbummaa fi labsiiwwan Mirga Abbummaa Ollaa
Lakk 410/2004.

Shama Books
This book tells the
stories of young
Ethiopian girls

Kitaabni kun
mudannoowwan
Shamarran Itoophiyaa
seenessa

ISBN 978-99944-63-25-1

9 789994 463251

You might also like