Masturbation Irraa Bilisa Ba'uu.
Masturbation Irraa Bilisa Ba'uu.
Masturbation Irraa Bilisa Ba'uu.
MASTURBATION
Irraa
BILISA BA’UU
Amala (shaakala) gadhee masturbation gochuu irraa bilisa ta’uuf dhimmoota ijoo ta’an sadi,
dhuga ba’uumsa nama John Seyifunmi Balogun’ jedhamu irraa qabxii sadan armaan gadii bifa
gaaffiitiin dhiyaatan irratti hundoofnee haa ilaallu;
John S. Balogun akkas jedhee dubbate, ‘Masturbation akka baargamoo hidda qabuuti. Yoo hiddi
isaa goguu baate summii miidhaa si irraan geessisu gadhiisuu hin dhaabu. Hanguma hiddi isaa
akka gogu hin taasifnetti miidhaa cimaaf sababa ta’aa adeema. Mee amma gaaffii isa jalqabaatiin
sin gargaara;
Amala guddina hafuuraa kee gadi buuse kana irraa bilisa ba’uu yoo barbaadde dhugaa jiru akka
ofitti himtu sin jajjabeessa. Ani nan yaadadha yeroon gochaa kanaa waliin wal’aansoo qabaa
turetti; yeroodhaaf baay’isee wal’aansoo qabeera; sababni isaa kuni dhugumatti wal’aansoo
hafuura keenyaan mormu dha. Keessumaa dargaggoonni wal’aansoo hafuuraa kana keessa jirtan
hamma dhumaatti akka na faana turtan isin jajjabeessuudhaan nan eegala.
Yerootti, fakkii sanaan fedhiin koo waan hin guutaminiif porn video (blue film) ilaala ture. Yeroon
gocha sanatti hirmaadhu miira of ceepha’uu fi of tuffachuu natti dhaga’ama ture. Fuula
Waaqayyoo duratti jilbeenfadheen cubbuu koo himadha. Waaqayyoon jibbuu koo miti. Waaqayyo
akkan isa waliin deemuu barbaadu ni beeka; garuu haalichi baay’ee ulfaataa ture.
Yaadadhu, amma illee maaliif masturbation raawwatta? yaada jedhu irrattin dubbataa jira.
Seenaa mataa koon sitti himaa jira; atis maaliif masturbation akka raawwattu yaadachuuf akka si
gargaaru.
Sadaffaa irratti, sababni ani argadhe, gocha masturbation kanan raawwadhu yeroo hundumaa
kophaa koo yoon ta’u dha. Yeroo baay’ee kophaa yommuun ta’u, yaadni saalqunnamtii sammuu
koo keessa dhufa. Fakkii fi viidiyoon ilaale sammuu koo keessa deddeebi’a.
Afuraffaa irratti, kanan argadhe fedhiin saalqunnamtii yeroon dhiibbaa adda addaa keessa darbe
fakkeenyaaf qormaataan booda, gochaa galgalaa booda yookiin adeemsa dheeraa boodaa fi kan
kana fakkaatan.
Kan kees tarii kan koo wajjin walfakkaachuu yookiin gargar ta’uu danda’a. Rakkoo hin qabu;
wanti baay’ee barbaachisaan sababa mataa keetii irra gahuu danda’uu fi gaaffii isa lammaffaatiif
deebii barbaaduu dha.
2. Masturbation Cubbuudhaa?
Amma, gara kutaalee muraasa macaafa qulqulluu keessaa fudhannee ilaalutti sin geessa.
Namoonni tokko tokko macaafni qulqulluun mata duree kana akka calliseetti amanu; garuu akkas
miti. Iddoo kanatti gaaffii ijoon (fundamental question) wal wajjin ilaallu masturbation cubbuu
ta’uu yookiin dhiisuu isaa miti. Gaaffiin ani gaafachuu barbaadu, “Waaqayyo jireenya kee waliin
akka jiru mirkaneeffachuu barbaaddaa?” Yoo dhugumaan akkas ta’e, hubannaa fi kadhataan
qabxiilee armaan gadii waliin ilaalla.
Kanaafuu, waan tokko irra deebi’ee sin gaafadha, “masturbation cubbuu dhaa?” Deebiin kee
EEYYEE, yoo ta’e, ana waliin koottu gaaffii isa dhumaan deebisa;
Gochi masturbation hidhata cimaa sammuu waliin akka walqabatu; sammuun yaadolee
saalqunnamtii (sexual thoughts) kamiyyuu salphumatti gara raawwiitti jijjiiruuf akka ka’u
dhugaalee tokko tokko ilaallee jira; Gaaffiin ammaa daandii bilisummaa hordofuuf qophooftee
jirtaa? Kan jedhu dha.
Qabxiilee cubbuutti akka hin kufne si gargaaran tokko tokko siif nan kenna, garuu qabxiileen
kunniin gargaarsa hafuura qulqulluu malee gatii hin qaban. Abdiin qaba akka na hubatte!
Dhugaalee ifa ta’an beekuu qabdu tokko tokko itti dabalee siif nan kaasa;
Maddoonni gochaa masturbation kee maali dha? Kan koo, garmalee dubartootatti dhiyaachuu,
pornogiraafii, yaadolee ejjaan walqabatan fi yeroo baay’ee kophaa ta’uu dha.
Cubbuun dhukkuba hamaa lafa kana irraati. Hafuura namaa, lubbuu fi qaama namaa hammeenyaa
fi to’annoo jal’inaa jalatti kuffisuu danda’a. Eenyullee yoo taate; beekumsas yoo qabaatte rakkoo
hin qabu, cubbuun jireenya kee seennan, miira kee si dhabsiisuun wanta hin jaalanne akka gootu
si taasisa.
Hafuurri qulqulluun si gargaaruuf qophii dha; garuu ofii isaa dirqamaan gonkumaa si irratti hin
hojjetu. Hafuurri qulqulluun hafuura gaarummaa (gentle spirit) Waaqayyooti. Jireenya kee
Haa ta’u malee, maddoota gochaa masturbation balleessuu qabda. Sababni isaa hanguma
gochichi itti fufu, hanga fedhe yoo kadhatte, waadaa yoo galte yookiin furmaata fiduuf, bilisa
ba’uu hin dandeessu.
Masturbation akka firii muka irraa ti; mukti hidda isaa irraa hin citu taanan firii buusuu yookiin
summii nama miidhu maddisiisuu itti fufa. Hanguma mukichi akka turu heeyyamtu, miidhaa cimaa
geessisaa deema. Kanaafuu, maddoota gochaa masturbation balleessuun si irra jiraata.
Rakkoo hin qabu yaaltee irra deebitee kuftee? Seexanni tarii yaada kee irratti moo’icha argachuu
barbaadee? Abdii hin kutin; wal’aansoo keetti gammachuu qabaadhu! Kuni daandii ati ittiin gara
bilisummaatti ceetudha; sababni isaa Waaqayyo gara kee jira. Waaqayyo gara faallaa kee miti;
inni humna siif kennuuf, bilisa si baasuuf si waliin jira.
Amma Jalqabi!
Amma gochaalee ejjummaan walqabatan keessaa bahuu akka dandeessuuf tooftaalee tokko tokko
erga argattee; kanaafuu masturbation rakkina kee ta’uu hin danda’u. Gochaalee ejjaa fi
masturbation irraa fagaachuuf qabxiilee si gargaaran muraasa;
Wantoonni yookiin yaadoleen hin barbaachifne naannoo keenya jiran, kan gochaa ejjummaa
kanatti geessan maalidha?
Ibr. 12:1 irratti akkas jedha, “Egaa nuyi dhuga baatota akka duumessaa lafa uwwisan naannoo
keenyaa qabna; kanaafis koottaa wanta ba’aa nutti ta’u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates
of irraa fuunee dorgommee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiigna!”
Wanta ilaaluu qabdu hunda ilaaluu dhiisuu miti; wanti jalqaba irratti ati ilaaltu fayyummaa hafuura
keetiif sirrii ta’uu yoo baate, ilaalcha lammaffaa hanga dandeessu sirreessuu yaali!
Ilaalcha lammaffaa kee sirreessuu yoo hin dandeenye, ilaalcha sadaffaa kee sirreessuu ni
dandeessa; hanga garaa kee keessatti ejjuu jalqabdutti ammas, ammas, ammas gara saala
faallaa hin ilaalin!
Fak. 4:25 “Ijji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!”
Ofii keetti baay’ee dhiyoo ta’uu akkasumas Waaqayyotti dhiyoo ta’uu qabda; deebii deebisuufiirra
haalicha to’achuu danda’uu qabda.
Namni yommuu ejjitu si arguu dhiisuu danda’a; garuu Waaqayyoo fi si qofatu arga. Kanaafuu
sagalee ayyaanichaa, barsiisa inni akka ati gocha ejjummaa mormitu siif kennu dhaga’uun OF
GARGAARI!
Hafuurri qulqulluun yeroo hundumaa yaadolee kamiyyuu irratti maal gochuu akka qabdu (of
eeggannoo) siif kenna; wanti barbaachisaan ofiif gochuu qabdu sagalee hafuura qulqulluu
dhaggeeffachuu dha.
Kana qalbifannaan yommuu ejjuu jalqabdu, wanta gochuuf turte hatattamaan Waaqayyotti
himachuun dhiigni Yesus cubbuu kamirraayyuu akka si qulqulleessu of kennita.
Yaq. 1:15 “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee
du’a in dhala.” (Duuni asitti Waaqayyo irraa adda bahuu dha; hanga cubbuu kee himattutti
4. Fayyummaatti of Eegi!
Wantoota jireenya hafuuraa kee fayyummaatti eegan raawwachuu fi wantoota jireenya hafuuraa
kee gadi buusan irraa fagaachuu qabda.
Haasa’a saalqunnamtii gurra keetiin dhaggeeffachuu fi haasa’a mi’aa hin qabne dubbachuun
yookiin sirba saalqunnamtii arraba keetiin sirbuun gocha ejjummaa garaa keetti akka raawwattu si
taasisa. Fayyummaatti of eegi!
Wal tuttuqqiin qaamaa fedhii saalqunnamtiif godhamu, dhungoon, wal hammachuun, fedhii
saalqunnamtii kakaasa. Fayyummaatti of eegi!
Walitti dhufeenyi garmalee saala faallaa waliin jiraatu fedhii cimaa nama sana waliin akka
qabaattu taasisa. Namni sun haadha manaa / abbaa manaa seera qabeessaa kee ta’uu yoo baate
yaada ejjummaa isa/ishee waliin qabaachuuf dirqamta. Fayyummaatti of eegi!
Saala faallaa akka kitaaba qayyabattutti qorachuun yookiin yeroo hunda ija kee dura olkaa’uun
fayyummaa hafuuraa ta’uu hin danda’u. Yeroo ilaalchaa fi gochaa ejjummaatiin wal’aansoo
qabdu, wanti hundi rakkoo hin qabu hin jedhin! Fayyummaatti of eegi!
Namoonni gochaa masturbation keessatti argaman yeroo baay’ee miira gammachuu kan hin qabne
yeroo baay’ee miirri of tuffachuu kan itti dhaga’amuu dha. Gochi kuni Waaqayyo biratti
fudhatama akka hin qabaanne garaa isaaniitti ni amanu. Dhiibbaa hafuuratti guddachuu irraa nama
ittisuu dha.
1Yoh. 2:1 irratti akkas jedha, “Yaa ijoollee koo, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan
caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna,
innis Yesus Kristos isa qajeelaadha.”
Macaafa Fakkeenyaa. 4:23 irratti “wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan
ba’uuf yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!” jedha. Yesus Kristos, Mat. 15:19 irratti akkas
jedheera; “wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba’awo. Isaanis nama ajjeechaa,
ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, nama salphisuu.” Kanaaf, akkamitti
Armaan olitti hafuurri qulqulluun adeemsa daandii bilisummaa hordoftu irratti bifa kamiin
ciminaan si gargaaruu akka danda’u irratti dubbannee jirra. Hafuura qulqulluun yommuu
gaggeeffamtu adeemsa jireenya bilisummaa hordofuu keetti baay’ee gammadda.
Hafuura qulqulluun gaggeeffamanii jiraachuun ogummaa baratamuu dha; akka daa’ima
xiqqoo abbaa ishee waliin deemuu hawwituu dha. Adeemsichi baay’ee dadhabsiisaa, olee fi
gadee, bu’aa bahii qaba. Garuu, akkuma daa’imichi deemsa shaakaluu fi qajeelfama abbaa isaa
irraa fudhatuun daa’imichi adeemsa gaarii adeemuutti guddata.
Yeroo tokko tokko tarii daa’imichi qajeelfama abbaa isaa irra daddarbuun kufuu danda’a;
abbaan isaa harka qabee deebisee olkaasee adeemsichi itti fufa. Kanaafuu, adeemsichi hafuura
qulqulluudhaani; isa waliin adeemuu barachuu qabda.
Gal. 5:16 “Ani garuu, ‘hafuuraan gaggeeffamaa jiraadhaa malee fedha foonii hin
raawwatinaa!’ nan jedha” lakkoofsa 25 irraa, “nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura
kana duukaa bu’uu keenya.” Far. 46:1 “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya,
inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera.” 2Qor. 6:16 “manni qulqullummaa
Waaqayyoo immoo Waaqayyolii tolfamanii wajjin waliigaltee maalii qabu? Waaqayyo jiraata
Onneen kee duwwaa taa’uu hin danda’u; dubbii Waaqayyootiin guutuu yoo baatte, wantoonni
biro iddoo qabatu.
Qol. 3:6 “Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin
abboomne irratti] in dhufa.” Far. 119:9 “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa’ummaatti
eeguu danda’a? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda’a.”
Mat. 6 keessatti, kadhata Waaqayyoo keessaa, himni tokko “qoramatti nu hin galchin; hamaa
nu oolchi malee” jedha. Mat. 26:36-46 keessatti Gooftaa Yesus gara iddoo dhaabaa
Getesemaanee jedhamutti kadhata garaa irraa madde yommuu kadhatu ni argina. Bartoonni
isaa immoo rafanii isaan arge.
Yesus Kristos kadhataan yommuu mo’atu, Phexros immoo si’a sadi isa gane, sababni isaa
kadhatatti dadhabee waan tureef akka ta’e kutaa kana irraa ni hubanna.
Kadhanni muddama nutti dhufe mo’achuu akka dandeenyuuf humna cimaa nuuf kenna.
Muddama si mudate irratti Waaqayyoon yommuu waamattu, inni si oolcha. Hariiroo gaarii
hafuura qulqulluu waliin yoo qabaatte, akkuman armaan olitti ibse, Waaqayyoon kadhachuu
keetti dhuguma ni gammadda.
Ganama yeroo hundumaa akkuma hirriiba irraa kaateen Waaqayyoon kadhadhu, muddamatti
akka hin galle akka si eeguuf; dhugumatti Waaqayyo kadhata kee siif deebisa.
Mammaaksa baay’ee beekamaan tokko, akkas jedha, quba miidhame tokko uffata kee
keessa dhoksuu hin dandeessu, yoo akkas goote, quba sana dhabuudhaan xumurta; garuu yoo
akka mul’atu goote, nama si gargaaruu danda’u argatta.
Kanaafuu ejjaa fi masturbation waliin; nama amanamaa tokko si barbaachisa, kiristaana
hubannoon guddate. Namtichi tarii gaggeessaa waldaa kiristaanaa keessanii ta’uu danda’a.
Angafa kee yookiin fira kee ta’uus danda’a.
Wal’aansoo keessa jirtu itti himuun kee kallattii ittiin furmaata argattu jalqabuu keeti. Nan
beeka, kuni itti gaafatamummaa fudhachuu fi wanta salphaa miti. Itti hin dhiphatin! Anis itti
gaafatamummaa nan fudhadha, akkasumas daandii milkaa’ina kooti! Namni tokko dhugumatti
akkas jedheera, “Akka siif dhiifamu yoo barbaadde, cubbuu kee Waaqayyotti himadhu;
garuu akka fayyitu yoo barbaadde, nama biraatti himadhu.”
Yaq. 5:16 “Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis
kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu in danda’a.”
Nama sirriitti amantu tokko filadhu; nama dadhabina walfakkaataa si waliin hin qabne; Nama
sanaaf hanga inni si gargaaruu danda’utti, hariiroo Waaqayyo waliin qabdu hamma cimsutti
banaa ta’iif.
Yaadadhu, cubbuun dukkana keessa dhokachuu jaalata, garuu ifatti yommuu bahu humna
dhabaa adeema.
Kanan si jajjabeessu kophaatti akka hin duune, diina kee dhoksitee hin kunuunsin ifa baasii of
irraa loli!
A. 1Qor. 6:12 — “Namni, "Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu" jedhu jira; garuu
wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu"
nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.”
B. Mat. 5:27-28 "Yesus, 'Hin ejjin' jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu
isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera." Yaq.
1:13-15 "Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin
jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko
illee hamaadhaaf hin qoru. Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa
hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo
ga'ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du'a in dhala."
C. 1Qor. 7:9 “Of qabuu hin danda'an yoo ta'e garuu haa fuudhan, haa heerumanis;
kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.”
D. 1Qor. 7:3-4 "Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga'u, haati manaas
jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. Haati manaa abbaa manaa ishee malee,
dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha
manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda'u."
E. “Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in
faradama; wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha." (Rom. 14:23)
“Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa
ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” 1Qor. 10:31
A. Cubbuu akka ta'e sammuu ofii amansiisuu yookiin yaada raafamaa lama keessaa
ba'uu (don't be double minded): Filannoon lama hin jiru. (Yaq. 1:6-8 irratti "Garuu
utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa
qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti. Namni akkasii gooftaa biraa waa nan
Yaq. 4:7-10 — "Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa!
Innis isin dhiisee in baqata. Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri
cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa
keessan qulqulleeffadhaa! Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan
boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu! Goofticha duratti gad of
deebisaa, inni ol isin in qaba."
B. Himachuu fi furmaata barbaaduu: Fak. 28:13 irratti akkas jedha, “Namni irra-
daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus
garuu araara in argata.” 1Yoh. 1:9 — “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni
amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya
hundumaattiis nu qulleessa.”
“Ani Waaqayyoon waanan yakkeef hamma inni dubbii koo ilaalee dhugaa koo anaaf
baasutti dheekkamsa isaa isa boba'aa nan baadha; inni gara ifaatti na baasa, ani immoo
qajeelina isaa argee nan gammada.” — Mik. 7:9
2Phe. 1:3-4 — "Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu
waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan
Iyo. 31:1 — "Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija
hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?”
1Phe. 5:8 — “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo
beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.”
1Phe. 5:9 — “Dhiphinni sanyiin isa kan keessanii kun, obboloota keessan warra
guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu beekaatii, warra amantiitti
jabaattan ta'aa, Seexanaan mormaas!”
Filp. 4:8 — “Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina
qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'e, waanuma
jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta'e, waanuma galata qabu
yaadaa!”
Filp. 3:14 — “Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha;
gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu
waamee dha.”
Rom. 13:14 — “Gooftaa Yesus Kristosin akka uffata sibiilaatti uffadhaa malee, hawwa
namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!”
2Xim. 2:22 — “Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu,
warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii,
jaalala, nagaa duukaas bu'i!”
Yaq. 1:13 — "Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin
jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko illee
hamaadhaaf hin qoru."
Yaq. 1:14 — "Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan
harkifamee yommuu qabamu in qorama."
Yaq. 1:15 — "Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga
raawwatamee du'a in dhala."
Ibr. 12:1 — "Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa
qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa
fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!"
Ibr. 12:2 — "Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu.
Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo
isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis
gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e."
Ibr. 12:3 — "Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu
cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa!"
- Xumura -
Website: https://gracemedia.kbibleverses.com
Email1: getuabera041@gmail.com
Phone: +251919872853
Telegram: Username: @Getu_Abera
Channel1: https://t.me/Gaggeessummaa
Channel2: https://t.me/Reading_PDF
Channel3: https://t.me/Getu_Official
Group: https://t.me/Daandii_Guddinaa